Si’ool
13 Lakkoofsota5Afaan OromooFaarfannaa 6:5
5Erga du'ee namni si yaadatu hin jiru, iddoo lafa jalaa keessaa immoo eenyutu si galateeffata?
Faarfannaa 49:14
14Isaan iddoo lafa jalaatiif kaa'aman, duunis akkuma hoolotaa isaan in tiksa; bifni isaanii inni akka manaatti keessa jiraatan, iddoo lafa jalaatti irraa in dhuma; warri waan qajeelaa hojjetan immoo, ganamaan isaan irratti mootummaa in argatu.
Isaayaas 38:18
18iddoon lafa jalaa si hin galateeffatu, duunis si hin faarfatu; warri du'anii boollatti gad bu'an amanamummaa kee hin abdatan.
Maarqos 9:42-50
42Yesus itti fufee, ?Eenyu illee warra xixinnaa anatti amanan kana keessaa tokko gufachiisuu irra, dhagaan daakuu guddaan morma isaatti hidhamee galaana keessatti utuu darbatamee isaa wayya ture.
43Harki kee yoo si gufachiise of irraa muri; harka lachuu qabaattee gara qilillee ibidda hin dhaamnee dhaquu kee mannaa, harkuma tokko qabaattee jireenyatti galuu siif wayya. [
44Qilillee sana keessaa raammoon nama nyaatu hin du'u, ibiddi isaas hin dhaamu.]
45Miilli kee yoo si gufachiise of irraa muri; miilla lachuu qabaattee qililleetti darbatamuu kee mannaa, miilla tokko qabaattee jireenyatti galuu siif wayya. [
46Qilillee sana keessaa raammoon nama nyaatu hin du'u, ibiddi isaas hin dhaamu.]
47Iji kee yoo si gufachiise of keessaa baasi; ija lachuu qabaattee qililleetti darbatamuu kee mannaa, ija tokko qabaattee mootummaa Waaqayyootti galuu siif wayya.
48Qilillee sana keessaa raammoon nama nyaatu hin du'u ibiddi isaas hin dhaamu.
49?Hundumtinuu ibiddaan in miyaa'a [qalmis soogiddaan miyeeffama].
50Soogiddi waan ba'eessa, soogiddi garuu miyaa yoo of keessaa dhabe, maaliin deebiftanii isa miyeessitu ree? Soogidda of keessaa qabaadhaa, walii keessaniifis nagaa qabaadhaa!? jedhe.
Luqaas 12:5
5Sodaachuun kan isiniif ta'u isinittan mul'isa; erga ajjeesee booddee adaba bara baraatiif qililleetti darbachuudhaaf aboo isa qabu sodaadhaa; eyyee, isinittan hima isa sodaadhaa!