Yoseef Gibxii Bulcha

13 LakkoofsotaAfaan Oromoo

Seensa 41:37-49

37Yaadni dhi'aate kun mootii Gibxii fi hojjetoota isaa biratti gaarii ta'ee mul'ate.

38Mootiin Gibxii ergasii hojjetoota isaatiin,“Nuyi nama hafuurri Waaqayyoo keessa jiru akkasii kana argachuu in dandeenyaa?” jedhe.

39Mootiin Gibxii yommus Yoseefiin,“Erga Waaqayyo kana hundumaa akka ati beektu godhee, namni hubataanii fi ogeessi akka keetii hin jiru;

40ati mana koo irratti gooftummaa in fudhatta, sabni hundinuu akka ati ajajjutti in abboomamu, ani immoo teessoo mootummaa koo duwwaadhaanan si gara irraa jira” jedhe.

41Mootiin Gibxii ammoo Yoseefiin,“Kunoo, ani guutummaa biyya Gibxii irratti aboo siif kenneera” jedhe.

42Kana booddee mootiin Gibxii amartii mallattoo isaa harka isaattii baasee, harka Yoseefitti in kaa'e; uffata quncee talbaa ba'eessa irraa hojjetames itti in uffise; dirata warqees morma isaatti kaa'eef.

43Konkolaataa isa kan isaatti aanu irras isa teessise; warri fuula isaa duraa labsanis,“Gad jedhaa, qoomma'aa!” in jedhu turan; mootichi akkasitti Yoseefin guutummaa biyya Gibxii irra kaa'ee, aboos kenneef.

44Inni Yoseefiin,“Ani mootiin Gibxii mootummaa koo hin dhiisu! Garuu fedha kee malee, namni tokko illee guutummaa biyya Gibxii keessatti harka isaa yookiis miilla isaa hin sokoksiisu!” jedhe.

45Mootiin Gibxii,“Zaafenaat-Phane'aa” jedhee Yoseefiif maqaa in kenne; Asenaat intala Phoxii-Feraa luba On immoo isatti in heerumsiise; kana booddee Yoseef biyya Gibxii irra in naanna'e.

46Yoseef fuula Fara'oon mootii Gibxii duratti dhi'aatee yommuu hojii irra dhaabame, nama waggaa soddomaa ture; Yoseef fuula mootichaa duraa ba'ee guutummaa biyya Gibxii keessa naanna'e.

47Waggoota quufaa torban sana keessa lafti midhaan baay'ee hammas hin jedhamne in kenne.

48Yoseef midhaan waggoota sana biyya Gibxiitti argame keessaa isa walitti sassaabame hundumaa mandaroota keessatti galche; midhaan inni mandara tokkotti galche isa maasii naannoo isaa jiru irraa walitti sassaabame ture.

49Yoseef midhaan akka cirracha galaanaa guddaa baay'atu in tuule; safaruun isaa waan hin danda'amneef, isa safaruu dhiise.