Isaayaas 33

GAZGAZAfaan Oromoo24 Keeyyattoota5:56 Dhaggeeffadhu
Dhaggeeffadhu 5:56 · Idilee · Diraamaawaa Biblight keessatti bani

1Yaa isa warra kaan balleessituu, ati ofii keetii amma iyyuu hin badne'o siif wayyoo! Utuu namni dabarsee si hin kennin, yaa isa dabarsitee nama kennituu, siif wayyoo! Ati warra kaan balleessuu yommuu raawwattu, ofii keetii immoo in badda; dabarsitee nama kennuu kee yommuu raawwattu, si immoo namni dabarsee in kenna.

2Yaa Waaqayyo, nuyi si abdanna'o faara nutti toli! Ganama ganama jabina keenya, yeroo rakkinaattis gargaarsa keenya nuuf ta'i!

3Sagalee kakawwee keetiif sabni in baqata, yommuu ati kaatus sabni lafa irraa hundinuu in tamsa'u;

4yommus akkuma qorophisi nyaata isaa irratti utaalee walitti qabatu, akkuma awwaanisi nyaata isaa saammatu, akkasuma namoonni qabeenya saba lafa irraa sana in saammatu.

5Waaqayyo ol jedhaa dha, iddoo ol jedhaa irras in jiraata, inni qajeelummaadhaa fi amanamummaadhaan mandara Xiyoon in guuta;

6Waaqayyo bara keetti gabii, fayyina guutuu, ogummaa fi beekumsa siif in ta'a; isa sodaachuunis badhaadhummaa guddaa kana in argachiisa.

7Kunoo! Gootonni bakkeedhaa gargaarsaaf in iyyu, ergamoonni nagaas guddisanii in boo'u;

8karaa guddaan onaa ta'eera, namnis karaa irra adeemu dhiiseera; kakichi cabeera, mandaroonni tuffatamaniiru, namaaf ulfina kennuunis hafeera;

9lafti gaddee in goga, caakkaan Liibaanon in coollaga, simboos in dhaba; Shaaron akka lafa onaa in ta'a, mukkeetiin Baashaanii fi Qarmelos baala in harcaafatu.

10Waaqayyo, “Ani amma nan ka'a, amma ol nan jedha, amma humnaan nan ka'a;

11wanti isin yaaddan akka habaqii ti, wanti isa keessaa ba'us akka cidii ti; hafuurri keessan immoo ibidda isa isin fixuu dha;

12akka qoraattii ciramtanii ibiddatti in naqamtu, gubamtaniis daaraa in taatu” jedhee saba lafa irraatti dubbate.

13Isin warri fagoo jirtan wanta ani godhe dhaga'aa! Isin warri dhi'oo jirtanis humna koo beeksisaa!

14Cubbamoonni Xiyoon keessa jiraatan naasuudhaan in qabamu, warri Waaqayyoon hin sodaannes in rom'u; isaan yommus,“Nu keessaa eenyutu ibidda nama fixu bira jiraachuu danda'a” Nu keessaa eenyutu ibidda hin dhaamne kana obsuu danda'a?” in jedhu.

15Nama balleessaa malee jiraatu, nama wanta qajeelaa dubbatu, nama bu'aa karaa jal'inaa dhufu ceepha'u, nama gabbarsuu fudhachuu irraa harka isaa eeggatu nama waa'ee nama ajjeesuu dhaga'uu jibbee gurra isaa cuqaallatu, nama wanta hamaa ilaaluu jibbee dununfatu,

16namni akkasii kun iddoo ol jedhaa irra in jiraata; da'oo kattaa dhagaa cimaa iddoo baqaa in godhata; achittis nyaati isaaf in kennama, bishaan argachuun isaas amansiisaa dha.

17Iji kee ulfina mootichaa in arga, biyya baay'ee bal'aa mootichi mo'us in ilaala.

18Naasuu kee isa durii yommuu yaadattu, “Inni kana caafatee ture eessa jira” Inni gibira fudhachaa ture meerree” Inni riqaa mandaroota jajjaboo lakkaa'aa tures attam ta'e?” in jetta.

19Ati si'achi saba nama irraa hin gorre, isa afaan isaa hin hubatamne, isa dubbiin isaa namaaf hin galle sana hin argitu.

20Gara Xiyoon mandara ishee iddoo walga'ii keenyaa sana ilaali! Iji kee Yerusaalem ishee bir'aa hin qabne, dunkaana ishee achii hin sochoone, ishee qofoon ishee achii hin buqqaane, ishee funyoo ishee keessaa tokko illee hin cinne in arga;

21Waaqayyo achitti surraa isaa nu argisiisa, iddoon sun lafa lagoonni babal'aa fi burqituuwwan gurguddoonni jiranii dha; markaboonni lolaa achi irra hin darban, markaboonni mimmiidhagoonis achi irra hin adeeman;

22Waaqayyo abbaa firdii keenya, Waaqayyo seera nuuf in kenna, Waaqayyo mootii keenya, inni nu fayyisa.

23Yommus funyoon markaba lolaa in hiikama, muka markabaas jabeessee qabuu hin danda'u, sharaan isaas hin diriirfamu; yeroo sanatti boojuu baay'een in hirmatama, warri hokkolan iyyuu wanta booji'ame sana in saammatu.

24Warra Xiyoon keessa jiraataniif yakki isaanii waan dhiifameef, isaan keessaa namni tokko illee, “Na dhukkuba” kan jedhu hin jiru.

Ibsa

33:1-14 Asitti diigaa of tuulaa fi sobaa, soba isaa fi humnaan cabsaa isaa hundumaaf haqa qabeessa ta'een kan itti murtaa'e ilaalla. Waaqayyo qajeelaan yeroo baay'ee cubbamootaaf akka gochaa isaaniitti deebisa. Warri amantiidhaan gad of deebisanii Waaqayyoon abdatan, inni isaanitti ayyaana qabeessa ta'uu isaa argatu. Akkuma guyyaa, humni haa ta'u. Yoo Waaqayyo ganama tokko nu ofii keenyaaf nu dhiise, nu badna. Ganama ganama of isaatti kennuu qabna, akkasumas hojii guyyaa sanaa hojjechuuf humna isaatiin bahuu qabna. Yommuu Waaqayyo ka'u, diinonni isaa ni bittinnaa'u. Ogeessummaa dhugaa fi beekumsi humna fayyinaatti nu geessu, inni karaa Waaqayyoo keessa nu cimsa. Akkasumas sodaan Waaqayyoo dhugaan qabeenya tokkicha kan hin saamamne yookaan hin fixamne ta'a. Rakkini Yerusaalemitti dhufe ibsameera. Yeroon Waaqayyo saba isaatiif mul'atu, yommuu gargaartoonni biroon hundinuu dhabamanidha. Namoonni gochaa Waaqayyoo dhaga'an hundi inni wanta hundumaa hojjechuu danda'u haa beekan. Cubbamoonni Xiyoon keessa jiran, cubbamoota biroo caalaa baay'ee itti gaafatamoo ta'u. Warri ajajawwan Dubbichaa irratti diddigan immoo, yeroo rakkinaatti boqonnaa isaa hin argatan. Dheekkamsi isaa warra ofii isaanii boba'aa isaa godhatan barabaraan isaan guba.

Ibsa guutuu dubbisi Sagalee, ibsa guutuu fi dubbisa toora alaa

Hiikkoowwan8 · 6

AMHEVG አንተ ሳትጠፋ የምታጠፋ፥ በአንተም ላይ ወንጀል ሳይደረግ ወንጀል የምታደርግ ወዮልህ! ማጥፋትን በተውህ ጊዜ ትጠፋለህ፤ መወንጀልንም በተውህ ጊዜ ይወነጅሉሃል። አማርኛ ENGNIV Woe to you, O destroyer, you who have not been destroyed! Woe to you, O traitor, you who have not been betrayed! When y… English BCV ኣታ እንተይጠፋእኻ እተጥፍእ፥ ኣታ እንተይተጠለምካ እትጠልም ወይለኻ! ምጥፋእ ምስ ሓደግካ ኽትጠፍእ ኢኻ፤ ወንጀል ምስ ሓደግካ ኽትውንጀል ኢኻ። ትግርኛ GAZBIB Yaa isa warra kaan balleessituu, ati ofii keetii amma iyyuu hin badne'o siif wayyoo! Utuu namni dabarsee si hin kennin,… Afaan Oromoo BCV GIZ አሌ ሎሙ ለእለ ያኀስሩክሙ ወለክሙሰ አልቦ ዘያኀስረክሙ፤ ዘሂ ዐለወ አኮ ኪያክሙ ዘዐለወ፤ ወይሠገሩ ዐላዊያን ወይእኅዝዎሙ ወከመ ቍንቍኔ ልብስ ከማሁ ይትበልዑ። giz BCV aksum ኣታ እንተይጠፋእኻ እተጥፍእ፥ ኣታ እንተይተጠለምካ እትጠልም ወይለኻ! ምጥፋእ ምስ ሓደግካ ኽትጠፍእ ኢኻ፤ ወንጀል ምስ ሓደግካ ኽትውንጀል ኢኻ። ትግርኛ AMHNIV አንተ ሳትጠፋ የምታጠፋ፣ አንት አጥፊ፣ ወዮልህ! አንተ ሳትካድ የምትክድ፣ አንት ከዳተኛ፣ ወዮልህ! ማጥፋትን በተውህ ጊዜ፣ ትጠፋለህ፤ ክሕደትህንም በተውህ ጊዜ ትከዳለህ። አማርኛ SWAHSUV Ole wako uharibuye ila hukuharibiwa, utendaye hila wala hukutendwa hila! Utakapokwisha kuharibu, utaharibiwa wewe; na u… Kiswahili