Luqaas 9

GAZGAZAfaan Oromoo62 Keeyyattoota11:34 Dhaggeeffadhu
Dhaggeeffadhu 11:34 · Diraamaawaa Biblight keessatti bani

1Yesus bartoota kudha lamaan walitti waamee, Seexanoota haa baasaniif dhukkubsatootas haa fayyisaniif, humnaa fi aboo isaaniif kenne.

2Mootummaa Waaqayyoo haa labsaniif kan dhukkubsatanis haa fayyisaniif isaan erge.

3Inni isaaniin, ?Karaadhaaf homaa hin fudhatinaa, ulee qabannaa yookiis korojoo, nyaata yookiis horii, qomee lama illee hin baatinaa!

4Hamma iddoo sanaa adeemtanitti, manuma itti lixan taa'aa!

5Mandara warra isin hin simannee keessaa ba'aa; yommuu baatan immoo isaanitti dhugaa ba'uuf awwaara mandara sanaa miilla keessan irraa dhadha'adhaa!? jedhe.

6Bartoonnis ka'anii gandaa gara gandaatti darbanii, iddoo hundumaatti wangeela lallaban; kan dhukkubsatanis in fayyisan.

7Herodis abbaan biyya Galiilaa, waan Yesus hojjetee fi dubbate hundumaa dhaga'ee, gargar baasee hubachuu dadhabe. Sababiin isaa immoo kaan Yohannis cuuphaatu du'aa ka'e jedhan;

8kaan immoo Eliyaastu deebi'ee mul'ate, warri biraa immoo raajota warra durii keessaa tokkotu ka'e, jedhu turan.

9Herodis, ?Ani Yohannisin mataa isaa mursiiseen ture, egaa namichi inni ani waa'ee isaatiif dubbii akkasii dhaga'u kun eenyu inni?? jedhee gaafate; innoo Yesusin arguu in yaala ture.

10Ergamoonnis deebi'anii, waanuma hojjetan hundumaa Yesusitti himan; inni immoo isaan fudhatee, karaa mandara Betsayidaa jedhamu tokko qoofniitti ba'e.

11Namoonnis gara kam akka dhaqe yommuu dhaga'an, duukaa bu'an; inni isaan simatee, waa'ee mootummaa Waaqayyoo isaanitti hime; warra fayyuun isaaniif barbaachises fayyise.

12Aduun yommuu gad sokkite, bartoonni kudha lamaan gara isaa dhufanii, ?Namoonni kun gara gandeenii fi manneen nutti aanan kana dhaqanii, lafa bultiitii fi waan nyaataa akka barbaaddataniif gad dhiisi; iddoon nuyi jirru kun lafa onaa dha? jedhaniin.

13Inni immoo, ?Isin ofii keessanii waan isaan nyaatan kennaaf!? isaaniin jedhe. Bartoonni immoo, ?Yoo dhaqnee namoota kana hundumaaf nyaata binne malee, kan nuyi qabnu buddeena shanii fi qurxummii lama duwwaa dha? jedhan.

14Namoonni achitti argaman dhiironni duwwaan iyyuu kuma shan ga'u turan; inni garuu bartoota isaatiin, ?Shantama shantamaan hirtanii kutataan teessisaa!? jedhe.

15Isaan akka inni abboometti hunda isaanii teessisan.

16Inni yommus buddeena shananii fi qurxummii lamaan fuudhee, gara waaqaatti ol ilaalee eebbisee, cabsees jaraaf haa dhi'eessaniif, bartoota isaatti kekkenne.

17Hundumti isaaniis nyaatanii quufan; bartoonni immoo hurraa hafe walitti qabanii gundoo kudha lama guutan.

18Gaaf tokko Yesus kophaa isaa utuu kadhatuu, bartoonni isaa isatti dhi'oo turan; inni immoo, ?Namoonni kun eenyu anaan jedhu?? jedhee bartoota isaa gaafate.

19Isaanis, ?Yohannis cuuphaa dha siin jedhu, kaan Eliyaas raajicha siin jedhu, kaan immoo raajota durii keessaa tokko siin jedhu? jedhanii deebisaniif.

20Inni immoo, ?Isinoo, eenyu anaan jettu?? jedhee gaafate; Phexros, ?Ati Masiihii Waaqayyoo ti? jedhee deebise.

21Yesus yommus, ?Kana eenyutti iyyuu hin himinaa!? jedhee jabeessee isaan abboome.

22Kana irratti, ?Ilmi namaa maanguddootaa fi luboota warra angafootaatiin, barsiisota seeraatiinis guddaa dhiphachuunii fi raawwatee tuffatamuun, du'atti kennamuun in ta'a; guyyaa sadaffaatti immoo du'aa in ka'a? jedhee isaanitti in hime.

23Hunduma isaaniitiinis, ?Eenyu illee na duukaa bu'uu yoo fedhe, waa'ee ofii isaa dhiisee fannoo isaa baatee, yeroo hundaa ana duukaa haa bu'u.

24Namni jireenya isaa oolfachuu yoo barbaade, jireenyi isaa duraa in fudhatama; garuu anaaf jedhee jireenya isaa kan kennu, isa oolfata.

25Egaa namni biyya lafaa guutummaatti buufatee, lubbuu isaatti yoo hir'ise, yoo of balleesses, bu'aan isaa maali ree?

26Eenyu illee anatti, dubbii koottis yoo yeella'e, ilmi namaa ulfina isaatti, kan abbaa isaatti, kan qulqulloota ergamootaattis yommuu dhufu, isatti in yeella'a.

27Dhuguman isinitti hima, namoota as dhaabatanii jiran keessa utuu hin du'in, mootummaa Waaqayyoo kan argan jiru? jedhe.

28Kana dubbatee akka guyyaa saddeetii booddee, Phexrosii fi Yohannisin, Yaaqoobinis fudhatee kadhachuudhaaf gara gaaraatti ol ba'e.

29Inni utuu kadhatuu fuulli isaa diddiirame; uffanni isaas adii qaanqee ta'e.

30Kunoo, namoonni lama, isaanis Musee dhaa fi Eliyaas, isaa wajjin in dubbatu turan.

31Ulfinaan mul'atanii, waa'ee waan inni du'a isaatiin Yerusaalemitti raawwachuudhaaf jiruu dubbatan.

32Yommus Phexrosii fi isaa wajjin kan jiran in mugu turan; isaan yommuu dammaqanis, ulfina Yesus, namoota isaa wajjin dhaabachaa turan lamaanis in argan.

33Museenii fi Eliyaas yommuu Yesusittii gargar ba'an, Phexros, ?Yaa barsiisaa, asitti argamuun keenya attam gaarii dha, kottaa asitti godoo sadii in ijaarra, tokko siif, tokko Museedhaaf tokkos Eliyaasiif? jedhe; waan dubbatu garuu hin beeku ture.

34Utuu inni kana dubbachaa jiruu duumessi dhufee hunduma isaaniitti uffise; bartoonnis duumessicha keessa yommuu lixan in sodaatan.

35Sagaleen immoo duumessicha keessaa dubbatee, ?Kun ilma koo isa ani fo'adhee dha, isa dhaga'aa!? jedhe.

36Sagaleen sun erga dubbatee booddee, Yesus kophaa isaa ta'ee argame. Bartoonnis calluma jedhan malee, waan argan keessaa tokko iyyuu yeroo sanatti namatti hin himne turan.

37Borumtaas gaaricha irraa yommuu gad bu'an, namoonni baay'een Yesusii wajjin wal argan.

38Jarreen sana keessaa namni tokko sagalee isaa ol fuudhee, ?Yaa barsiisaa, ilma koo tokkicha koo kana, akka anaaf ilaaltuuf sin kadhadha.

39Kunoo hafuurri hamaan mucaa koo ammaa amma qabee achumaan in caraansisa, lafaan dha'ee dhidhiitachiisee, hoomachas afaaniin baasee, rakkisee irra turee isa dhiisa.

40Isa akka baasaniif bartoota kee kadhadheen ture, isaan garuu hin dandeenye? jedhe.

41Kana irratti Yesus, ?Isin dhaloota hin amannee fi jajal'aa nana, hamma yoomiitti isinii wajjin jiraachuun anaaf ta'a? Hamma yoomiittis ba'aa anatti taatu?? jedhee deebiseef; ergasii abbaa mucichaatiin, ?Ilma kee as fidi!? jedhe.

42Mucichi gara Yesus dhufaa utuu jiruu, hafuurichi hamaan lafaan isa dha'ee dhidhiitachiise; Yesus garuu hafuuricha hamaa sana ifatee, mucicha fayyisee abbaa isaatiif galche.

43Humna Waaqayyoo isa danda'aatti hundumti isaanii abjuu ta'an. Namoonni hundinuu waan Yesus hojjete hundumaa dinqifachaa utuu jiranii, inni bartoota isaatti dubbatee,

44?Kanan isinitti himuudhaaf jedhu kana gurratti fudhadhaa! Ilmi namaa harka namootaatti kennamuuf jira? jedhe.

45Isaan garuu dubbii kana hin hubanne, akka isaaniif hin galleef duraa dhokfamee ture; waa'ee dubbii kanaa isa gaafachuudhaafis sodaatanii turan.

46Bartoota gidduutti yaadni tokko ka'ee, isaan keessaa eenyutu caalinna laataa? jedhanii wal gaafatan.

47Yesus garuu yaada garaa isaanii beekee, mucaa tokko ofitti waame, ofii isaa bukkee dhaabachiise.

48Isaaniin immoo, ?Mucaa kana maqaa kootiin kan simu ana sima, kan na simus isa na erge sima; isin keessaa hundumaa irra kan xinnaatu, inni guddaa in ta'a? jedhe.

49Ergasii Yohannis, ?Yaa barsiisaa, namni tokko maqaa keetiin hafuura hamaa utuu baasuu arginee, waan inni nuu wajjin si duukaa hin bu'iniif, isa dhowwine? jedhee Yesusitti dubbate.

50Yesus garuu, ?Isa hin dhowwinaa! Kan isiniin hin mormine gara keessan in ta'a? isaaniin jedhe.

51Yeroon gara waaqaatti ol ba'uu isaatii dhi'aannaan, Yesus Yerusaalem dhaquudhaaf murtoo godhee ka'e.

52Ergamoonni warri inni of dura erge, iddoo isaaf qopheessuudhaaf ganda warra Samaariyaa tokkotti galan.

53Namoonni ganda sanaa garuu Yerusaalem dhaquudhaaf murtoo gochuu isaa waan dhaga'aniif, isa simachuu didan.

54Bartoonni isaa Yaaqoobii fi Yohannis kana yommuu hubatan, ?Yaa gooftaa, [akka Eliyaas godhe] ibiddi waaqa irraa bu'ee isaan haa fixu, jennee akka jarreen kanatti waamnu in barbaaddaa?? jedhaniin.

55Yesus garuu gara isaaniitti gara galee, isaan ifatee, [?Hafuura attamiitiin akka geggeeffamtan hin beektanii?

56Ilmi namaa jireenya namaa balleessuu hin dhufne'o, oolchuudhaaf malee? jedheen.] Kana booddee darbanii ganda biraa dhaqan.

57Utuu isaan karaa irra adeemaa jiranii, namni tokko, ?Iddoo kam illee yoo dhaqxe si duukaan bu'a? jedhee Yesusitti hime.

58Yesus immoo, ?Waangonni boolla qabu, simbirroonnis mann'ee qabu; ilmi namaa garuu iddoo mataa isaa itti hirkifatu hin qabu? jedhee deebiseef.

59Nama biraa tokkoon immoo, ?Na duukaa bu'i!? jedhe; inni garuu, ?Haa ta'u yaa gooftaa, garuu dura dhaqee abbaa koo akkan awwaaladhu sin kadhadha? jedheen.

60Yesus immoo deebisee, ?Warra du'an dhiisi, du'aa isaanii haa awwaallatan; ati garuu dhaqii, mootummaa Waaqayyoo iddoo hundumaatti lallabi!? jedheen.

61Ergasii namni biraa tokko, ?Yaa gooftaa, si duukaa nan bu'a, garuu dura dhaqee warra mana kootti nagaa akkan dhaamuuf sin kadhadha? jedhe.

62Yesus immoo, ?Eenyu illee hordaa harkaan qabatee gara booddee isaa ilaalaa hin qotu, akkasumas namni kana fakkaatu, hojii mootummaa Waaqayyoo keessatti hin ta'u? jedheen.

Ibsa

Luqaas 9:1-9

Kiristoos barattoota isaa kudha lamaan gara fageessatti erge; yeroo kanatti kanneen warra kaan wanta Gooftaa irraa fudhatan barsiisuu danda'an turan. Namoota biratti bifa alaa isaaniitiin of dinqisiifachiisuuf yaaddofuu hin qaban. Akkuma isaan turanitti deemu qabu. Gooftaan Yesuus maddaa humnaa fi aboo ti; kan uumamni hundinuu, karaa tokkoon yookaan kaaniin, isaaf bitamuu qabu. Yoo inni jecha hojjettoota isaa wajjin humnaan deeme, cubbamoota boojuu Seexanaa irraa bilisa baasuuf, inni fedhii isaaniitiif akka yaadu mirkanaa'oo ta'uu danda'u. Yeroo dhugaan fi jaalalli akkasitti waliin deeman, haata'u malee ergaan Waaqayyoo yoo didamee fi tuffatame, kun namootaaf sababa hin dhiisu, akkasumas ragaa isaanitti ta'a. Qalbii cubbamtuu Heroodis Yohaannis du'aa akka ka'e murteesuu qophaa'aa turte. Inni Yesuusin arguuf hawwaa ture; maaliif garuu deemee isa hin argine? Tarii, waan isaaf hin malle se'eef yookiin immoo, namoota cubbuu isaa itti cimsan dabalataa argachuu waan hin barbaanneef. Yeroo kana tursiisuudhaan garaansaa jabaate; yeroo inni Yesuusin arge immoo, akka warra kaanii, isa irratti mormii guddaa qaba ture, Luq 23:11.

9:10-17 Ummanni Yesus duukaa bu'eera, yeroo sirrii hin taanetti dhufanillee, inni garuu waan isaan itti dhufan isaaniif kenneera. Inni waa'ee Mootummaa Waaqayyoo isaaniitti dubbate. Warra fayyisuun isaan barbaachisu fayyise. Daabboo shanii fi qurxummii lamaan, Kiristoos dhiirota kuma shan nyaachiseera. Inni warra isa sodaatanii fi amanamummaan isa tajaajilan, wanta gaarii kamiyyuu akka dhaban hin heyyamu. Yeroo nuyi jajjabina uumamaa argannu, waan isaan Waaqayyo irraa argannu, akkasumas isaan argachuuf akka hin mallee amanuu qabna; wanti kun hundumtuu fi jajjabinni isaan keessaa qabnu hundumtuu gidduu-dhaabsii Kiristoos isa abaarsa nu jalaa kaase irraa kan argaman ta'uu beekuu qabna. Eebbi Kiristoos waan xinnoo baay'ee akka ga'u godha. Inni lubbuu beelofte hundumaa guuta, gaarummaa mana isaa irraa guutummaatti quubsa. Tuutonni hafan walitti qabaman; mana Abbaa keenyaa keessa daabboon ga'aa fi irra hafu jira. Nuyi hin dhiphannu, Kiristoos keessas hin daangeffamnu.

9:18-27

Gooftaan keenya Yesus kan Waaqayyo dibe ta’uun isaa jajabaa dubbatamuu hin dandeenye dha; kunis inni Masihii ta’uuf filatamee fi isaaf dandeettii guutummaatti qabaachuu isaa agarsiisa. Yesus waa’ee dhiphinaa fi du’a isaa barsiise. Amartoonni isaa dhiphina isaa ittisuuf yaaduu irraa fagaachuu qabu; kanaa mannaa, dhiphina isaaniitiif qophaa’uu qabu. Karaa hojii keenyaa irra yeroo baay’ee fannoo (dhiphina) arganna; haata’u malee, nu ofii keenyaan dhiphina irratti fidachuu hin qabnu; yeroo nuuf kaa’aman garuu, ol kaasnee Kiristoos duukaa buunee baachuu qabna. Harki keenya gaarii yookaan hamaan kan ta’u, harki lubbuu keenyaa gaarii yookaan hamaa ta’uu isaa irratti hundaa’a. Lubbuun keenya addunyaa biraa keessatti yoo gaddite, qaamni keenya gammaduu hin danda’u; garuu lubbuun keenya gammaduu ni dandeetti, yoo qaamni keenya addunyaa kana keessatti baay’ee dhiphatee fi cunqurfamee jiraate iyyuu. Kiristoosii fi Wangeela Isaa matumaa qaanofuu hin qabnu.

Ibsa guutuu dubbisi Sagalee, ibsa guutuu fi dubbisa toora alaa

Hiikkoowwan8 · 6