Mootummaa

18 Lakkoofsota16Afaan Oromoo

1ffaa Qorontos 6:9-10

9Egaa warri jal'oonni mootummaa Waaqayyootti akka hin galle hin beektanii ree? Hin gowwoominaa! Warri halaleen, warri waaqayyolii tolfaman waaqessan, warri ejjan, warri gadhaa'an, warri nama gadhoomsanis,

10warri hatan, warri sassatan, warri machaa'an, warri maqaa namaa balleessan, warri nama saamanis matumaa mootummaa Waaqayyootti hin galan.

Maatewos 6:33

33Duraan dursitanii yaada keessan mootummaa Waaqayyoo fi qajeelummaa isaa barbaaduutti hidhaa! Kana malees kan barbaachisu hundinuu immoo isiniif in kennama.

Maatewos 19:14

14Yesus immoo, ?Lakkisaa mucoolii dhiisaa, gara koo dhufuu isaan hin dhowwinaa! Mootummaan waaqaa warra akkasiitiif in ta'a? jedhe.

1ffaa Seenaa Baraa 29:11

11Yaa Waaqayyo, waaqa irraa fi lafa irra kan jiru hundinuu kan kee ti; guddinni, aangoon, ulfinni, gooftummaanii fi surraan kan kee ti. Yaa Waaqayyo, mootummaan kan kee ti, ati waan hundumaa ol, mataa waan hundumaa tis.

Luqaas 12:32

32Yesus itti dabalee, ?Isin yaa warra karra xinnayyoo nana! Kana keessaa hin sodaatinaa; abbaan keessan mootummaa isaa isiniif kennuu jaallateera.

Maatewos 4:17

17Yeroo sanaa jalqabee Yesus, ?Mootummaan waaqaa waan dhi'aateef, yaada garaa keessanii geddaradhaa!? jedhee labsuutti ka'e.

Yohaannis 3:3

3Yesus, ?Dhuguma, dhuguman sitti hima, eenyu illee olii yoo dhalachuu dhabaate, mootummaa Waaqayyoo arguu iyyuu hin danda'u? jedhee deebiseef.

Efesoona 2:19-20

19Egaa isin si'achi warra Waaqayyoof qulqullaa'anii wajjin warra biyyaa, warra mana Waaqayyoo tis malee, orma, nama biyya diidaas miti.

20Isin hundee ergamootaa fi raajotaa irratti ijaaramtaniittu, Kristos Yesus immoo ofii isaatii dhagaa golee qajeelchuu dha.

Zakaariyaas 14:9

9Yommus Waaqayyo guutummaa biyya lafaa irratti mootii in ta'a; gaafas Waaqayyo isuma tokkicha, maqaan isaas tokkichuma.

Isaayaas 52:7

7Warri nagaa labsanii, fayyina abdachiisanii, “Waaqayyoon kee mo'eera” jedhanii, Xiyoonitti misraachoo himan, tulluu irraan mul'achuun isaanii maal maal nama gammachiisa!

Maatewos 5:10

10Warri qajeelummaadhaaf jedhanii ari'ataman haa gammadan, mootummaan waaqaa kan isaanii ti.

Luqaas 10:9

9Dhukkubsataa achi keessaa fayyisaa, saba achi jiraniinis, ?Mootummaan Waaqayyoo isinitti dhi'aateera? jedhaa!

Faarfannaa 24:10

10Mootiin ulfinaa kun eenyu inni” Inni Waaqayyo gooftaa maccaa ti, isa mootiin ulfinaa!

Yohaannis 3:5

5Kanaaf Yesus, ?Dhuguma, dhuguman sitti hima, eenyu illee bishaanii fi hafuura qulqulluuttii yoo dhalachuu dhabaate, mootummaa Waaqayyootti galuu hin danda'u.

Maarqos 1:15

15?Barichi raawwatameera, mootummaan Waaqayyoos dhi'aateera, yaada garaa geddaradhaa wangeelatti amanaa!? jedhe.

Isaayaas 33:22

22Waaqayyo abbaa firdii keenya, Waaqayyo seera nuuf in kenna, Waaqayyo mootii keenya, inni nu fayyisa.