Amantii Qofaan Qajeelfama
7 LakkoofsotaAfaan OromooGalaatiyaa 2:15-21
15Nuyi dhalootaan Yihudoota malee, warra Yihudoota hin ta'in warra cubbamoota miti.
16Utuma ta'uu iyyuu namni tokko illee Yesus Kristositti amanuudhaan malee, wanta seerri isa irraa barbaadu gochuudhaan Waaqayyo duratti qajeelaa ta'ee akka hin lakkaa'amne in beekna. Nuyis wanta seerri nama irraa barbaadu hojjechuudhaan utuu hin ta'in, Kristositti amanuudhaan qajeelota taanee akka lakkaa'amnuuf, Kristos Yesusitti amanneerra; wanta seerri nama irraa barbaadu gochuudhaan namni tokko illee qajeelaa ta'ee hin lakkaa'amu.
17Egaa nuyi karaa Kristos qajeelota taanee lakkaa'amuudhaaf yaalaa utuu jirruu, ofii keenyaa iyyuu cubbamoota taanee yoo argamne Kristos hojjetaa cubbuu ti jechuu dhaa ree? Raawwatee akkas hin ta'u!
18Garuu waanan diige deebisee yoon dhaabe, ani ofii kootii seera irra daddarbaa ta'uu koo argisiisuu koo ti.
19Ani Waaqayyoof jiraachuudhaafan karaa seeraa, seera jalaa du'e; ani Kristosii wajjin fannifameera.
20Egaa si'achi Kristos isa ana keessaatu jiraata malee, anatu jiraata miti; jireenya ani amma fooniin jiraadhu immoo, ilma Waaqayyoo isa na jaallate, ofii isaas dabarsee isa anaaf kennetti amanuudhaan nan jiraadha.
21Ani ayyaana Waaqayyoo gatii hin dhabsiisu; namni qajeelaa ta'ee lakkaa'amuun seeraan utuu ta'ee, yoos Kristos akkasumaan du'e kaa!