Injifachuu

15 Lakkoofsota15Afaan Oromoo

Yohaannis 16:33

33Anatti qabamtanii nagaa akka qabaattaniif ani kana hundumaa isinitti hime; biyya lafaatti rakkina qabdu, garuu jabaadhaa! Ani biyya lafaa mo'eera? jedhe.

Roomaa 12:21

21Waan gaariidhaan isa hamaa mo'i malee, hamaan si hin mo'in!

Luqaas 1:37

37Waaqayyoof wanti dadhabamu hin jiru? jedhee deebiseef.

1ffaa Qorontos 15:57

57Waaqayyo isa karaa gooftaa keenya Yesus Kristos mo'icha nuuf kennuuf immoo galanni haa ta'u.

1ffaa Yohaannis 5:4

4Sababii namni mucaa Waaqayyoo ta'e hundinuu biyya lafaa mo'uuf, ba'aa ulfaatoo itti hin ta'an; humni ittiin biyyi lafaa mo'amu kunis amantii keenya.

Roomaa 8:37

37Waan nu irra ga'e hundumaatti garuu, karaa isa nu jaallatee mo'icha guddaa arganna.

Faarfannaa 3:3

3Ati garuu yaa Waaqayyo, naannoo kootti gaachana anaaf in taata; ati ulfina koo ti, mataa koos ol ol in qabda.

Ibraa'oota 12:1

1Egaa nuyi dhuga-baatota akka duumessaa lafa uffisan naannoo keenyaa qabna; kanaafis kottaa wanta ba'aa nutti ta'u hundumaa, cubbuu isa nutti qabates of irraa fuunee, dorgomee isa nu dura jiru obsaan dandeenyee in fiignaa!

Yohaannis 1:5

5Ifichi dukkana keessatti in ibsa, dukkanichi immoo isa bira ga'uu hin danda'u.

1ffaa Ximotewos 6:12

12Wal'aansoo amantii isa gaarii sana jabeessii qabi! Jireenya bara baraas harka kee keessa galfadhu! Isaaf waamamtee, dhuga-baatuu baay'ee duratti amantii kee ba'eessa gootee beeksifteetta.

1ffaa Pheexiroos 5:8

8Of qabaa, dammaqaas! Seexanni hamajaajiin keessan akka leenci yeroo beela'utti aadaa naanna'utti, nama liqimsuu barbaadee in naanna'a.

1ffaa Yohaannis 4:4

4Ijoollee ko! Isin kan Waaqayyoo ti, raajota sobduu sanas mootaniittu; hafuura isa biyya lafaa keessa jiru sana irra, isa isin keessa jirutu caala'o.

1ffaa Yohaannis 5:5

5Eenyutu biyya lafaa mo'uu danda'a? Yesus ilma Waaqayyoo ta'uu isaa nama amanu duwwaatu biyya lafaa mo'uu danda'a.

Mul'ata 3:21

21Ani ofii kootii mo'ee abbaa koo wajjin teessoo isaa irra akkuman taa'e, inni mo'u anaa wajjin teessoo koo irra akka taa'uuf aboo nan kennaaf.

Zakaariyaas 9:9

9Isin yaa namoota Xiyoon, guddaa gammadaa! Isin yaa namoota Yerusaalem, guddisaatii sagalee gammachuu dhageessisaa! Kunoo! Mootiin keessan inni qajeelaan, inni mo'aan, gad of deebisee, harree yaabii keessaa ilmoo harree irra taa'ee gara keessan in dhufa.