Irbaata Dhumaa
14 LakkoofsotaAfaan OromooMaarqos 14:12-25
12Jalqaba ayyaana Maxinootti, namoonni hoolaa Faasiikaa erga qalanii booddee, bartoonni isaa, ?Hoolaa Faasiikaa akka nyaattuuf eessa dhaqnee akka qopheessinu barbaadda?? jedhanii Yesusin gaafatan.
13Yommus inni bartoota isaa keessaa lama ergee, ?Mandarichatti lixaa! Namni okkotee bishaanii baatu tokkos isinitti in dhufa; isa duukaa dhaqaa!
14Manuma namichi itti galuttis abbaa manaatiin, ?Manni keessummaa kan ani bartoota koo wajjin keessatti irbaata Faasiikaa nyaadhu eessa? siin jedha barsiisaan? ittiin jedhaa!
15Namichi yommus mana mana irraa keessaa kutaa bal'aa, mi'a manaatiin guutee afame tokko, isinitti in argisiisa. Achitti nuuf qopheessaa!? jedhe.
16Bartoonni sun ka'anii gara mandaraa dhaqan; akkuma inni isaanitti himettis argatanii, achitti irbaata Faasiikaa qopheessan.
17Yommuu galgalaa'e Yesus bartoota isaa kudha lamaanii wajjin in dhufe.
18Maaddiitti taa'anii nyaachaa utuu jiraniis Yesus, ?Dhuguman isiniin jedha, isin keessaa, inni anaa wajjin nyaachuutti jiru tokko, dabarsee na kennuuf jira? jedhe.
19Isaan yommus gaddanii wal harkaa fuudhaniis, ?Anaan jechuu kee miti! Mitii ree?? ittiin jechuu jalqaban.
20Inni immoo, ?Warra kudha lamaan keessaa tokko, isa anaa wajjin qodaa ittootti cuuphatuu dha.
21Ilmi namaa illee akkuma waa'ee isaaf caafametti du'uuf in dhaqa; garuu namicha ilmi namaa harka isaatiin dabarfamee kennamu sanaaf wayyoo! Namichi sun utuu hin dhalanne ta'ee in wayyaaf ture? isaaniin jedhe.
22Utuu nyaachaa jiranii, Yesus buddeena fuudhee, eebbisee, cabsees bartoota isaatiif kennee, ?Fudhadhaa, kun dhagna koo ti!? jedhe.
23Xoofoos fudhatee Waaqayyoof galata galchee, isaaniif kenne; isaanis hundumtuu xooficha keessaa in dhugan.
24Inni immoo, ?Kun dhiiga koo ti, dhiiga kakuu dhaabate sana cimsuudhaaf namoota baay'eedhaaf dhangala'ee dha.
25Hamma guyyaa gaafa ani mootummaa Waaqayyoo keessatti isa haaraa dhugutti, deebi'ee daadhii waynichaattii akkan hin dhugne dhuguman isinitti hima? isaaniin jedhe.