Yoonaas fi Qurxummii

26 Lakkoofsota2Afaan Oromoo

Yonaas 1:1-16

1Gaaf tokko dubbiin Waaqayyoo gara Yoonaas ilma Amiitaayi dhufee,

2“Ka'i, gara Nanawwee mandara guddittii dhaqi! Hamminni namoota ishee guddatee na bira waan ga'eef, irratti labsi!” jedhe.

3Yoonaas garuu isa dhiisee, fuula Waaqayyoo duraa mandara Tarshiishitti baqachuudhaaf ka'e; mandara Yopheetti gad bu'ee markaba Tarshiish dhaqu argate; inni warra markabichaa wajjin adeemuudhaaf gatii isaa baafatee, fuula Waaqayyoo duraa gara Tarshiishitti sokkuudhaaf keessa in lixe.

4Yommus Waaqayyo qilleensa jabaa galaanichatti kaase; bubbeen humna-qabeessis galaanichatti waan ka'eef markabichi caccabuu bira ga'e.

5Yeroo sanatti warri markaba oofan in sodaatan; namnis adduma addaan gara Waaqayyo isaatti iyye; akka itti salphatuuf mi'a markabicha irraa galaanatti gad daddarbatan; Yoonaas garuu kutaa markabichaa keessa lixee ciisee, rafees of gatee ture.

6Ajajjuun markabichaa immoo isatti dhi'aatee,“Attamitti akkas of gattee rafta” Ka'i, Waaqayyo kee waammadhu! Tarii Waaqayyo kun akka nuyi hin badneef nu yaadata ta'a!” jedhe.

7Kana booddees warri markabaa adduma addaan,“Wanti hamaan kun sababii eenyuutiif akka nu irra ga'e beekuudhaaf, kottaa muka buufannaa!” waliin jedhan; kanaaf isaan muka buufannaan, mukti Yoonaas irra bu'e.

8Kana irratti isaan,“Wanti hamaan kun sababii eenyuuf nu irra ga'e” Hojiin kee maali” Eessaa dhufte” Biyyi kee eessa” Sanyiin kee maali” Nutti himi!” ittiin jedhan.

9Inni immoo,“Ani Ibricha; Waaqayyoon isa gooftaa ta'ee waaqa irra jiraatu, isa galaanaa fi lafa uume nan waaqeffadha” jedhee, isaaniif deebise.

10Inni waa'ee ofii isaa waan isaanitti himeef, jarri fuula Waaqayyoo duraa baqachaa akka inni jiru in hubatan; kanaaf isaan guddaa sodaatanii,“Maali, ati attamitti akkas goote?” ittiin jedhan.

11Galaanichi ittuma dabalee hunkuramaa waan adeemeef isaan,“Galaanichi nu irraa akka gab jedhuuf attam si goonu ree?” jedhanii isa in gaafatan.

12Kana irratti Yoonaas,“Fuudhaatii galaanicha keessa na buusaa! Yoos galaanichi isin irraa gab in jedha; bubbeen humna-qabeessi isinitti ka'e kunis sababii kootiif ta'uu isaa anoo beekeera” isaaniin jedhe.

13Jarri immoo markabicha deebisanii gara lafaatti baasuudhaaf jabeessanii in mooqan; garuu hunkuramuun galaanichaa isaanitti dabalaa waan adeemeef, kana gochuu hin dandeenye.

14Yommus isaan Waaqayyoon isa galaanaa fi lafa uume waammatanii,“Hadaraa yaa Waaqayyo! Lubbuu namicha kanaa nu harkaa barbaaddee nu hin balleessin! Akka warra dhiiga nama balleessaa hin qabne dhangalaasaniittis nu hin lakkaa'in! Yaa Waaqayyo, kana akka sitti tolutti situ hojjete” jedhan.

15Yoonaasin immoo fuudhanii galaanicha keessa buusan; galaanichis hunkuramuu isaa isa sodaachisaa in dhaabe.

16Jarri ittumaa guddisanii Waaqayyoon sodaatan; Waaqayyoof aarsaa in dhi'eessan, wareegas in wareegan.

Yonaas 2:1-10

1Waaqayyo yeroo sanatti, qurxummiin guddaan tokko achitti argamee, Yoonaasin akka liqimsu godhe; akkasitti Yoonaas garaa qurxummichaa keessa guyyaa sadii fi halkan sadii ture.

2Yoonaas immoo garaa qurxummichaa keessaa Waaqayyo isaa goofticha in kadhate;

3“Yaa Waaqayyo, ani rakkina koo keessatti si nan waammadhe, ati yommus ana jalaa in owwaatte; garaa iddoo lafa jalaa keessaa sitti nan iyyadhe, ati immoo sagalee koo anaaf in dhageesse.

4Ati tuujjuba keessatti, garaa galaanaa keessatti na darbatte; bishaan humnaan lola'us ana marsee ture, dha'aan kee fi tuulamee darbatamuun bishaan keetii hundinuu ana irra in yaa'an.

5Yommus,“Anoo fuula kee duraa gatameera, deebi'ee mana qulqullummaa kee nan arga laataa?” jedhee nan yaade.

6“Bishaanonni mataa koo irra yaa'anii, lubbuu koof in sodaachisan; tuujjubni na marsee, margi bishaan keessaas mataatti na marme.

7Yommus ani gara hundee tullootaatti, gara biyya danqaraan isaa bara baraan ana irratti cufameetti gad nan bu'e; ati garuu yaa Waaqayyo gooftaa ko, boolla gad fagoo sana keessaa fayyaatti ol na baafte.

8Yeroo lubbuun koo na keessatti gaggabdetti, yaa Waaqayyo ko, ani sin yaadadhe; kadhanni koos mana kee isa qulqullaa'aa keessatti gara kee anaaf in dhufe.

9“Warri waaqayyolii tolfaman warra waa'ee hin baafneef safuu buufatan, Waaqayyoon isa gaarummaa isaanitti argisiisu in dhiisu.

10Ani garuu sagalee galataatiin, aarsaa siif nan dhi'eessa; wanta ani wareeges nan baasa; fayyisuun kan Waaqayyoo ti!” jedhe.