Yesus Isaayaas irraa Dubbise

24 Lakkoofsota2Afaan Oromoo

Luqaas 4:14-30

14Kana booddee Yesus humna hafuura qulqulluutiin gara Galiilaatti deebi'e. Oduun isaas biyya naannoo sana jiru hundumaatti odeeffame.

15Innis manneen sagadaa isaaniitti in barsiisa, hundinuus isa in jaja ture.

16Naazireet, lafa itti guddate dhufee, guyyaa Sanbataattis akkuma amala isaa mana sagadaa isaanii dhaqee, macaafa dubbisuudhaafis ka'e.

17Macaafa raajicha Isaayaas itti kenninaan, maraa macaafichaa diigee kutaa dubbiin kanatti fufee jiru itti caafame argatee dubbises.

18Inni, ?Hafuurri gooftichaa ana irra jira, sagalee misraachoo warra gadadamootti himuudhaaf na dibeera; warra booji'amanitti akka gad dhiifaman labsuudhaaf; warra jaamaniif agartuu isaanii deebisuudhaaf; warra cunqurfaman luba baasuudhaaf;

19waggaa ayyaana jaalala gooftaa labsuudhaaf na ergeera? kan jedhu ture.

20Macaafichas maree, isa mana sagadaa sana keessa ergamutti kennee taa'e; warri mana sagadaa sana keessa turan hundinuus ija isaanii isa irratti irraanfatan.

21Yommus Yesus, ?Kunoo, dubbiin macaafaa kun akkuma dhageessanitti har'a raawwatame? isaaniin jechuu jalqabe.

22Kana irratti hundinuu dhugaa galchaniifii, dubbii gaarii afaan isaa keessaa ba'utti dinqifachaa, ?Kun ilma Yoseef miti moo?? jedhanii gaafatan.

23Inni immoo, ?Yaa abbaa qorichaa, ofii kee fayyisi, dura si irratti ilaalla, jettanii anatti mammaaktanii, akka isa Qifirnaahomitti hojjechuu kee dhageenye, akkasuma biyya abbaa keettis hojjedhu naan jechuun keessan hin oolu? ittiin jedhe.

24Itti dabales immoo, ?Raajiin tokko illee biyya abbaa isaatti akka hin fudhatamne dhuguman isinitti hima.

25Bara Eliyaas raajichaatti yommuu waggaa sadii fi ji'a ja'a bokkaan bade, biyya sana hundumaattis beelli guddaan ta'e, haadhotiin hiyyeessaa baay'een Israa'el keessa akka turan dhugaa dha.

26Garuu Eliyaas gara haadha hiyyeessaa mandara Saraaphtaa, kutaa biyya Sidoon keessa jiraatutti malee, warra kaan keessaa gara tokkotti illee hin ergamne.

27Akkasumas bara Elsaai raajichaatti Israa'el keessa dhukkuba lamxii kan qaban namoota baay'eetu ture; garuu Na'amaan namicha Soriyaa sana duwwaa malee, warra kaan keessaa tokko illee hin qulloofne? jedhe.

28Mana sagadaa keessa kan turan hundinuu kana dubbachuu isaa yommuu dhaga'an, baay'ee isatti aaran.

29Kanaafis ka'anii Yesusin daddarbachaa, gara gubbee gaara mandarri isaanii irratti ijaarametti ol isa baasan; kana gochuun isaaniis fittee sana irraa ha'anii, gad isa darbachuudhaaf ture.

30Inni garuu isaanuma gidduu darbee karaa isaa irra bu'e.

Luqaas 4:31-37

31Ergasii Yesus biyya Galiilaa keessaa, gara mandara Qifirnaahom jedhamu tokkootti gad bu'ee, guyyaa Sanbataatti immoo namoota in barsiisa ture.

32Waan inni dubbate aboodhaan waan tureef, barsiisa isaatiin garaan isaanii in rukutame.

33Kunoo namni hafuura hamaadhaan qabame tokko mana sagadaa sana keessa ture; inni sagalee guddaadhaan caraanee,

34?Ayee, yaa Yesus nama Naazireet, dhimma keenya keessa maaltu si buuse? Silaa nu balleessuu yaaddee dhuftee? Anoo eenyu akka ati taate si beeka, yaa qulqulluu Waaqayyoo? jedhe.

35Yesus immoo, ?Gab jedhi, keessaas ba'i!? jedhe hafuuricha hamaa ifate. Yommus hafuurri hamaan sun namoota gidduutti namicha kuffisee, waan tokkoon illee utuu isa hin miidhin keessaa ba'e.

36Kana irratti isaan hundinuu na'anii dinqifatanii, ?Maal dubbiin akkasii? Hafuurota hamootas aboodhaa fi humnaan abbooma; isaanis in ba'u? waliin jedhan.

37Oduun isaas naanna'aa sana iddoo jiru hundumaatti dhaga'ame.