Yesus Mana Qulqullummaa Keessatti Barsiisa
114 Lakkoofsota4Afaan OromooMaatewos 21:23-46
23Yesus mana qulqullummaatti ol galee utuu barsiisuu, luboonni warri angafoonnii fi maanguddoonni jaraa isa biraan ba'anii, ?Gooftummaa maaliitiin kana hundumaa goota? Gooftummaa kanas eenyutu siif kenne?? jedhaniin.
24Kana irratti Yesus deebisee, ?Anis immoo dubbii tokko isinan gaafadha, yoo isin deebii isaa anatti himtan anis immoo gooftummaa maaliitiin kana hundumaa akkan godhu isinitti nan hima.
25Cuupphaan Yohannis cuuphe eessaa abboomame? Waaqayyo biraa moo, nama biraa abboomame?? isaaniin jedhe. Isaanis walii wajjin dudubbatanii, ? ?Waaqayyo biraa? yoo jenne, ?Yoos immoo maaliif dubbii isaa hin amanin ree?? nuun jedha.
26?Nama biraa? akka hin jenneef namoonni hundinuu Yohannisin raajiitti waan fudhataniif, isaan in sodaanna? jedhan.
27Kanaaf, ?Nuyi hin beeknu? jedhanii Yesusiif deebisan; Yesus immoo, ?Egaa anis kana hundumaa gooftummaa maaliitiin akkan godhu isinitti hin himu? isaaniin jedhe.
28Yesus amma immoo, ?Waa'ee isa ani isinitti himuuf jedhu kanaa maal yaaddu? Namni ilmaan lama qabu tokko ture; innis ilma isaa isa tokko bira dhaqee, ?Yaa ilma ko, dhaqiitii har'a dhaabaa waynii keessa hojjedhu!? jedheen.
29Ilmi isaa sun immoo, ?Anoo hin dhaqu? jedhee deebiseef; ergasii garuu gaabbee dhaqe.
30Namichi ergasii ilma isaa isa kaan bira dhaqee, isuma ilma isaa isa tokkotti dubbate itti hime; inni immoo, ?Tole yaa abbayyee ko!? jedhe, garuu hin dhaqne.
31Isaan lamaan sana keessaa isa kam inni jaalala abbaa isaatii godhe?? jedheen; jarri immoo, ?Isa duraa ti? jedhanii deebisan. Yommus Yesus, ?Ani dhuguman isinitti hima, warri jal'isanii qaraxa fuudhanii fi gaalamootonni isin dura mootummaa Waaqayyootti in galu.
32Yommuu Yohannis cuuphaan qajeelummaa isin barsiisuu dhufe, isin isa hin amanne; qaraxoonnii fi gaalamootonni garuu isa in amanan. Isin immoo erguma kana argitanii booddee iyyuu, gaabbitanii isa hin amanne? isaaniin jedhe.
33Yesus itti fufee, ?Fakkeenya biraa tokko dhaga'aa! Abbaan warraa mukeetii waynii baay'ee lafa isaa irra dhaabe tokko ture. Naannoo isaatti dallaa dhagaa ijaaree, boolla ija waynii keessatti cuunfan dallicha keessatti qotee, siree irra taa'anii eeganis ijaare. Namoota hojjetanii eeganiis, isaa wajjin ija isaa irraa hirmaatanitti kennatee, biyya tokko dhaqe.
34Yeroon itti iji waynii bilchaatu geenyaan, ija mukeetii waynichaa irraa kan isa ga'u fudhachuudhaaf hojjetoota isaa gara warra waynicha eeganiitti erge.
35Warri waynicha eegan immoo hojjetoota sana qabanii isa tokko in reeban, isa kaan in ajjeesan isa kaanis dhagaadhaan rukutan.
36Abbaan waynichaa amma immoo hojjetoota biraa warra duraa irra baay'atan isaanitti erge; isaaniinis immoo akkuma warra duraa godhan.
37Namichi hundumaa booddee, ?Ilma koo in safeeffatu? jedhee ilma isaa gara isaaniitti erge.
38Warri waynicha eegan ilmicha yommuu argan, ?Isa kana abbaa waynichaa kan dhaalu, kottaa isa in ajjeefna, dhaala isaas in arganna!? waliin jedhan.
39Isaan isa butanii, dhaabaa waynichaa keessaa gad baasanii, isa ajjeesan.
40Egaa abbaan waynichaa yommuu dhufu, warra waynicha eegan sana attam godhinna laata ree?? isaaniin jedhe.
41Isaan immoo deebisanii, ?Warra hamoota sana, hamaa itti fidee isaan in balleessa. Mukeetii waynii sanas namoota biraa, warra hojjetanii eeganii isaa wajjin ija isaa irraa hirmaatanitti dabarsee in kennata; egaa isaan yeroo yerootti ija isaa in kennuuf? jedhan.
42Kana irratti Yesus, ?Isin caaffata qulqullaa'an keessaa, ?Dhagichi, mana ijaartuun tuffatan, inni dhagaa mataa golee qajeelchu ta'e; kun gocha gooftaa ti, ija keenyattis dinqii dha? kan jedhu takkaa hin dubbifnee ree?
43?Egaa mootummaan Waaqayyoo isin irraa fudhatamee, saba ija isaaf godhatuuf akka kennamu isinittan hima. [
44Dhagaa kana irratti kan kufu in caccaba, dhagichi nama irratti yoo kufe garuu isa in buruqsa]? isaaniin jedhe.
45Luboonni warri angafoonnii fi warri Fariisotaa fakkeenyota inni dubbate yommuu dhaga'an, akka inni waa'ee isaaniitiif dubbate in baran.
46Kana irratti isa qabachuu yaalan, garuu tuuta warra Yesusin akka raajiitti fudhatan sana sodaatan.
Maatewos 22:1-46
1Yesus ammoo fakkeenyaan namootatti dubbate;
2?Mootummaan waaqaa mootii ilma isaatiif cidha godhatetti fakkeeffama.
3Mootichi warra cidhichatti waamamanii turan haa yaadachiisaniif hojjetoota isaa erge; isaan garuu dhufuu hin jaallanne.
4Amma immoo hojjetoota kan biraa ergee, ?Warra waamaman sanaan, kunoo nyaanni qophaa'eera, sangoonni, horiin coccoomoon qalamaniiru, hundinuus qophaa'aa dha, gara cidhaatti kottaa jedhaatii itti himaa!? jedhe.
5Warri waamaman garuu tuffatanii, inni tokko gara qotiisa isaa, inni kaanis gara bitaa gurgurtaa isaa dhaqe.
6Warri kaan immoo hojjetoota mootichaa qabanii, salphisanii, ajjeesanis.
7Mootichi yommus baay'ee aaree, loltoota isaa itti ergee, warra hojjetaa isaa ajjeesan sana balleessee, mandara isaanii gube.
8Ergasii hojjetoota isaatiin, ?Cidhichi qophaa'aa dha, warri waamaman garuu cidhichaaf hin malle.
9Gara karaa mandaratti galchu dhaqaa, namuma argitanis gara cidhichaatti waamaa!? jedhe.
10Yommus hojjetoonni sun gara karaa gurguddaatti ba'anii, kan argatan hundumaa, warra hamootas warra gaggaariis dachaasan, manni cidhichaas keessummootaan guute.
11?Kana booddee mootichi keessummoota isaa ilaaluudhaaf ol galee, nama uffata cidhaa hin uffatin tokko arge.
12Namichaan immoo, ?Namicho! Uffata cidhaa malee attamitti asitti ol lixe?? jedhe; namichis waan dubbatu dhabe.
13Yommus mootichi warra achi keessaa ergamaniin, ?Harka isaa fi miilla isaa hidhaatii, dukkana isa alaatti darbadhaa! Achitti namoonni in boo'u ilkaanis in qaru? jedhe.
14Warri waamaman baay'ee dha, warri fo'aman garuu muraasa? jedhee dubbii isaa xumure.
15Yommus warri Fariisotaa dhaqanii waan inni dubbatuun kiyyootti isa galchuudhaaf, Yesus irratti mari'atan.
16Ergasiis duuka-buutuu isaanii akkasumas warra garee Herodis keessaa gar tokko gara Yesusitti erganii, ?Yaa barsiisaa, akka ati dhuga-qabeessa taate, karaa Waaqayyoos dhugaadhumaan akka barsiiftu beekna; ati nama hin sodaattu, nama wal caalchisuunis si bira hin jiru.
17Ammas maal sitti fakkaata, mootii warra Roomaatiif gibira baasuun seera moo, seera miti? Nutti himi!? jedhaniin.
18Yesus garuu jal'ina isaanii beekee, ?Isin warra of hin arginee nana, maaliif na qortu?
19Horii ittiin gibira sana baaftan anatti argisiisaa!? jedhe; kanaaf isaan bifa horichaa isatti fidan.
20Yesus immoo, ?Kun bifa eenyuu ti? Caaffata eenyuu tis?? jedhe.
21Isaanis, ?Kan mooticha warra Roomaa ti? ittiin jedhan. Achumaanis Yesus, ?Egaa mootichaaf, kan fudhachuun isaaf ta'u kennaa; Waaqayyoofis kan fudhachuun isaaf ta'u kennaa!? isaaniin jedhe.
22Yeroo kana dhaga'anitti dinqifatanii, achumatti isa dhiisanii adeeman.
23Gaafasuma Saduqoonni, warri du'aa ka'uun hin jiru jedhan, gara Yesus dhufanii,
24?Yaa barsiisa, ?Namni tokko dhala utuu hin godhatin yoo du'e, obboleessi isaa niitii sana dhaalee sanyii obboleessa isaatiif haa dhaabu!? jedhe Museen.
25Kunoo obboloonni torba nu gidduu jiraachaa turan; inni angafni niitii fuudhee, utuu dhala hin godhatin niitii isaa obboleessa isaatti dhiisee du'e.
26Inni lammaffaan inni sadaffaanis hamma isa torbaffaatti ishee fuudhanii dhala utuu hin godhatin irraa du'an.
27Hunduma isaanii booddee immoo dubartittiin in duute.
28Egaa hundumti isaanii ishee fuudhanii turani'o, du'aa ka'uutti isaan torbanuu keessaa isa kamiif haadha manaa taati ree?? jedhanii isa gaafatan.
29Yesus garuu deebisee, ?Caaffata qulqullaa'aa, humna Waaqayyoos waan hin beekiniif irraa kaattan.
30Du'aa ka'uutti akka ergamoota Waaqayyoo warra waaqa keessaa ta'u malee hin fuudhan, hin heerumanis.
31Waa'ee ka'uu warra du'anii immoo isa Waaqayyo isiniin jedhe hin dubbifnee ree?
32Inni, ?Ani Waaqayyo isa kan Abrahaam, Waaqayyo isa kan Yisihaq, Waaqayyo isa kan Yaaqoob? jedheera. Inni Waaqayyo warra du'anii miti, Waaqayyo warra jiraatanii ti malee? isaaniin jedhe.
33Yommus namoonni kana dhaga'anis barsiisa isaatti in dinqifatan.
34Yesus warra Saduqootaa afaan qabachiisuu isaa yommuu dhaga'an, warri Fariisotaa achitti walitti dacha'an.
35Isaan keessaa immoo namichi seera beekaan tokko Yesusin qoruudhaaf gaaffii isa gaafatee,
36?Yaa barsiisa, seera keessaa abboommiin inni hundumaa irra caalu isa kami?? jedhe.
37Yommus Yesus deebisee, ? ?Waaqayyo kee goofticha garaa kee guutuudhaan, jireenya kee guutuudhaan, yaada kee guutuudhaanis jaallachuutu siif ta'a?.
38Abboommiin hundumaa irra caalu inni duraa isa kana.
39Abboommiin inni lammaffaan akkuma isa duraa ti; ?Nama akka mataa keetiitti jaallachuutu siif ta'a?.
40Seerrii fi barsiissi raajotaa hundinuu abboommii kana lamaan irra dhaabatanii jiru? jedheen.
41Akkuma warri Fariisotaa walitti dacha'anii jiranitti, Yesus gaaffii isaan gaafate;
42?Waa'ee Masiihichaa maal yaaddu? Inni ilma eenyuu ti?? jedhe. Isaan immoo, ?Ilma Daawit? jedhanii deebisaniif.
43Kana irratti inni, ?Yoos immoo attamitti Daawit hafuura qulqulluudhaan geggeeffamee gooftaa ittiin jedhe ree?
44?Gooftichi gooftaa kootiin, diinota kee miillan kee jala hamma ani siif kaa'utti, gara mirga koo taa'i, jedheera? jedhee dubbate.
45Egaa Daawit ?Gooftaa koo? jedhee erga isa waamee, attamitti immoo ilma isaa ta'a ree?? isaaniin jedhe.
46Namni tokko illee sagalee tokko deebii isaaf kennuu hin dandeenye; guyyaa sanaa jalqabees gaaffii tokko isa gaafachuudhaaf namni ija jabaate hin turre.
Maatewos 23:1-39
1Ergasii Yesus tuuta achi jirutti, bartoota isaattis dubbatee,
2?Barsiisonni seeraa, Fariisonnis iddoo Musee bu'anii in barsiisu.
3Waan isaan isinitti himan hundumaa godhaa, eegaas! Garuu hojii isaanii duukaa hin bu'inaa! Isaan in dubbatu malee, isa dubbatan hojiidhaan hin raawwatan.
4Isaan ba'aa ulfaataa hidhanii gatiitii namootaa irra in kaa'u; ofii isaaniitii garuu qubuma isaanii iyyuu itti hin buusan.
5Isaan waan hojjetan hundumaa namootatti of argisiisuudhaaf hojjetu. Isa yeroo kadhataatti akka kudhaamaa rarraafatanis in bal'isu, shaashara isa ittiin seera Waaqayyoo yaadachuudhaaf uffata isaaniitti hoddhatanis in dheeressu.
6Lafa cidhaatti iddoo ulfinaa, manneen sagadaattis taa'umsa olaanuu jaallatu.
7Gabaa keessattis namoonni gugguufanii akka nagaa isaan gaafatan, barsiisaa guddaa akka isaaniin jedhanis in jaallatu.
8?Isin garuu ?Barsiisaa guddaa? ofiin hin jechisiisinaa! Barsiisaan keessan inni guddaan tokkicha; isin immoo hundumti keessan obboloota.
9Lafa irratti nama akka abbaatti hin waammatinaa! Abbaan keessanoo tokko, innis isa waaqa irraa ti.
10Geggeessaa amantii ofiin hin jechisiisinaa! Geggeessaan keessanoo Kristosuma.
11Isin keessaa inni caalaan hojjetaa keessan haa ta'u.
12Namni ol of qabu gad in deebifama, namni gad of deebisus ol in qabama? jedhe.
13Yesusis, ?Barsiisota seeraa fi Fariisota of hin arginee nana, mootummaa waaqaa namoota duraa waan cuftaniif isiniif wayyoo! Ofii keessanii itti hin galtan, warra itti galuu yaalan immoo akka itti galaniif karaa hin kennineef. [
14Barsiisota seeraa fi Fariisota of hin arginee nana, isin fucha eeggattanii bultoo haadha hiyyeessaa duraa fixanii, fakkeessaadhaaf immoo kadhata keessan waan dheeressitaniif isiniif wayyoo! Kanaafis yakki caalaan isinitti in murama.]
15Barsiisota seeraa fi Fariisota of hin arginee nana, isiniif wayyoo! Nama tokko amantii warra Yihudootaa fudhachiisuudhaaf galaana irra biyya keessas asii fi achi in adeemtu; erga inni amantii kana fudhatee immoo hamminni isaa harka lama isinitti naanna'e qilillee akka dhaqu in gootu.
16?Isin geggeessituu jaamota nana, isiniif wayyoo! ?Namni mana qulqullummaatiin kakate kakaan isa hin ga'u; namni warqee mana qulqullummaatiin yoo kakate garuu kakaan isa in ga'a? in jettu.
17Isin gowwoota nana, jaamota nanas! Warqicha moo manicha qulqullummaa isa warqicha qulqulleessutu caala?
18Isin immoo, ?Namni iddoo aarsaatiin yoo kakate kakaan isa hin ga'u, kennaa isa iddoo aarsaa irra jiruun yoo kakate garuu kakaan isa in ga'a? in jettu.
19Isin jaamota nana! Kennaa sana moo iddoo aarsaa isa kennaa sana qulqulleessutu caala?
20Egaa namni iddoo aarsaatiin kakatu, iddoo aarsaatiin, waan iddoo aarsaa irra jiru hundumaanis kakachuu isaa ti.
21Namni mana qulqullummaatiin kakatus, mana qulqullummaatiin, Waaqayyo isa mana qulqullummaa keessa jiraatuunis kakachuu isaa ti.
22Namni bantii waaqaatiin kakatus, teessoo Waaqayyootiin, Waaqayyo isa teessicha irra taa'uunis kakachuu isaa ti.
23?Barsiisota seeraa fi Fariisota of hin arginee nana, isiniif wayyoo! Baala kefoo, inchilaala, ija dimbilaalaas kudhan keessaa tokko Waaqayyoof in kennitu; garuu seera Waaqayyoo keessaa isa caalaa barbaachisu kan akka firdii qajeelaa, gara-laafina, amanamummaa in dhiiftu. Kudhan keessaa tokko baasuu utuu hin dhiisin, isa kanas immoo raawwachuun isiniif ta'a ture.
24Geggeessituu jaamota nana! Bookee in calaltu gaala immoo in liqimsitu.
25?Barsiisota seeraa fi Fariisota of hin arginee nana, isiniif wayyoo! Kubbayyaadhaa fi waciitii duuba duuba isaa in qulleessitu, garuu keessi isaanii sassataa fi of gad dhiisuudhaan guutuu dha!
26Fariisicha jaamaa nana! Duubi isaa akka qullaa'utti mee dura kubbayyicha keessa isaa qulleessi!
27?Barsiisota seeraa fi Fariisota of hin arginee nana isiniif wayyoo! Isin alaa gaarii akka awwaalota nooraa dibamanii ti; isaan karaa alaa ijatti mimmiidhagoo in fakkaatu, keessi isaanii garuu lafee warra du'anii fi waan xuraa'aa hundumaatiin guutuu dha.
28Isinis immoo akkasuma karaa alaa namoota biratti qajeelota fakkaattu, keessi keessan garuu of arguu dhabinaa fi irra-daddarbaan guutuu dha? jedhe.
29Yesus itti fufee, ?Barsiisota seeraa fi Fariisota of hin arginee nana isiniif wayyoo! Isin seenaa raajotaatiif awwaala isaanii in ijaartu, seenaa awwaalota warra qajeelotaas in miidhagsitu.
30Kanaanis, ?Bara abboota keenyaa sana utuu jiraannee, nuyi dhiiga raajotaa dhangalaasuu isaaniitti walii hin gallu turre? in jettu.
31Akkasitti immoo isin ilmaan warra raajota ajjeesanii akka taatan of irratti dhugaa baasiftu.
32Egaa isinis safara jal'ina abboota keessanii guuttadhaa!
33Isin bofoota, ijoollee mar'ataa nana! Qilillee keessatti adabamuu jalaa attamitti baatu ree?
34?Kanaaf kunoo ani raajota, namoota ogeeyyii, barsiisotas isinittan erga; isaan keessaa kaan in ajjeeftu kaan in fanniftu, warra kaan immoo manneen sagadaa keessan keessatti in reebdu, mandaraa gara mandaraattis in ari'attu.
35Kanaanis dhiigni warra qajeelotaa inni lafatti dhangala'e hundinuu isin irratti in dhufa; kunis immoo dhiiga Abeel nama qajeelaa sanaa jalqabee, hamma dhiiga Zakaariyaas ilma Baraakiyaa, isa isin iddoo aarsaa fi balbala mana qulqullummaa gidduutti ajjeeftaniitti, isa jiruu dha.
36Ani dhuguman isinitti hima, gumaan kun hundinuu dhaloota kana irratti in dhufa? isaaniin jedhe.
37Yesus amma immoo, ?Yaa Yerusaalem, yaa Yerusaalem, ishee raajota ajjeeftuu, warra sitti ergamanis dhagaadhaan rukuttuu, indaanqoon cuucota ishee qoochoo ishee jalatti akkuma walitti qabatutti, si'a meeqan ijoollee kee walitti qabuu barbaade; atii fi ijoolleen kee garuu hin barbaanne.
38Ilaa, manni keessan onee in hafa.
39Ani isinittan hima; ammaa jalqabee, ?Maqaa Waaqayyootiin kan dhufu galateeffamaa dha? hamma jettanitti ana hin argitan? jedhe.
Maatewos 21:28-32
28Yesus amma immoo, ?Waa'ee isa ani isinitti himuuf jedhu kanaa maal yaaddu? Namni ilmaan lama qabu tokko ture; innis ilma isaa isa tokko bira dhaqee, ?Yaa ilma ko, dhaqiitii har'a dhaabaa waynii keessa hojjedhu!? jedheen.
29Ilmi isaa sun immoo, ?Anoo hin dhaqu? jedhee deebiseef; ergasii garuu gaabbee dhaqe.
30Namichi ergasii ilma isaa isa kaan bira dhaqee, isuma ilma isaa isa tokkotti dubbate itti hime; inni immoo, ?Tole yaa abbayyee ko!? jedhe, garuu hin dhaqne.
31Isaan lamaan sana keessaa isa kam inni jaalala abbaa isaatii godhe?? jedheen; jarri immoo, ?Isa duraa ti? jedhanii deebisan. Yommus Yesus, ?Ani dhuguman isinitti hima, warri jal'isanii qaraxa fuudhanii fi gaalamootonni isin dura mootummaa Waaqayyootti in galu.
32Yommuu Yohannis cuuphaan qajeelummaa isin barsiisuu dhufe, isin isa hin amanne; qaraxoonnii fi gaalamootonni garuu isa in amanan. Isin immoo erguma kana argitanii booddee iyyuu, gaabbitanii isa hin amanne? isaaniin jedhe.