Ijoollee

20 Lakkoofsota19Afaan Oromoo

Ba'uu 20:12

12“Biyya ani Waaqayyo gooftaan kee siif kennu keessa bara dheeraa akka jiraattuuf, abbaa kee fi haadha keef ulfina kenni!

Keessa Deebii 12:28

28Ammas ati ija Waaqayyo gooftaa keetii duratti waan gaarii fi waan qajeelaa yeroo hojjettu, siif, si booddeedhaanis ijoollee keetiif bara baraan gaarii akka ta'uuf, dubbiin amma si abboomu kana hundumaa of eeggadhuutii dhaggeeffadhu!

Faarfannaa 103:17

17Gaarummaan Waaqayyoo garuu baraa hamma bara baraatti, warra isa sodaataniif, qajeelummaan isaas ijoollee ijoollee isaaniitiif itti in fufa;

Faarfannaa 127:3

3Ilaa ijoolleen kennaa Waaqayyoo ti, dhala godhachuunis bu'aa inni namaaf kennuu dha.

Fakkeenya 1:8

8Yaa ilma ko, gorsa abbaa keetii dhaga'i, barsiisa haadha keetiis hin tuffatin.

Fakkeenya 4:1

1Yaa ilmaan ko, gorsa abbootaa dhaga'aa, akka hubattanitti yaadaan duukaa bu'aatii dhaggeeffadhaa!

Fakkeenya 6:20

20Yaa ilma ko, abboommii abbaa keetii eegi, barsiisa haadha keetiis hin tuffatin!

Fakkeenya 10:1

1Fakkeenyonni Solomoon kanatti aananii jiru; ilmi ogeessi abbaa isaa in gammachiisa, ilmi gowwaan garuu haadha isaa gaddisiisa.

Fakkeenya 13:22

22dhaalli nama gaarii ijoollee ijoollee isaatiitti in darba, qabeenyi nama cubbamaa garuu, nama qajeelaadhaaf in kaa'ama.

Fakkeenya 13:24

24Namni ilma isaa karaabaadhaan reebuu dhiisee qusatu isa jibbuu isaa ti, namni ilma isaa dafee adabu garuu isa jaallachuu isaa ti;

Fakkeenya 15:20

20Ilmi ogeessi abbaa isaa in gammachiisa, namni gowwaan garuu haadha isaa in tuffata;

Fakkeenya 17:6

6akaakaawwan maanguddootaaf, abboonnis ijoollota isaaniitiif gonfoo dha;

Fakkeenya 20:7

7Namni qajeelaan jireenya mudaa hin qabne jiraata, isa booddees ijoolleen isaa in gammadu.

Fakkeenya 22:6

6Akka itti jiraachuun ta'u mucaa barsiisi! Innis yommuu dulloomu iyyuu irraa hin kaatu.

Fakkeenya 23:13-14

13Mararfattee mucaa adabuu hin dhiisin, karaabaadhaan yoo rukutte inni hin du'u;

14karaabaadhaan isa yoo rukutte, lubbuu isaa iddoo lafa jalaa dhaquu in oolchita.

Fakkeenya 23:24

24Abbaan nama qajeelaa guddaa in gammada, inni ilma ogeessa dhalches isatti in gammada.

Maatewos 18:10

10Yesus, ?Isaan xixinnayyoo kana keessaa tokko illee akka hin tuffanne ilaaladhaa! Ani isinittan hima, waaqa irraa ergamoonni warri isaan eeguudhaaf kennaman guyyaa hundumaa fuula abbaa koo isa waaqa irraa duratti in argamu'o. [

Maatewos 19:14

14Yesus immoo, ?Lakkisaa mucoolii dhiisaa, gara koo dhufuu isaan hin dhowwinaa! Mootummaan waaqaa warra akkasiitiif in ta'a? jedhe.

Luqaas 9:48

48Isaaniin immoo, ?Mucaa kana maqaa kootiin kan simu ana sima, kan na simus isa na erge sima; isin keessaa hundumaa irra kan xinnaatu, inni guddaa in ta'a? jedhe.