Ilma Abbaa Maasii Wayinii
8 LakkoofsotaAfaan OromooLuqaas 20:9-16
9Yesus itti aansee fakkeenya kana namootatti hime; ?Namichi tokko muka waynii baay'ee lafa isaa irra dhaabee, namoota hojjetanii eeganiis, isaa wajjin ija isaa irraa hirmaatanitti kennatee, biyya tokko dhaqe; achis baay'ee ture.
10Yeroon isaa yommuu ga'e, warri waynicha eegan ija isaa irraa itti haa kennaniif, hojjetaa isaa tokko itti erge; isaan garuu hojjetaa sana reebanii harka isaa duwwaa isa gad dhiisan.
11Hojjetaa kan biraa immoo itti erginaan, isas reebanii, salphisanii, harka isaa duwwaa isa gad dhiisan.
12Isa sadaffaas immoo itti erginaan, isa madeessanii, dallaa waynichaa keessaa daddarbatanii, gad baasan.
13?Ergasii abbaan waynichaa, ?Maal godhu? Amma immoo ilma koo isa jaallatamaa ittan erga, tarii isa in safeeffatu ta'a? jedhe.
14Warri eegduun garuu yommuu isa argan, ?Isa kana abbaa waynichaa kan dhaalu, kottaa dhaalli isaa nuuf akka ta'utti isa in ajjeefna!? waliin jedhan.
15Akkuma jedhanis dhaabaa waynichaa keessaa diidatti baasanii, isa ajjeesan. Egaa abbaan waynichaa maal isaan godha laata ree?
16In dhufa, warra eegduu sanas in fixa, waynicha immoo kan biraatti in kennata? jedhe. Kana dhageenyaanis namoonni, ?Waaqayyo kana haa oolchu!? jedhan.