Isaayaas 7

GAZGAZAfaan Oromoo25 Keeyyattoota5:40 Dhaggeeffadhu
Dhaggeeffadhu 5:40 · Idilee · Diraamaawaa Biblight keessatti bani

1Bara Ahaaz ilmi Yotaam Uziyaa mootii Yihudaa turetti, Resiin mootiin Sooriyaa fi Pheqaan ilmi Remaaliyaa mootiin Israa'el, Yerusaalemin loluudhaaf itti in duulan; garuu mandarattii qabachuu hin dandeenye;

2warri Sooriyaa fi warri Efreem akka walii galan Ahaaz mootiin Yihudaa yommuu dhaga'e, garaan mootichaa fi garaan saba isaatii akkuma muka caakkaa keessaa qilleensi raasutti in raafame.

3Waaqayyo yommus Isaayaasiin,“Ilma kee She'aariyaashubii wajjin gara dhuma faaggaa kuufama bishaanii isa gara olii karaa maasii namicha uffata miicuu Ahaazin simachuudhaaf itti adeemi!

4Isatti dubbadhuu,“Calluma jedhi malee, isa Resiinii fi namoonni isaa, ilmi Remaaliyaas dheekkamanii banbanan hin sodaatin! Isaan gufuuwwan aaranii seeqan waan ta'aniif, garaan kee akka hin raafamnetti of eeggadhu!” jedhi!

5Warri Sooriyaa fi warri Efreem ilma Remaaliyaa wajjin sitti koratanii,

6“Kottaa dhaqnee biyya Yihudaa qabannee rakkifnee in hirmaanna! Ilma Xaabe'elis isa irratti in moosifna” in jedhu.

7Ani Waaqayyo gooftaan garuu, “Wanti kun hin ta'u, fiixaanis hin ba'u!

8Mataan Sooriyaa Damaasqoo akkuma ta'e, mataan Damaasqoo immoo Resiin; waggoota jaatamii shanan kana keessatti Efreem in caccaba, saba ta'uun isaas in hafa;

9mataan Efreem Samaariyaa akkuma ta'e, mataan Samaariyaa immoo ilma Remaaliyaa ti; yoo amanuu dhabaattan jabaattanii dhaabachuu hin dandeessan” nan jedha” jedhe.

10Ammas Waaqayyo Ahaazitti in dubbate;

11inni,“Baay'ee gad fagoo yookiis baay'ee ol fagoo iyyuu yoo ta'e, ana Waaqayyo gooftaa kee biraa milikkita kadhadhu!” jedhe.

12Ahaaz immoo deebisee,“Ani hin gaafadhu, Waaqayyoonis hin qoru” jedhe.

13Yommus Isaayaas,“Yaa sanyii Daawit, mee dhaga'aa! Inni isin nama dadhabsiiftan isinitti xinnaannaan Waaqayyo koos immoo dadhabsiiftuu ree”

14Kanaafis Waaqayyo ofii isaatii milikkita isiniif in kenna; kunoo, durbi in ulfoofti, ilmas in deessi, maqaa isaas “Amaanu'el” jettee in moggaafti; [“Amaanu'el” jechuunis “Waaqayyo nuu wajjin jira” jechuu dha].

15Inni isa hamaa jibbuu, isa gaariis fo'achuu hamma barutti itittuudhaa fi damma in nyaata;

16yaa Ahaaz, mucichi hamaa jibbuu, gaariis fo'achuu utuu hin barin, biyyattiin mootonni ishee lamaan si sodaachisan sun in onti;

17mootii Asor sitti kaasuudhaan, Waaqayyo, erga Efreem Yihudaatii gargar cabdee jalqabee wanta ta'e hin beekne si irratti, saba kee irratti, mana abbaa kee irrattis in fida” jedhe.

18Waaqayyo yommus titiisa qarqara laga Gibxii fi kanniisa biyya Asor siiquudhaan si irratti in waama;

19hundumti isaaniis dhufanii dachaa lafaa keessa, holqa dhagaa keessa, huuxxii qoraatii hundumaa keessa, iddoo horiin bishaan dhugdu hundumaa keessas in qubatu;

20yommus gooftichi qarabaa isa laga Efraaxiis gamaa mootii Asor irraa dugda bitateen rifeensa mataa, rifeensa garaa, areedas in haada.

21Bara sana namni tokko goromsa tokkoo fi bushaayee lama in qabaata;

22isaan aannan baay'ee waan qabaniif, namichi itittuu in nyaata; warri biyyatti hafan hundinuus itittuu fi damma in nyaatu.

23Yommus iddoo mukkeetiin waynii kumatti lakkaa'aman, gatiin isaaniis meetii kumatti lakkaa'amu turan qoraattii fi kosorruun in dhaala;

24biyyichi qoraattiidhaa fi kosorruudhaan waan guutuuf, namni achi adeemu xiyyaa fi iddaa qabatee dhaquutu irra jira;

25gaarota warra dur gasoodhaan soqamaa turan hundumaa qoraattii isaaniitii fi kosorruu isaaniitiif namni keessa ba'uu waan hin dandeenyeef, lafa saawwanii fi hoolota itti yaasanii dhidhiichisan in ta'u.

Ibsa

7:1-9

Warri Waaqayyoon hin sodaanne yeroo baay’ee warra akka isaanii gadhee ta’aniin adabamu. Humni baay’ee isaan mudatee fi yaaddoo keessa waan turaniif, Yihuudonni abdii guutummaatti kutatan. Waaqayyoon diina isaanii godhatanii turan, akkamitti isa michuu isaanii godhatanis hin beekan. Raajichi diinota isaanii akka tuffatan, amantaa fi Waaqayyoon irratti hirkannaa guutuudhaan, isaan barsiisuu qaba. Ahaaz sodaa keessa ta’ee, isaan mootota humna qabanii lamaan jedhee waame. Raajichi garuu, ‘Lakkii, isaan kan ta’an eegee ibidda aaraa qofadha, kan duraanillee dhaame,’ jedhe. Mootummoonni lamaan, Sooriyaa fi Israa’el, xumuramuuf jedhanii turan. Waaqayyo ibidda lafaaf hojii yoo qabaate, waan isaan dura jiru hundumaa ni gubatu; garuu hojiin isaanii yoo raawwatame, aara keessa ni dhaamu. Waan Ahaaz baay’ee sodaachisaa se’e, sababa injifatamuu isaaniitiif ta’e; sababiin isaas, si irratti gorsa hamaa waan fudhataniif; kunis Waaqayyoonitti yakka dha. Waaqayyo warra tuffatan ni tuffata, akkasumas yaaliin isaanii hin milkaa’u jedhee dubbate. Namni ni karoorfata, garuu Waaqayyo ni raawwachiisa. Warra ofii isaanii baduuf dhi’aatan, ollaawwan isaanii balleessuuf yaaluun gowwummaa ture. Isaayaas Yihuudota waadaawwan isaaniif kennaman irratti akka hirkatan jajjabeessuu qaba. Amantaan qorumsa keessatti sammuu tasgabbeessuuf fi boqochiisuuf guutummaatti barbaachisaa dha.

7:10-16 Jireenya Waaqayyoo jala dhokatee isa diduu yeroo baay'ee bifa kabaja isaaf qabnuu fakkeessuudhaan dhokfama; akkasumas, warri Waaqayyootti hin amannu jedhanii murteeffatan, garuu isa hin qoran jedhu.

Ibsa guutuu dubbisi Sagalee, ibsa guutuu fi dubbisa toora alaa

Hiikkoowwan8 · 6

AMHEVG እንዲህም ሆነ፤ በይሁዳ ንጉሥ በዖዝያን ልጅ በኢዮአታም ልጅ በአካዝ ዘመን የሶርያ ንጉሥ ረአሶን የእስራኤልም ንጉሥ የሮሜልዩ ልጅ ፋቁሔ ኢየሩሳሌምን ሊወጉ ወጡ፥ ሊያሸንፉአትም አልቻሉም። አማርኛ ENGNIV When Ahaz son of Jotham, the son of Uzziah, was king of Judah, King Rezin of Aram and Pekah son of Remaliah king of Isr… English BCV ከምዙይ ድማ ኾነ፦ ወዲ ወዱ ንኦዝያን ወዲ ኢዮኣታም ኣካዝ ንጉስ ይሁዳ ኣብ ዝነበረሉ ዘመን፥ ንጉስ ሶርያ ረኣሶንን ንጉስ እስራኤል ወዲ ሮሜልዩ ፋቁሔን ንኢየሩሳሌም ክወግኡ ወፁ፤ ግና ኸሸን… ትግርኛ GAZBIB Bara Ahaaz ilmi Yotaam Uziyaa mootii Yihudaa turetti, Resiin mootiin Sooriyaa fi Pheqaan ilmi Remaaliyaa mootiin Israa'… Afaan Oromoo BCV GIZ ወእምዝ ካዕበ ኮነ በመዋዕለ አካዝ ወልደ ኢዮአታም ወልደ ዖዝያን ንጉሠ ይሁዳ፤ ዓርገ ረአሶን ንጉሠ አራም፤ ወፋቁሔ ወልደ ሮሜልዩ ንጉሠ እስራኤል፤ ይትቃተልዋ ለኢየሩሳሴም ወስእንዋ ቀቲሎታ። giz BCV aksum ከምዙይ ድማ ኾነ፦ ወዲ ወዱ ንኦዝያን ወዲ ኢዮኣታም ኣካዝ ንጉስ ይሁዳ ኣብ ዝነበረሉ ዘመን፥ ንጉስ ሶርያ ረኣሶንን ንጉስ እስራኤል ወዲ ሮሜልዩ ፋቁሔን ንኢየሩሳሌም ክወግኡ ወፁ፤ ግና ኸሸን… ትግርኛ AMHNIV የዖዝያን የልጅ ልጅ፣ የኢዮአታም ልጅ አካዝ የይሁዳ ንጉሥ በነበረበት ዘመን፣ የሶርያ ንጉሥ ረአሶንና የእስራኤል ንጉሥ የሮሜልዩ ልጅ ፋቁሔ ኢየሩሳሌምን ሊወጉ ወጡ፤ ነገር ግን ድል ሊያደርጓ… አማርኛ SWAHSUV Hata ikawa katika siku za Ahazi, mwana wa Yothamu, mwana wa Uzia, mfalme wa Yuda, Resini, mfalme wa Shamu, na Peka, mwa… Kiswahili