Yesus Qorama

10 LakkoofsotaAfaan Oromoo

Maatewos 4:1-10

1Ergasii Yesus Seexanaan qoramuudhaaf, hafuura qulqulluudhaan gara lafa onaatti geeffame.

2Inni guyyaa afurtamaa fi halkan afurtamaaf erga soomee booddee beela'e.

3Yommus inni isa qoru dhufee, ?Ati dhugumaan ilma Waaqayyoo yoo taate, dhagoonni kun buddeena akka ta'aniif abboomi!? ittiin jedhe.

4Yesus garuu deebisee, ?Caaffata qulqullaa'aa keessatti ?Namni nyaata duwwaadhaan hin jiraatu, dubbii afaan Waaqayyoo keessaa ba'u hundumaan malee? kan jedhu caafameera? jedhe.

5Seexanni ammoo gara mandara qulqullaa'aatti isa geessee, fittee guutuu mana qulqullummaa irras dhaabachiisee,

6?Ati dhugumaan ilma Waaqayyoo yoo taate kana irraa gad of darbadhu, ?Inni ergamoota isaa siif in abbooma, miilli kee dhagaatti akka hin buunettis isaan harka isaanii irratti si in baatu? kan jedhu caafameera? ittiin jedhe.

7Yesus garuu, ? ?Waaqayyo kee goofticha gar-malee hin eeggatin? kan jedhus immoo caafameera? ittiin jedhe.

8Ammas immoo Seexanni gaara dheeraa tokkotti ol isa baasee, mootummoota biyya lafaa hundumaa, ulfina isaaniis itti argisiisee,

9?Lafa dhooftee anaaf yoo sagadde, isaan kana hundumaa siif nan kenna? jedheen.

10Yommus Yesus immoo, ?Seexana nana, argaa koo duraa turi! ?Waaqayyo kee gooftichaaf jilbeenfattee sagadi isa duwwaafis hojjedhu!? kan jedhu caafameera? jedheen.