Irbaata

13 Lakkoofsota6Afaan Oromoo

Maarqos 14:22-24

22Utuu nyaachaa jiranii, Yesus buddeena fuudhee, eebbisee, cabsees bartoota isaatiif kennee, ?Fudhadhaa, kun dhagna koo ti!? jedhe.

23Xoofoos fudhatee Waaqayyoof galata galchee, isaaniif kenne; isaanis hundumtuu xooficha keessaa in dhugan.

24Inni immoo, ?Kun dhiiga koo ti, dhiiga kakuu dhaabate sana cimsuudhaaf namoota baay'eedhaaf dhangala'ee dha.

Luqaas 22:19-20

19Buddeenas fuudhee, Waaqayyoof galata galchee, cabsee isaaniifis kennee, ?Kun dhagna koo ti [isiniif kan kennamu, kanas seenaa kootiif godhadhaa!? jedhe.

20Akkasumas irbaata booddee xooficha fudhatee, ?Xoofoon kun kakuu isa haaraa dhiiga koo isa isiniif jedhee dhangala'uun dhaabatuu dha].

Yohaannis 6:35

35yommus Yesus, ?Ana buddeenni jireenyaa, gara koo kan dhufu hin beela'u, kan anatti amanus matumaa hin dheebotu.

Yohaannis 6:51

51Ani buddeenicha jiraataa isa waaqa irraa gad bu'ee dha; eenyu illee buddeena kanattii yoo nyaate bara baraan in jiraata; buddeenni ani biyya lafaatiif jireenya fiduudhaaf kennus, foon koo ti? isaaniin jedhe.

Yohaannis 6:53-57

53Yesus immoo, ?Dhuguma, dhuguman isiniin jedha, isin foon ilma namaa yoo nyaachuu dhabaattan, dhiiga isaas yoo dhuguu dhabaattan, jireenya of keessaa hin qabdan.

54Eenyu illee foon koo kan nyaatu, dhiiga koos kan dhugu jireenya bara baraa qaba; anis guyyaa isa dhumaatti du'aa isa nan kaasa.

55Foon koo dhuguma nyaata, dhiigni koos dhuguma dhugaatii dha.

56Foon koo kan nyaatu, dhiiga koos kan dhugu ana keessa in jiraata, anis isa keessa nan jiraadha.

57Abbaan inni jiraataan akka na erge, ani immoo sababii abbaatiif akkuman jiraadhu, namni foon koo nyaatu immoo sababii kootiif in jiraata.

Hojii Ergamootaa 2:42

42Amantoonnis barsiisa ergamootaatti, tokkummaa isaanii cimsachuutti, buddeena cabsachuutti, kadhata godhachuuttis qabamanii jiraatan.