Furmaata
7 Lakkoofsota2Afaan OromooEfesoona 1:6-7
Ibraa'oota 9:11-15
11Kristos garuu wanta gaggaarii dhufuuf jiraniif angafa lubootaa ta'ee yeroo mul'ate, gara godoo isa caalaa guddaa fi isa caalaa raawwatamaa keessaatti darbe; godichis harkaan hin ijaaramne, waan uumame kana keessaas hin qabu.
12Kristos aarsaadhaaf dhiiga re'ootaa fi dhiiga jibootaa baate utuu hin ta'in, dhiiga ofii isaa dhangalaasuu isaatiin al tokko bara baraan gara iddoo isa hundumaa irra caalaa qulqulluutti ol gale; nuufis furee bara baraa argate.
13Egaa dhiiga re'ootaa fi korommii, daaraa foon goromsa aarfamtees, namoota xuraa'an sanatti facaasuun, xuraa'ummaa foon isaanii irraa isaan in qulleessa erga ta'ee,
14dhiigni Kristos isa hafuura bara baraatiin, aarsaa mudaa hin qabne godhee ofii isaa Waaqayyoof dhi'eesse immoo, isin hojii isa du'atti geessu dhiiftanii, Waaqayyo isa jiraataadhaaf hojjetoota akka taataniif, hammam guddaa caalchisee yaada garaa keessanii haa qulleessu ree?
15Kanaafis gidduu galee kakuu haaraa Waaqayyoo fi namoota gidduu kan dhaabu isa; irra-daddarbaa kakuu isa duraa jalatti hojjetan irraa duuni isaan furu erga argamee, kakuun haaraan sun, warri bara baraan itti darbanii fudhachuudhaaf waamaman abdii sana akka argataniif in barbaadama.