Neemiyaa 9

GAZGAZAfaan Oromoo38 Keeyyattoota12:04 Dhaggeeffadhu
Dhaggeeffadhu 12:04 · Idilee · Diraamaawaa Biblight keessatti bani

1Ji'ichattii gaafa guyyaa digdamii afuraffaa Israa'eloonni uffata gaddaa uffatanii, awwaaras mataa isaanii irratti firfirfatanii, soomuudhaaf walitti in qabaman.

2Sanyii Israa'el kan ta'an hundinuu warra ormaa irraa gargar ba'anii dhaabatanii cubbuu ofii isaanii fi irra-daddarbaa abboota isaanii in himatan.

3Iddoodhuma isaanii dhaabatanii sa'aatii sadiif macaafa seera Waaqayyo gooftaa isaanii in dubbifatan; akkasumas sa'aatii sadiif cubbuu isaanii himachaa Waaqayyo gooftaa isaaniitiif in sagadan.

4Lewwoonni warri buusaa ol ka'aa irra dhaabatanii sagalee isaanii ol fudhatanii Waaqayyo gooftaa isaanii waammatan Iyaasuu, Baanii, Qadmii'el, Shebanyaa, Bunii, Sherebiyaa, Baanii fi Kenaanii turan.

5Lewwoonni warri Iyaasuu, Qadmii'el, Baanii, Hashabniiyaa, Sherebiyaa, Hodiyaa, Shebanyaa fi Fitaahiyaa jedhaman, “Ka'aatii Waaqayyoon gooftaa keessan isa bara baraa jajadhaa!“Maqaan kee inni ulfina-qabeessi, inni wanta jajamuu fi waan galateeffamu hundumaa gara irraa jiru haa eebbifamu!” jedhaa!” jedhan.

6Yommus Israa'eloonni,“Si'uma duwwaatu Waaqayyoo dha, bantiiwwan waaqaa fi bantii waaqaa isa bantiiwwan waaqaa gara irraa jirus, macca isaanii hundumaas, lafa, wanta isa irra jiru hundumaas, galaana, wanta isa keessa jiru hundumaas situ uume; isaan kana hundumaa situ jiraachisa; macci waaqa keessaas siif in sagadu.

7Ati Waaqayyo isa Abraamin fo'attee Ur biyya Kaldootaa keessaa baaftee maqaa isaa “Abrahaam” jettee moggaaftee dha.

8Akkasumas yaadni isaa amanamaa ta'ee si duratti waan argameef, biyya Kana'aanotaa, biyya Heetotaa, biyya Amoorotaa, biyya Pheriizotaa, biyya Yibusootaa fi Girgaashotaa isaaf sanyii isaatiif kennuudhaaf kakuu in galteef; ati qajeelaa waan taateef, isa abdachiifte in raawwatteef.

9“Biyya Gibxitti gad qabamuu abboota keenyaa argitee, galaana diimaa birattis iyya isaanii dhageessee,

10mootiin Gibxii, hojjetoonni isaa warri gurguddoonni, namoonni biyya isaatii hundinuus saba kee irratti gooftummaa argisiisuudhaan akka rakkisan beektee milikkitaa fi dinqii isaan irratti in raawwatte; kanaanis maqaan kee akkuma har'aa kana akka beekamu in goote.

11Galaanicha fuula isaanii dura ture gargar hirtee, lafa gogaa irra isa keessa akka darban in goote; warra isaan ari'aa turanis akka nama dhagaa bishaan guddaatti darbatutti tuujjubatti gad isaan in darbatte.

12Saba kee garuu, guyyaa utubaa duumessaatiin, halkanis karaa isaan irra adeeman akka isaaniif ibsutti utubaa ibiddaatiin in geggeessite.

13Ati bantii waaqaa irraa tulluu Siinaa irratti gad buutee isaanitti dubbattee, firdii qajeelaadhaa fi seera dhugaa, seerrataa fi abboommii gaariis isaaniif in kennite.

14Karaa garbicha kee Musee, Sanbanni kee inni qulqulluun isaan biratti akka beekamu gootee, abboommii, seerrataa fi seera in kenniteef.

15Yeroo beela'anitti waaqa irraa buddeena isaaniif kennitee, yeroo dheebotanittis kattaa keessaa bishaan isaaniif baafte; biyya ati akka isaan qabataniif harka ol fuutee isaaniif kakattetti akka galaniif isaan in abdachiifte.

16“Abboonni keenya garuu of bokoksanii mataa jabaatan malee, abboommii keef tole hin jenne.

17Isaan garuu abboomamuu in didan; mataa jabaatanii didanii ka'uu isaaniitiin gara mana garbummaatti deebi'uudhaaf dura buutuu fo'atan malee, dinqii ati isaan gidduutti hojjette hin yaadanne; ati immoo Waaqayyo isa cubbuu namaaf dhiisuudhaaf qophaa'ee dha, araara-qabeessaa fi o'a-qabeessas; dheekkamsaaf suuta jetta, gaarummaan kee guddaa waan ta'eefis ati isaan hin ganne.

18Yommuu isaan dibicha tolfatanii,“Waaqayyo kee inni biyya Gibxii si baase isa kana” jechuu isaaniitiin arrabsoo guddaa hammamii si arrabsan!

19Kana keessaa immoo araara kee isa guddaa irraa kan ka'e, lafa onaa keessatti isaan hin ganne; utubaa duumessaa isa guyyaa karaa isaanitti argisiisaa ture, utubaa ibiddaa isa halkan karaa isaan irra adeeman ibsaafii tures isaan duraa hin fuune.

20Hafuurri kee inni gaariin akka isaan barsiisuuf isaaniif kennite; maannaa isaaniif kennuus harka keessa hin qabanne; yeroo isaan dheebotanis bishaan isaaniif kenniteetta.

21Ati lafa onaa keessatti waggaa afurtama wanta isaan barbaachisu isaaniif kennite; homtuu isaanitti hin hir'anne, uffanni isaanii isaan irratti hin dhumne, miilli isaaniis hin iitofne.

22“Ati karaa golee hundumaa mootummootaa fi saba lafa irraa isaaniif in kennite; isaanis biyya Sihoon mootii Heshboonii fi Oog mootii Baashaan in qabatan.

23Ijoolleen isaanii akka urjoota waaqa keessaa akka baay'atan gootee, gara biyya isa abboonni isaanii itti lixanii akka qabataniif abdachiiftetti isaan in galchite.

24Ijoolleen isaaniis itti lixanii biyyicha in qabatan; atis saba biyya Kana'aan gad deebiftee mootota isaanii fi namoota biyya sanaa wajjin akka fedhan akka isaan godhaniif harka isaanii jala in galchite.

25Isaan mandaroota gurguddaa dallaa dhagaa qaban, lafa coomaa, manneen mi'a gaggaariidhaan guutaman, boolla bishaanii qotamanii qophaa'an, iddoo dhaabaa waynii fi ejersaa akkasumas mukkeetii iji isaanii nyaataman baay'ee in qabatan; isaan nyaatanii quufanii in gabbatan; gaarummaa kee isa guddaadhaanis qannootti in jiraatan.

26“Booddee garuu isaan si didanii ka'an malee, hin abboomamne, seera kees of duubatti in gatan; raajota kee warra gara keetti isaan deebisuuf jedhanii dhugaa isaanitti ba'an in ajjeesan; kana gochuun isaaniis arrabsoo guddaa hammamii ture!

27Kanaaf ati harka diinota isaanii warra isaan dhiphisaniitti dabarsitee isaan in kennite; isaanis yommuu dhiphatan sitti in iyyatan; ati bantii waaqaa irraa isaaniif dhageessee, akka baay'ina araara keetiitti, harka diinota isaanii keessaa baasee kan isaan oolchu isaaniif in kennite.

28Erga takka aara galfatanii garuu, isaan deebi'anii si duratti hamaa hojjechuutti in ka'an; atis harka warra isaan jibbaniitti isaan kennite, warri isaan jibbanis isaan in mo'an; yeroo isaan deebi'anii sitti iyyatanitti immoo ati bantii waaqaa irraa isaan dhageessee akka araara keetiitti si'a baay'ee isaan oolchiteetta.

29Gara seera keetiitti akka isaan deebi'aniif, ati isaan gorsiteetta; isaan garuu of bokoksanii abboommii kee dhaga'uu in didan; wanta si duratti qajeelaa ta'e isa namni eegee ittiin jiraatu irrattis ka'anii in yakkan; mataa jabaatanii didanii dugda sitti gatan malee, si hin dhageenye.

30Haa ta'u iyyuu malee, ati bara baay'ee isaaniif obsitee, karaa raajota keetii hafuura keetiin isaan in gorsite; isaan garuu si dhaga'uu waan didaniif, harka saba naannoo sana jiraniitti isaan in laatte.

31Ati Waaqayyo araara-qabeessaa fi o'a-qabeessa waan taateef, baay'ina araara keetiif jettee isaan balleessuu, isaan gatuus in dhiifte.

32“Kanaafis yaa Waaqayyo keenyaa, gooftaa guddaa gooftaa aango-qabeessaa fi sodaatamaa! Yaa isa kakuu keetii fi gaarummaa kee eegduu! Rakkinni bara mootota Asorii hamma har'aatti nu irra, mootota keenya irra, gurguddoota keenya irra, luboota keenya irra, raajota keenya irra, abboota keenya irra, guutummaa saba kee irras ga'e, fuula kee duratti wanta xinnootti hin ilaalamin!

33Wanta nu irra ga'e hundumaafuu ati dhugaa qabda, nuyi garuu waan jal'aa hojjenne.

34Mootonni keenya, gurguddoonni keenya, luboonni keenya, abboonni keenyas seera kee duukaa hin buune, abboommii kee fi gorsa ati isaan gorsites hin dhaggeeffanne.

35Isaan biyya bal'aa fi coomaa ati laatteef keessatti, bara mootummaa isaanii isa ati arjummaa itti argisiifte keessatti iyyuu siif hin hojjenne, hojii isaanii isa hamaa irraas hin deebine.

36Kunoo, har'a nuyi garboota; biyya abboonni keenya midhaan isaaf wanta gaarii inni baasu akka nyaataniif, ati kenniteef keessatti nuyi garboota taane.

37Wanti baay'een lafichi kennu, mootota warra ati sababii cubbuu keenyaaf nu irra keesseef in gala; isaan nuuf horii keenya irratti akka jaallatan in hojjetu; nuyi rakkina guddaa keessa jirra.

38Yaada kana hundumaas nuyi caaffataan walii galtee tokko in dhaabna; isas gurguddoonni keenya, Lewwoonni keenyaa fi luboonni keenya mallattoo isaaniitiin in cimsu” jedhan.

Ibsa

9:1-3

Dubbiin kadhannaa ni qajeelcha, akkasumas ni jiraachisa; Hafuurri Qulqulluun isaaniin dadhabina keenya kadhannaa keessatti nu gargaaraatii. Dubbii Waaqayyoo of eeggannoodhaan qorachuun keenya danda'aa deemee cubbuu keenya ofii keenyaa fi furamuu Isaa isa baay'ee nuuf mul'isa; kanaaf cubbuu keenyaaf gaddaan boochuu fi Isatti gammaduuf nu waama. Dhugaan Waaqayyoo hunduu yoo nuuf mul'atu, Dubbii Isaa Qulqulluu dhaggeeffachuu fi sagada Isaa irratti caalmaatti dadhabina malee akka taanu nu taasisuu qaba.

Boqonnaa 9

Guyyaan kudhanffaan ji'a torbaffaa, ayyaana xurumbaa (Boq. 8:2) fi ayyaana daasii (lak. 14) gidduutti, guyyaa araaraa akka ta'u murtaa'eera; kunis sirriitti akka kabajame amanuuf sababii hin qabnu, yoo hin dubbatamneellee. Garuu asitti soomana yeroo sanaa, haala dhimmoota isaanii wajjin walqabatee, torban lama booda eegameef ibsa qabna, kunis akkuma sana guyyaa gadadoo ture. Yeroon boo'ichaaf jiru akkuma yeroon kolfuuf jiru jira. Asitti ibsa qabna.

I. Soomanichi akkamitti akka eegame (lak. 1-3).

II. Mata dureewwan kadhannaa yeroo sana Waaqayyoof dhihaate, kan keessatti arjummaa Waaqayyoo galateeffannaan beekan, cubbuu isaanii gaabbiin himatan, fi murtoowwan isaan irra ga'an keessatti harka qajeelaa Waaqayyoof gad of deebisan, akkasumas ajajamuuf murtoo haaraa cimaa gochuun xumurame (lak. 4-38).

Lakk. 1-3

Asitti soomana ummataa ijoolleen Israa'el eegan, tarii ajaja Nahimiyaatiin, gorsaafi hayyama maanguddoota abbootii wajjin, ibsa waliigalaa qabna. Soomanichi namootaan kan murtaa'e ture, garuu soomana Waaqayyo filate ture; sababiin isaas,

1. Guyyaa lubbuu gadadoo gochuuti ture, Isa. 58:5. Tarii isaan mana qulqullummaa keessatti walitti qabaman, achittis uffata gaddaa uffatanii, akka warra gaddanitti, lafa mataa isaanii irra godhatanii mul'atan, lak. 1. Mul'ata gaddaa fi gadadoo alaa kanaan Waaqayyoof ulfina kennan, ofii isaaniitti qaanfatan, walis gara gaabbiitti kakaasan. Boo'uu irraa dhoorkamanii turan, Boq. 8:9, garuu amma boo'uuf qajeelfaman. Gammachuu ayyaanota qulqulluu keenyaa, yeroo isaan dhufan, gaddaan soomana keenyaa isa ulfaataa bakka bu'uu qaba. Wantoonni hundinuu yeroo isaaniitti bareedoo dha.

2. Guyyaa hidhaa hamminaa hiikuuti ture, kunis soomana Waaqayyo filate dha, Isa. 58:6. Kana malee, uffata gaddaa fi daaraa of jala afuun tapha qofa. Sanyii Israa'el, sanyii qulqulluu waan turaniif, Waaqayyoof kan qulqullaa'an fi ollaa isaanii irra kan caalan waan turaniif, namoota oromoo hunda kan isaan waliin makamanii fi hidhata godhatan irraa of addaan baasan, lak. 2. Izraan waggoota muraasa dura haadha manaa oromoo isaanii irraa isaan addaan baasee ture, garuu isaan cubbuu sana keessatti deebi'anii turan, akkasumas gaa'ela godhatanii yookiin yoo xiqqaate michummaa uumanii, walitti dhufeenya isaanitti gufuu ta'u uumanii turan. Garuu amma ijoollee oromoo irraa akkasumas haadha manaa oromoo irraa of addaan baasan. Warri kadhannaafi kakuudhaan Waaqayyotti makamuu barbaadan cubbuu fi cubbamoota irraa of addaan baasuu qabu; ifni dukkanaa wajjin walitti dhufeenya akkamii qaba ree?

3. Guyyaa Waaqayyo wajjin tokkummaa qabaachuuti ture. Isaaf, isaaf jedhanii soomanan (Zak. 7:5); sababiin isaas,

(1.) Kadhannaan isa dubbisan, cubbuu isaanii himachuudhaan fi Gooftaa fi Waaqayyo isaanii ta'uudhaan isa waaqeffachuudhaan jaalala isaanii isa amantaa fi qulqulluu isaaf dhiheessan. Soomanni kadhannaa malee qaama lubbuu hin qabne, foon gatii hin qabne dha.

(2.) Dubbii isaatiin isaanitti dubbachaa isa dhaga'an; sababiin isaas, kitaaba seeraa keessatti dubbisan, kunis guyyoota soomanaa irratti baay'ee sirrii dha, akka daawwitii seeraa keessatti fokkinnaa fi xuraa'ummaa keenya arginu, akkasumas maal akka himannu fi maal akka sirreessinu beeknu. Dubbiin kadhannaa ni qajeelchaa fi ni ariifachiisa, sababiin isaas kanaan Hafuurri dadhabina kadhannaa keenya ni gargaara. Akkamitti yeroon lamaan gidduutti walqixa akka qoodame ilaalaa. Sa'aatii sadii (kunis kutaa guyyaa keessaa afraffaa dha) qulqulluu dubbisuu, hiikuu fi hojiirra oolchuudhaan dabarsan, sa'aatii sadiis cubbuu himachuufi kadhachuudhaan; kanaaf isaan sa'aatii ja'a walitti turan, yeroo hundas hojii amantaa isa ulfaataa keessatti dabarsan, 'Kun hammam nama nuffisiisa!' osoo hin jedhin. Hojiilee jijjiiruun isaa nuffisiisaa akka hin taane godhe, akkasumas dubbiin isaan dubbisan dhimma kadhannaaf isaanitti kennu waan ta'eef, kadhannaan dubbicha caalaatti bu'a qabeessa taasisa. Phaaphaasii Paatirik isaan guyyaa guutuu sa'aatii kudha lama hojii amantaa keessatti dabarsan jedhee yaada, jechuunis ganama sa'aatii ja'aa hanga sagaliitti dubbisan, achiis sagalii hanga kudha lamaatti kadhatan, kudha lamaatii hanga sadiitti deebisanii dubbisan, sadii hanga galgala sa'aatii ja'aatti deebisanii kadhatan. Dubbiin guyyaa soomanaa hojii gaarii dha, kanaaf hojii guyyaa, hojii guyyaa gaarii, isaa gochuuf yaaluu qabna.

9:4-38 Guduunfaan kadhannaawwan isaanii asitti galmeeffamee jira. Shakkii tokko malee, kana caalaa baay'een dubbatameera. Hojii dirqamaa tokko raawwachuuf dandeettii nuti qabnu hunda, dandeettii keenya guutummaatti Waaqayyoon tajaajiluu fi ulfeessuu qabna. Yeroo cubbuu keenya qirraatannu, akka nuti caalaatti salphannuu fi yeellaanuuf, arjooma Waaqayyoo hubachuun gaariidha. Adeemsi Gooftaa gaarummaa isaa fi obsa isaa dheeraa, akkasumas jabeenya garaa isaanii agarsiise. Dhugaa ba'umsi raajotaa sun Hafuura isa raajota keessa turee fi Hafuura Kiristoos isa isaan keessa ture sana ture. Hafuura Qulqulluudhaan geggeeffamanii dubbatan; wanti isaan jedhanis akkasuma fudhatamuu qaba. Bu'aan isaa, arjooma Gooftaa dinqisiifachuu fi cubbuun gara haala isaanii ammaa isaan fideera, kana irraas jaalala hin malleen malee homtinuu isaan furuu akka hin dandeenye hubatame. Amalli isaanii kun fakkeenya uumama namaa mitii? Seenaa biyya keenyaa fi seenaa mataa keenyaa haa qo'annu. Faayidaawwan ijoollummaa keenya irraa arganne haa yaadannu, akkasumas deebii keenya jalqabaa maal ture jennee haa gaafannu.

Ibsa guutuu dubbisi Sagalee, ibsa guutuu fi dubbisa toora alaa

Hiikkoowwan8 · 6

AMHEVG በዚህም ወር በሀያ አራተኛው ቀን የእስራኤል ልጆች ጾመው፥ ማቅም ለብሰው፥ በላያቸውም ትቢያ ነስንሰው ተከማቹ። አማርኛ ENGNIV On the twenty-fourth day of the same month, the Israelites gathered together, fasting and wearing sackcloth and having … English BCV ኣብ መበል ዕስራን ኣርባዕተን መዓልቲ ናይዛ ወርሒ እዚኣ፥ ደቂ እስራኤል ተኣኪቦም፥ ወጮ ተኸዲኖም፥ ሓመድ ኣብ ርእሶም ነስኒሶም ፆሙ። ትግርኛ GAZBIB Ji'ichattii gaafa guyyaa digdamii afuraffaa Israa'eloonni uffata gaddaa uffatanii, awwaaras mataa isaanii irratti firfi… Afaan Oromoo BCV GIZ ወአመ ተሱዑ ለጽልመተ ውእቱ ወርኅ ተጋብኡ ደቂቀ እስራኤል ወጾሙ ወለብሱ ሰቀ ወወደዩ ሐመደ ዲበ ርእሶሙ። giz BCV aksum ኣብ መበል ዕስራን ኣርባዕተን መዓልቲ ናይዛ ወርሒ እዚኣ፥ ደቂ እስራኤል ተኣኪቦም፥ ወጮ ተኸዲኖም፥ ሓመድ ኣብ ርእሶም ነስኒሶም ፆሙ። ትግርኛ AMHNIV በዚያኑ ወር ሃያ አራተኛ ቀን እስራኤላውያን ጾመው፣ ማቅ ለብሰው፣ በራሳቸው ላይ ትቢያ ነስንሰው በአንድነት ተሰበሰቡ። አማርኛ SWAHSUV Hata siku ya ishirini na nne ya mwezi huo wana wa Israeli wakawa wamekusanyika, wakifunga, wenye kuvaa magunia, na kuji… Kiswahili