Yesus Intala Yaayiros Kaase

17 LakkoofsotaAfaan Oromoo

Luqaas 8:40-56

40Yeroo Yesus bishaan ciisaa gamatti deebi'etti, tuuti jaraa isa siman; hundumti isaanii isa egaa turani'o.

41Keessumaa immoo, geggeessituun mana sagadaa tokko, Yaayiros kan jedhamu dhufee, miilla Yesus jalatti kufee, gara mana isaatii akka dhaquuf kadhate.

42Intalli tokkittiin inni qabu, waggaa kudha lama kan geesse, duraa du'uuf jetti turte. Yommuu Yesus dhaquudhaaf karaa irra bu'ettis, namoonni isatti tuuta'anii hafuura kutu turan.

43Kana gidduus dubartiin tokko turte. Isheen waggaa kudha lamaaf dhiigni ishee dhaabachuu diduudhaan rakkachaa turte, ogeessota qorichaa biras dhaquudhaan horii ishee hundumaa fixe; haa ta'u iyyuu malee, namni tokko ishee fayyisuu hin dandeenye.

44Isheen kun dugda isaa duubaan dhuftee andaara uffata Yesus tuqxe; achumaanis lolaan dhiiga ishee dhaabate.

45Yesus immoo, ?Eenyutu na tuqe?? jedhee gaafate. Adduma addaan ana miti jennaan, Phexros, ?Yaa barsiisaa, sabni kunoo si marsee jira, si cunqursas? jedheen.

46Yesus garuu, ?Lakkii, namni na tuqe jira, humni fayyisu akka na biraa ba'e anatti dhaga'ameera? jedhe.

47Yommus dubartittiin akka dhokachuu hin dandeenye hubattee, rom'aa dhuftee miilla Yesus jalatti lafa dhoofte; achumaanis jarreen sana hundumaa duratti, maaliif akka isa tuqxe, battaluma sanattis akka fayyite dhugaa baate.

48Yommus Yesus, ?Yaa intala ko, amantiin kee si fayyiseera, nagaadhaan dhaqi!? isheedhaan jedhe.

49Utuu inni kana dubbachaa jiruu immoo namni geggeessituu mana sagadaa sanaa tokko, ergaa himuu dhufee, Yaayirosiin, ?Intalli kee duuteetti si'achi barsiisicha hin dhamaasin!? jedhe.

50Yesus garuu kana dhaga'ee Yaayirosiin, ?Hin sodaatin, amani duwwaa! Isheenis in fayyiti? jedheen.

51Manicha bira yommuu ga'e Phexros, Yohannis, Yaaqoob akkasumas abbaa mucaatii fi haadha ishee malee, namni kan biraa isaa wajjin akka ol lixu hin barbaanne.

52Achiis hundinuu mucattiidhaaf in boo'u, in wawwaatus turan. Yesus immoo, ?Hin boo'inaa! Intalattiin hin duune, rafuutti jirti malee? jedhe.

53Isaan hundumti isaanii garuu intalattiin akka duute beeku waan turaniif, itti kolfan.

54Haa ta'u iyyuu malee, Yesus harka ishee qabee, ?Intalo, ka'i!? jedhee waame.

55Yommus lubbuun ishee keessa deebitee, achumaanis kaate; inni immoo waan nyaatu akka kennaniif abboome.

56Abbaan isheetii fi haati ishee gammadanii of wallaalan; Yesus garuu, waan ta'e eenyutti illee akka hin himne isaan dhowwe.