Dinqiiwwan

32 Lakkoofsota20Afaan Oromoo

Maarqos 10:27

27Yesus immoo gara isaanii ilaalee, ?Namootaaf hin danda'amu, Waaqayyoof garuu akkas miti; Waaqayyoof wanti hundinuu in danda'ama? jedhe.

Luqaas 18:27

27inni immoo, ?Namaaf kan hin danda'amne, Waaqayyoof in danda'ama? jedhee deebiseef.

Maarqos 9:23

23Yommus Yesus, ?Yoo dandeesse jettee? Nama amanuuf wanti hundinuu in danda'ama? jedheen.

Ermiyaas 32:27

27inni,“Kunoo! Ani Waaqayyoo dha, sanyii namaa hundumaafis gooftaa dha; wanti anaaf hin danda'amne jiraa ree”

Faarfannaa 139:13-14

13Keessa namummaa koo situ uume, gadameessa haadha koo keessatti situ na tolche;

14isa ati guddaa dinqisiisaa gootee na uumteef, ani galata siif nan galcha; gochaan kee waanuma raajii ti, anis kana ba'eessa godhee nan beeka.

Luqaas 1:37

37Waaqayyoof wanti dadhabamu hin jiru? jedhee deebiseef.

Maatewos 19:26

26Yesus immoo gara isaanii ilaalee, ?Kun namootaaf hin danda'amu, Waaqayyoof garuu wanti hundinuu in danda'ama? isaaniin jedhe.

Maatewos 17:20

20Yesus immoo deebisee, ?Amantiin keessan waan hir'ateef kaa! Anoo dhuguman isiniin jedha, amantii hamma ija sanaaficaa geessu utuu qabaattanii, gaara kanaan, ?Asii ka'ii achi butadhu? in jettu, gaarichis asii ka'ee achi in butata; wanti isiniif hin danda'amnes hin jiru. [

Luqaas 9:16-17

16Inni yommus buddeena shananii fi qurxummii lamaan fuudhee, gara waaqaatti ol ilaalee eebbisee, cabsees jaraaf haa dhi'eessaniif, bartoota isaatti kekkenne.

17Hundumti isaaniis nyaatanii quufan; bartoonni immoo hurraa hafe walitti qabanii gundoo kudha lama guutan.

Luqaas 8:50

50Yesus garuu kana dhaga'ee Yaayirosiin, ?Hin sodaatin, amani duwwaa! Isheenis in fayyiti? jedheen.

Luqaas 13:10-17

10Yesus guyyaa Sanbataatti mana sagadaa tokkotti in barsiisa ture.

11Kunoos dubartiin hafuura hamaadhaan qabamtee, waggaa kudha saddeet dhukkubsate tokko achi turte; isheen goophoftee ol qajeeluu hin dandeenye.

12Yesus yommuu ishee arge, ofitti ishee waamee, ?Dubartii nana, dhukkuba keettii hiikamteetta? jedhe.

13Harka isaas ishee irra kaa'e; isheen achumaan ol qajeeltee dhaabatee, Waaqayyoof hooqubaa dhi'eessite.

14Angafni mana sagadichaa garuu, Yesus guyyaa Sanbataatti fayyisuu isaa waan jibbeef, jarreen achi turaniin, ?Guyyoonni ja'a hojii itti hojjechuun kan namaaf ta'u jiru; guyyoota sanatti kottaatii fayyifamaa malee, guyyaa Sanbataatti miti? jedhe.

15Kana booddee gooftichi angafichaan, ?Isin of tuultuu nana, isin keessaa guyyaa Sanbataatti sa'a isaa yookiis harree isaa hidhaattii hiikee, bishaanitti kan hin geessine eenyu inni?

16Egaa dubartiin kunis, hafuurri hamaan waggaa kudha saddeet ishee hidhee kan ture, intalli Abrahaam, guyyaa Sanbataatti hiikamuun hin ta'uufii ree?? jedhe.

17Yommuu inni kana dubbate, warri isaan morman hundinuu in yeella'an; namoonni hundinuus waan dinqisiisaa inni hojjete hundumaatti in gammadan.

Maarqos 6:49-50

49Bishaan gubbaa utuu adeemuu yommuu arganis ekeraa dha se'anii, iyyan.

50Hundumti isaanii isa arganii sodaatan. Inni garuu achumaan isaanitti dubbatee, ?Jabaadhaa, innoo anaa, hin sodaatinaa!? jedhe.

Faarfannaa 9:1

1Garaa koo guutuudhaan sin galateeffadha yaa Waaqayyo! Gocha dinqisiisaa ati goote hundumaas nan hima.

Maatewos 21:21

21Yommus Yesus deebisee, ?Ani dhuguman isiniin jedha, amantii yoo qabaattan, yoo mamuu dhabaattanis, mukicha irratti waan ta'e duwwaa hin gootan; gaaruma kanaan, ?Ol kaafamii galaanattis darbatami!? yoo jettan iyyuu in raawwatama.

Hojii Ergamootaa 22:7

7Lafatti kufeen sagalee, ?Saa'ol, Saa'ol, maaliif na ari'atta?? jedhu dhaga'e.

Hojii Ergamootaa 1:9

9Dubbii kana dubbatees, utuma isaan ilaalanii gara waaqaatti ol fudhatame; duumessi isa simate, ija isaanii duraas in dhokse.

Maatewos 1:22-23

22Kun hundinuu inni Waaqayyo gooftaan afaan raajichaatiin dubbate akka raawwatamuuf ta'e.

23Innoo, ?Kunoo durbi in ulfoofti ilmas in deessi, maqaa isaas ?Amaanu'el? jedhanii in moggaasu? jedhe; ?Amaanu'el? jechuun ?Waaqayyo nuu wajjin jira? jechuu dha.

Hojii Ergamootaa 4:31

31Isaan kadhata afaanii fixuunii fi iddoon isaan itti walitti qabaman socho'uun, wal faana ta'e. Hundumti isaaniis hafuura qulqulluudhaan guutamanii, dubbii Waaqayyoo ija jabummaadhaan dubbachaa turan.

Isaayaas 7:14

14Kanaafis Waaqayyo ofii isaatii milikkita isiniif in kenna; kunoo, durbi in ulfoofti, ilmas in deessi, maqaa isaas “Amaanu'el” jettee in moggaafti; [“Amaanu'el” jechuunis “Waaqayyo nuu wajjin jira” jechuu dha].

Yohaannis 20:8-9

8Kana booddee bartuun inni kaan, inni Phexros dura awwaala bira ga'ee ture, keessa lixee, kana argee amanes.

9Macaafni, ?Inni, warra du'an keessaa ka'uun in ta'aaf? in jedha, isaan garuu kana hamma ammaatti hin beekne.