Yesus Obomboleettii Tasgabbeesse

35 Lakkoofsota3Afaan Oromoo

Luqaas 8:22-25

22Gaaf tokko Yesus bartoota isaatii wajjin bidiruu yaabbatee, ?Kottaa bishaan ciisaa kana gamatti ceena? isaaniin jedhe; achumaanis bishaanicha irra bu'an.

23Utuu bidiruudhaan ce'aa jiranii, Yesus achuma keessa rafe. Qilleensi jabaan immoo gara bishaanichaatti gad bubbisaa dhufe; bidiruu isaaniittis bishaan itti guutuu jalqabnaan, jireenya isaaniitiif sodaatan.

24Yommus bartoonni gara Yesusitti dhi'aatanii, dammaqsanii, ?Barsiisaa, barsiisaa, ka'i nu'oo dhumuuf? jedhan. Achumaan dammaqee, qilleensichaa fi dha'aa bishaanichaa, isa hunkuramaa ture sana, ifate; qilleensichii fi dha'aan bishaanichaa dhaabannaan, gabiin guddaan isaa ta'e.

25Kana booddee inni bartoota isaatiin, ?Meerree amantiin keessan?? jedhe; isaan garuu naasuudhaaf dinqifachuudhaan, ?Namni kun eenyu? Innoo qilleensaa fi bishaan in abbooma; isaanis isaaf in abboomamu? waliin jedhan.

Luqaas 8:26-39

26Bidirichaan gara kutaa biyya Gergeessaatti ce'an; innis fuullee Galiilaa ture.

27Yesus qarqara bishaaniitti yommuu bu'etti, kunoo namni mandara sanaa, hafuuronni hamoonni keessa turan tokko itti dhufe. Namichi yeroo dheeraadhaa jalqabee qullaa isaa in adeema, awwaalota gidduu jiraata malees, manatti hin galu ture.

28Inni yeroo Yesusin arge caraanee, fuula isaa durattis lafa dha'ee, sagalee guddaadhaanis, ?Yaa Yesus ilma Waaqayyoo aabbaa, maal nattii qabda? Maaltus dhimma koo keessa si buuse? Sin kadhadha ana hin dhiphisin? jedhe.

29Kana jechuun isaas, hafuurichi hamaan namicha keessaa akka ba'uuf, Yesus waan abboomee tureef. Yeroo baay'ee hafuurichi hamaan yommuu isa qabu, funyoo sibiilaatii fi hidhaa harkaatiin isa hidhanii, eeguu utuma yaalanii, hidhaa sana ciree, humna hafuuricha hamaatiin gara lafa namni hin jirreetti in oofama ture.

30Yesus, ?Maqaan kee eenyu?? jedhee gaafannaan, ?Maqaan koo ?Legewoon?? jedhee deebise; sababiin isaas hafuuronni hamoonni baay'een namichatti galanii waan turaniif.

31Hafuuronni hamoonni qileetti akka isaan hin ergine Yesusin kadhatan.

32Dirree gaaricha sanaa irras, kunoo hoomaan booyyee bobba'anii turan; hafuuronni hamoonni booyyee sanatti galuudhaaf isa kadhannaan, haa dhaqaniif isaan dhiise.

33Kanaafis hafuuronni hamoonni namicha keessaa ba'an, booyyota sanatti waan galaniif, hoomaan sun hundinuu hallayaa irraa harootti gad konkolaatanii, liqimfaman.

34Warri booyyee tiksan waan ta'e yommuu argan baqatanii, warra mandara keessaa fi warra biyyaattis odeessan.

35Sabni dhaga'anis waan ta'e ilaaluudhaaf ba'anii, gara Yesus dhufan. Achittis namicha, hafuuronni hamoonni keessaa ba'an, wayyaa uffatee qalbii isaattis deebi'ee, miilla Yesus jala taa'ee argan; yommus hundumti isaanii in sodaatan.

36Warri duraan achi turanii, akka namichi itti fayye arganis, jaratti himan.

37Kana booddee sabni kutaa biyya Gergeessaa hundinuu gar-malee waan sodaataniif, Yesus isaan biraa akka adeemuuf gaafatan; kana irratti inni bidiruu yaabbate achii in adeeme.

38Yesus utuu hin adeemin, namichi inni hafuuronni hamoonni keessaa ba'an, ?Sii wajjinan adeema? jedhee isa kadhatee ture; Yesus garuu, of biraa isa deebisee,

39?Mana keetti deebi'i waan Waaqayyo siif godhes himi!? ittiin jedhe. Namichi yommus Yesus biraa deebi'ee, guutummaa mandarichaa keessa naanna'ee waan inni godheef dhugaa ba'e.

Luqaas 8:40-56

40Yeroo Yesus bishaan ciisaa gamatti deebi'etti, tuuti jaraa isa siman; hundumti isaanii isa egaa turani'o.

41Keessumaa immoo, geggeessituun mana sagadaa tokko, Yaayiros kan jedhamu dhufee, miilla Yesus jalatti kufee, gara mana isaatii akka dhaquuf kadhate.

42Intalli tokkittiin inni qabu, waggaa kudha lama kan geesse, duraa du'uuf jetti turte. Yommuu Yesus dhaquudhaaf karaa irra bu'ettis, namoonni isatti tuuta'anii hafuura kutu turan.

43Kana gidduus dubartiin tokko turte. Isheen waggaa kudha lamaaf dhiigni ishee dhaabachuu diduudhaan rakkachaa turte, ogeessota qorichaa biras dhaquudhaan horii ishee hundumaa fixe; haa ta'u iyyuu malee, namni tokko ishee fayyisuu hin dandeenye.

44Isheen kun dugda isaa duubaan dhuftee andaara uffata Yesus tuqxe; achumaanis lolaan dhiiga ishee dhaabate.

45Yesus immoo, ?Eenyutu na tuqe?? jedhee gaafate. Adduma addaan ana miti jennaan, Phexros, ?Yaa barsiisaa, sabni kunoo si marsee jira, si cunqursas? jedheen.

46Yesus garuu, ?Lakkii, namni na tuqe jira, humni fayyisu akka na biraa ba'e anatti dhaga'ameera? jedhe.

47Yommus dubartittiin akka dhokachuu hin dandeenye hubattee, rom'aa dhuftee miilla Yesus jalatti lafa dhoofte; achumaanis jarreen sana hundumaa duratti, maaliif akka isa tuqxe, battaluma sanattis akka fayyite dhugaa baate.

48Yommus Yesus, ?Yaa intala ko, amantiin kee si fayyiseera, nagaadhaan dhaqi!? isheedhaan jedhe.

49Utuu inni kana dubbachaa jiruu immoo namni geggeessituu mana sagadaa sanaa tokko, ergaa himuu dhufee, Yaayirosiin, ?Intalli kee duuteetti si'achi barsiisicha hin dhamaasin!? jedhe.

50Yesus garuu kana dhaga'ee Yaayirosiin, ?Hin sodaatin, amani duwwaa! Isheenis in fayyiti? jedheen.

51Manicha bira yommuu ga'e Phexros, Yohannis, Yaaqoob akkasumas abbaa mucaatii fi haadha ishee malee, namni kan biraa isaa wajjin akka ol lixu hin barbaanne.

52Achiis hundinuu mucattiidhaaf in boo'u, in wawwaatus turan. Yesus immoo, ?Hin boo'inaa! Intalattiin hin duune, rafuutti jirti malee? jedhe.

53Isaan hundumti isaanii garuu intalattiin akka duute beeku waan turaniif, itti kolfan.

54Haa ta'u iyyuu malee, Yesus harka ishee qabee, ?Intalo, ka'i!? jedhee waame.

55Yommus lubbuun ishee keessa deebitee, achumaanis kaate; inni immoo waan nyaatu akka kennaniif abboome.

56Abbaan isheetii fi haati ishee gammadanii of wallaalan; Yesus garuu, waan ta'e eenyutti illee akka hin himne isaan dhowwe.