Isaayaas 38

GAZGAZAfaan Oromoo22 Keeyyattoota5:10 Dhaggeeffadhu
Dhaggeeffadhu 5:10 · Idilee · Diraamaawaa Biblight keessatti bani

1Baras Hisqiyaas dhukkubsatee du'uu ga'ee ture; Isaayaas ilmi Amoz inni raajichi gara isaa dhaqee,“Ati in duuta malee hin fayyituutii, wanta mana keetiif abboomtu qoqqopheessi! siin jedhe Waaqayyo” jedheen;

2yommus Hisqiyaas gara keenyaniitti gara galee Waaqayyoon in kadhate;

3Hisqiyaas boo'icha guddaa boo'ee,“Maaloo yaa Waaqayyo! Bara jireenya kootti amanamummaadhaa fi garaa guutuudhaan fuula kee dura deddeebi'aa akkan ture, wanta si duratti gaarii ta'es hojjechaa akkan ture, akka yaadattuuf sin kadhadha!” jedhe.

4Yommus dubbiin Waaqayyoo gara Isaayaas dhufee,

5“Dhaqii Hisqiyaasiin,“Waaqayyo gooftaan inni kan abbaa keetii Daawit akkan jedha:- Ani kadhata kee dhaga'eera, imimmaan kees argeera; kunoo, bara jireenya kee irrattis waggaa kudha shan siif nan dabala;

6mandarattii kana nan eega; ati, mandarattiin kunis harka mootii Asor jala akka hin galle nan godha” jedhi!” jedheen.

7Waaqayyo isa dubbate kana akka fiixaan baasuuf milikkita siif in kenna;

8kanaafis inni,“Kunoo!“Gaaddisa manaa isa buusaa mana Ahaaz irraa gad bu'e kana tarkaanfii kudhan akka inni gara booddee deebi'u nan godha” jedheera” jedhe; yommusumas gaaddisi manaa sun tarkaanfii kudhan gara booddeetti in deebi'e.

9Hisqiyaas mootiin Yihudaa dhukkuba isaattii erga fayyee booddee wanta kanatti fufee jiru in caafe;

10“Ani walakkaa bara jireenya kootiitti gara karra iddoo lafa jalaa nan dhaqa, barri koo inni hafes ana irraa in cita;

11deebi'ee biyya warra jiraataatti Waaqayyoon, biyya lafaa irrattis namoota hin argu;

12akkuma godoon warra tiksituu buqqa'u, akkasuma barri jireenya koo ana irraa in fuudhama; akkuma warri wayyaa dha'an wayyicha maran, akkasuma jireenyi koo in marama; akka nama arbii keessaa wayyaa muruttis, jireenya koo in mura; guyyaadhaa gara guyyaatti dhumni jireenya koo dhi'aachaa in adeema.

13Ani hamma lafti bari'utti gargaarsaaf nan iyya, inni garuu akka leencaa lafee koo waan caccabsu anatti fakkaata; guyyaadhaa gara guyyaatti dhumni jireenya koo dhi'aachaa in adeema.

14“Ani akka simbirroo daalotee nan dubbadha, akka gugees nan aada; iji koo ol ilaaluu dadhabeera, yaa Waaqayyo! Ani rakkadheera ati na gargaari!

15Inni erga anatti himee, erga raawwatees ani maalan jedha ree” Sababii jireenyi anatti hadhaa'eef bara jireenya koo hundumaa gad of deebisee nan tiradha.

16Yaa Waaqayyo! Namni dubbii keetii fi gocha keetiin in jiraata, hafuurri koos kana duwwaadhaan jireenya in argata; ati na fayyifteetta, na jiraachifteettas.

17Ati cubbuu koo hundumaa of duubatti gattee lubbuu koo boolla badiisaa irraa waan deebifteef, kunoo, gidiraan koo qannootti anaaf in diddiirame;

18iddoon lafa jalaa si hin galateeffatu, duunis si hin faarfatu; warri du'anii boollatti gad bu'an amanamummaa kee hin abdatan.

19Akkuma ani har'a si galateeffadhu, warra jireenyatti jiran duwwaatu si galateeffata, abbaanis ijoollee isaatti amanamummaa kee in hima;

20Waaqayyo na fayyiseera; kanaafis kottaa bara jireenya keenyaa hundumaatti mi'a ribuu qabuun mana Waaqayyoo keessatti in faarfannaa!?

21Isaayaas duraan,“Hisqiyaas akka fayyuuf baala harbuu ibidda jala dibanii iita sana irra isaaf haa buusan!” jedhee ture;

22Hisqiyaas immoo,“Ani mana Waaqayyoo lixuu akkan danda'uuf milikkinni isaa maali?” jedhee gaafatee ture.

Ibsa

38:1-8 Yeroo dhukkubsannu kadhannu, Waaqayyo deebii inni Hisqiyaasiif ergise fakkaatu nuuf ergisuu baatu illee, garuu, yoo Hafuura Isaa Qulqulluudhaan nu jajjabeessee, cubbuun keenya dhiifamuu isaa fi jiraannus duunus kan Isaatii akka taanu nuuf mirkaneesse, kadhannaan keenya faayidaa malee hin taane. 2Ki 20:1-11 ilaali.

38:9-22

Kana irratti galata Hisqiyaas argina. Oo'ina yeroo dhukkubaa nuuf ta'e yaadachuu keenyaaf gaarii dha. Hisqiyaas haala inni keessa ture galmeesseera. Kana irratti xiyyeeffatee, "Gooftaa deebisee hin arganne" jedhe. Namni gaariin, Gooftaa tajaajiluufi isaa wajjin walitti dhufeenya qabaachuuf malee, kaayyoo biraaf jiraachuu hin hawwu. Iddoon qubannaa keenya inni amma jiraannu, akkuma dunkaana tiksee, iddoo ciisichaa hiyyummaa, salphaa fi qorruu dha. Akkasumas, akkuma tikseen hojii itti kenname qabu, nutis amanamummaa tokko qabna.

Ibsa guutuu dubbisi Sagalee, ibsa guutuu fi dubbisa toora alaa

Hiikkoowwan8 · 6

AMHEVG በዚያም ወራት ሕዝቅያስ ለሞት እስኪደርስ ታመመ። ነቢዩም የአሞጽ ልጅ ኢሳይያስ ወደ እርሱ መጥቶ፦ እግዚአብሔር እንዲህ ይላል፦ ትሞታለህ እንጂ በሕይወት አትኖርምና ቤትህን አስተካክል፡ አለው። አማርኛ ENGNIV In those days Hezekiah became ill and was at the point of death. The prophet Isaiah son of Amoz went to him and said, “… English BCV በቲ ዘመን እቱይ ሕዝቅያስ ንሞት ክሳዕ ዝበፅሕ ሓመመ። ነቢይ ኢሳይያስ ወዲ ኣሞፅ ከዓ ናብኡ መፂኡ፥ “እግዚኣብሄር ‘ክትመውት ኢኻ እምበር ብህይወት ኣይትነብርን ኢኻሞ፥ ቤትካ ኣመዓራሪ’ ይ… ትግርኛ GAZBIB Baras Hisqiyaas dhukkubsatee du'uu ga'ee ture; Isaayaas ilmi Amoz inni raajichi gara isaa dhaqee,“Ati in duuta malee hi… Afaan Oromoo BCV GIZ ወበውእት መዋዕል ደወየ ሕዝቂያስ ወበጽሐ ለሞት፤ ወመጽአ ኀቤሁ ኢሳይያስ ወልደ አሞጽ ነቢይ፤ ወይቤሎ፦ ከመዝ ይቤ እግዚአብሔር፦ ሥራዕ ቤተከ እስመ ትመውት ወኢተሐዩ። giz BCV aksum በቲ ዘመን እቱይ ሕዝቅያስ ንሞት ክሳዕ ዝበፅሕ ሓመመ። ነቢይ ኢሳይያስ ወዲ ኣሞፅ ከዓ ናብኡ መፂኡ፥ “እግዚኣብሄር ‘ክትመውት ኢኻ እምበር ብህይወት ኣይትነብርን ኢኻሞ፥ ቤትካ ኣመዓራሪ’ ይ… ትግርኛ AMHNIV በዚያ ጊዜ ሕዝቅያስ ታመመ፤ ሞት አፋፍ ደረሰ፤ የአሞጽ ልጅ ነቢዩ ኢሳይያስም ወደ እርሱ መጥቶ፣ “እግዚአብሔር እንዲህ ይላል፤ ‘ከሕመምህ አትድንም፤ ትሞታለህና ቤትህን አሰናዳ’ ” አለው። አማርኛ SWAHSUV Siku hizo Hezekia aliugua, akawa katika hatari ya kufa; na Isaya nabii, mwana wa Amozi, akaenda kwa mfalme, akamwambia,… Kiswahili