Sooma
9 Lakkoofsota5Afaan OromooFaarfannaa 35:13
13Ani garuu yeroo isaan dhukkubsatan, uffata gaddaa nan uffadhe, soomuudhaan namummaa koo gad nan deebise, gara qoma kootti gad jedhees nan kadhadheef;
Faarfannaa 69:10
10soomuun koo, lubbuu koos dhiphisuun koo arrabsoodhaaf anaaf ta'e.
Faarfannaa 109:24
24soomuu irraa kan ka'e jilbi koo in hollate, foon ana irraa dhumee nan huqqadhe;
Maatewos 6:16-18
16Yesus, ?Yeroodhuma soomtanitti immoo, akka warra of argisiiftuu nyaara keessan hin guurinaa! Isaan soomuun isaanii namootatti akka mul'atutti, fuula isaanii in boosomsu; dhuguman isinitti hima, isaan gatii isaanii fudhataniiru.
17Ati garuu yeroodhuma soomtutti, mataa kee dibadhu, fuula kees dhiqadhu!
18Soomuun kee abbaa kee isa wanta dhoksaatti hojjetamu hundumaa argutti malee, namoota duratti akka hin mul'anne godhi! Abbaan kee inni wanta dhoksaatti hojjetamu hundumaa argu immoo gatii siif in kenna? jedhe.
Maarqos 2:18-20
18Bartoonni Yohannisii fi bartoonni Fariisotaa in soomu turan; jarreen tokko immoo dhufanii Yesusin, ?Bartoonni Yohannisii fi bartoonni Fariisotaa maaliif soomu? Bartoonni kee immoo maaliif hin sooman?? jedhan.
19Yesus immoo deebisee, ?Dhirsi misirroo utuu isaanii wajjin jiruu, warri cidhaa soomuu danda'uu ree? Hamma dhirsa misirroo of biraa qabanitti, soomuu hin danda'an.
20Guyyoonni dhirsi misirroo isaan duraa itti fudhatamu dhufuuf jiru; egaa guyyaa sanatti in soomu.