Yesus Hidhame

21 LakkoofsotaAfaan Oromoo

Maarqos 14:32-52

32Gara iddoo dhaabaa Getesemaanee jedhamu tokkoo dhaqanii, Yesus bartoota isaatiin, ?Hamma ani kadhadhee raawwadhutti as taa'aa!? jedhe.

33Phexrosin, Yaaqoobin, Yohannisinis ofii wajjin fudhatee, raafamee yaadaan dhiphachuutti ka'e.

34Isaaniin immoo, ?Lubbuun koo hamma du'aatti baay'ee gaddite; isin as turaa, dammaqaas!? jedhe.

35Xinnoos irraa hiiqee adda isaatiin gombifamee, yoo danda'ame yerottiin kun akka isa bira darbituuf kadhate,

36?Yaa abbaa koo wanti hundumtuu siif in danda'ama; xoofoo dhiphinaa kana ana irraa fuudhi! Garuu wanti ati jaallatte haa ta'u malee, waan ani jaalladhu miti? jedhe.

37Dhufees rafanii isaan argee, Phexrosiin, ?Simoon! In raftaa? Sa'aatii tokkittiif illee dammaquu hin dandeenyee?

38Qoramatti akka hin galleef dammaqaa, kadhadhaa! Hafuurri illee dhimmaa dha, foon garuu dadhabaa dha? jedhe.

39Ammas achi hiiqee kadhatuma isaa duraas kadhate.

40Deebi'ee dhufees utuu isaan rafanii arge; iji isaanii baay'ee itti ulfaatee ture; maal akka isaaf deebisanis hin beekne.

41Si'a sadaffaatti dhufee, ?Amma iyyuu raftanii boqochuutti jirtuu? In ga'a, yerichi ga'eera; kunoo, ilmi namaa harka cubbamootaatti kennamuu isaa ti.

42Ka'aa itti adeemnaa! Kunoo, inni dabarsee na kennu dur dhi'aate? isaaniin jedhe.

43Utuma Yesus kana dubbachaa jiruu, kunoo Yihudaan, warra kudha lamaan keessaa tokko, isaan bira ga'e. Isaa wajjinis luboota warra angafoota, barsiisota seeraa fi, maanguddoota biraa warri ergaman billaadhaa fi bokkuu qabatanii dhufan.

44Inni dabarsee Yesusin kennuuf ture sun milikkitaaf, ?Inni ani dhungadhu isa, qabaatii, eeggachaa fuudhaa sokkaa!? jaraan jedhee ture.

45Yihudaan akkuma achi ga'een gara Yesusitti darbee, ?Barsiisaa ko!? jedhee isa dhudhungate.

46Jarri yommus hiixatanii Yesusin qaban.

47Warra bukkee dhaabatan keessaa immoo tokko billaa isaa luqqifatee, garbicha angafa lubootaa rukutee, gurra isaa irraa kute.

48Yesus immoo, ?Akka warra saamtuu qabuudhaaf ba'aniitti, ana qabuudhaaf billaadhaa fi bokkuudhaan yaatanii?

49Guyyaa dhufaa darbaa isinii wajjin wal argaa, mana qulqullummaa keessattis barsiisaan ture, isin yommus ana hin qabne; amma garuu wanti caaffanni qulqullaa'oon jedhan raawwatamuun in ta'a? jedhe.

50Bartoonni hundinuu immoo isa dhiisanii in baqatan.

51Yeroo sanatti dargaggeessi tokko wayyaa quncee talbaa tokko duwwaa dhagna isaatti olbatee, Yesus duukaa dhaqe; jarris isa qabatan.

52Inni immoo wayyaa sana harkatti dhiisee, qullaa isaa fiigee harkaa ba'e.