Yesus Nama Laamsha'e Fayyisa

12 LakkoofsotaAfaan Oromoo

Maarqos 2:1-12

1Guyyaa muraasa booddee Yesus deebi'ee Qifirnaahomitti gale; namoonni immoo akka inni mana jiru dhaga'an.

2Balbaluma duraa iyyuu hamma iddoon dhibutti, namoonni baay'een walitti qabaman; Yesus immoo dubbii wangeelaa isaanitti in hima ture.

3Yommus jarreen tokko, nama dhagni isaa gar tokko duunaan afur ta'anii baatan, fidanii gara Yesus dhufan.

4Baay'ina namootaatiif gara Yesusitti geessuu dadhabnaan, bantii mana [biyya sanaa isa diriiraa], kallattii Yesus tureen diiganii erga saaqanii, siree namichi dhagni isaa gar tokko du'e irra ciisee jiru gad buusan.

5Yesus amantii jarreen kanaa yommuu arge, namicha isa dhagni isaa gar tokko du'een, ?Ilma koo, cubbuun kee hundinuu siif dhiifameera? jedhe.

6Barsiisonni seeraa warri achi taa'aa turan tokko, garaa isaanii keessatti yaadaa turanii,

7?Attamitti namichi kun akkas dubbata? Kun Waaqayyoon arrabsuu isaa ti! Waaqayyo tokkicha malee eenyutu cubbuu namaaf dhiisuu danda'a?? jedhan.

8Yesus achumaan garaa isaanii keessatti yaadaa akka jiran hafuuraan hubatee, ?Maaliif waan akkasii garaa keessanitti yaaddu?

9Kamtu salphaa dha? Namicha dhagni isaa gar tokko du'e sanaan, ?Cubbuun kee siif dhiifameera? jechuu moo yookiis, ?Ka'iitii siree kee fudhadhuu adeemi? jechuu?

10Garuu ilmi namaa lafa irratti dhiifamuu cubbuu kennuudhaaf aboo akka qabu beekaa!? isaaniin jedhe. Isa dhagni isaa gar tokko du'een immoo,

11?Sittan hima, ka'iitii siree kee fudhadhuu mana keetti gali!? jedheen.

12Utuma isaan ilaalanii, namichi sun ka'ee, achumaan siree isaa fudhatee gad ba'e. Kana irratti hundumti isaanii fajajanii, ?Kan akkasii kana takkaa arginee hin beeknu? jechaa, Waaqayyoof hooqubaa dhi'eessan.