Dukkana
45 Lakkoofsota3Afaan OromooBa'uu 10:21-28
21Waaqayyo yommus Museedhaan,“Dukkanni biyya Gibxii irratti akka bu'utti, dukkanicha keessas namni akka qaqqabatutti, ati harka kee gara waaqaatti ol qabi!” jedhe.
22Kana irratti Museen harka isaa gara waaqaatti ol qabe, guyyaa sadii guutuu dukkanni quba hin keessifne guutummaa biyya Gibxii irra ture.
23Namoonni walii isaanii hin argine, namni tokko illee guyyaa sadan sana iddoo isaatii hin kaane; lafti Israa'eloonni hundinuu jiran garuu ifa ture.
24Mootichi ergasii Musee waamsisee,“Isin dhaqaa Waaqayyoof hojjedhaa! Maatiin keessanis isinii wajjin haa dhaqan! Garuu bushaayeen keessanii fi saawwan keessan asumatti haa hafan!” jedheen.
25Museen immoo,“Qalma gubatu, aarsaa isa Waaqayyo gooftaa keenyaaf dhi'eessinu ati nuuf kenni kaa!
26Horiin keenyas immoo nuu wajjin in dhaqu; kotteen tokko illee hin hafu; Waaqayyo gooftaa keenyaaf kan dhi'eessinu isaan keessaa in fudhanna; hamma achi geenyutti immoo yeroo Waaqayyoof hojjennu nuyi wanta isaaf dhi'eessinu hin beeknu” jedhe.
27Waaqayyo immoo mooticha garaa waan jabeesseef, inni saba sana gad dhiisuu hin barbaanne.
28Mootichi ergasii Museedhaan,“Ana irraa adeemi! Fuula koo dura deebitee yoo dhufte in duuta, kanaaf lammaffaa deebitee fuula koo dura akka hin dhufne, of eeggadhu!” jedhe.
Ba'uu 11:4-10
4Ergasii Museen,“Waaqayyo,“Ani gara halkan walakkaatti biyya Gibxii keessa nan ba'a;
5biyya Gibxii keessaa, dhala mootichaa isa angafa isa teessoo isaa dhaalu jalqabee hamma dhala hojjettuu ishee daakuu daaktu isa angafaatti, angafni hundinuu in du'a; horii keessaas angafni hundinuu in du'a.
6Guutummaa biyya Gibxii keessatti boo'ichi guddaan in ta'a; boo'ichi akkasii kun takkaa ta'ee hin beeku, kan akkasiis deebi'ee hin ta'u.
7Namaa fi horii Israa'elootaatti garuu sareen illee hin duutu; Waaqayyo warra Gibxii fi warra Israa'el gidduutti garaagarummaa akka godhu kanaan in beektu” jedhe” jedhe.
8Museen itti dabalee,“Hojjetoonni kee kun hundinuu gara kootti gad bu'anii, anaaf qoomma'anii,“Ati warra si faana adeeman hundumaa wajjin hadaraa ba'i!” naan jedhu; anis kana booddee nan ba'a” jedhe; Museen kana booddee aaree boba'ee mooticha biraa in adeeme.
9Dura iyyuu Waaqayyo Museedhaan,“Dinqiin koo biyya Gibxiitti akka baay'atuuf, mootichi isiniif hin dhaga'u” jedhee ture.
10Museenii fi Aaron fuula mootichaa duratti dinqii kana hundumaa godhaniiru; Waaqayyo immoo mooticha garaa waan jabeesseef, Israa'eloonni biyya isaa keessaa akka ba'aniif gad hin dhiifne.
Ba'uu 12:1-30
1Waaqayyo ergasiis biyya Gibxii keessatti Museedhaa fi Aaroniin,
2“Ji'i kun isiniif ji'a isa jalqabaa haa ta'u, ji'a waggaa keessaas ji'a isa duraa isiniif haa ta'u!
3Guutummaa waldaa warra Israa'elitti himaa, ji'a kanattii guyyaa kurnaffaatti, namni akka mana mana isaatti xobbaallaa tokko maatii tokkoof haa fudhatu!
4Warri mana tokko keessa jiran xobbaallaa tokkoof muraasa yoo ta'an garuu, namni tokko akkuma baay'ina namoota isaatiitti ollaa isatti aanu tokkoo wajjin haa fudhatu! Xobbaallaa sanaaf hamma namni tokko nyaachuu danda'u shalaguudhaan nama in lakkooftu.
5Xobbaallaan kun korbeessa waggaa tokkoo isa mudaa hin qabne haa ta'u! Isa, hoolaa yookiis reettii keessaa in fudhattu.
6Korbeessicha ji'a kanattii hamma guyyaa kudha afuraffaatti keessanii, gaafas dimimmisa galgalaatti wal ga'iin waldaa Israa'el hundumti keessan korbeeyyii keessan adduma addaan in qalattu.
7Yommus warri qalan dhiiga isaa irraa fuudhanii michichila balbalaa lamaanuu, buusaa mataa balbalaa lamaanuu, buusaa mataa balbalaa manneen xobbaallicha keessatti nyaataniitti haa diban!
8Isaan foonicha immoo halkanuma sana haa nyaatan! Foonichi ibiddaan waadamee, maxinoodhaa fi biqiltuu urgooftuu hadhaa'uu wajjin nyaatamuutu irra jira.
9Foonicha waaddii malee, dheedhii yookiis bishaan itti naqxanii affeeltanii hin nyaatinaa! Inni mataa isaa, many'ee isaa, mi'a garaa isaa hundumaa wajjin in waadama;
10isa irraa waan tokko illee hamma ganamaatti hin hambisinaa; waan hamma ganamaatti irraa hafe immoo ibiddaan gubaa!
11Yeroo nyaattan, mudhii keessan hidhattanii, kophee miilla keessanii isa baaqqee miillatti kaa'attanii, ulee keessan harkatti qabattanii, ariitiidhaan nyaadhaa! Inni Faasiikaa Waaqayyoo ti! [“Faasiikaa” jechuun “Bira darbuu” jechuu dha].
12“Ani halkan sana biyya Gibxii keessa nan darba, angafa biyya Gibxiis namaa hamma horiitti nan dha'a; ani Waaqayyo, waaqayyolii warra Gibxii hundumaa irratti firdii nan raawwadha.
13Dhiigni manneetii isin keessa jiraattanitti jiru garuu milikkita isiniif in ta'a; anis dhiigicha yommuun argu isin irra nan darba; yeroo ani dha'icha kana biyya Gibxiitti fidutti, isin balleessuudhaaf dha'ichi tokko illee isinitti hin bu'u.
14Guyyaan kun seenaadhaaf isiniif haa ta'u; isa akka guyyaa cidhaatti Waaqayyoof in ayyaanessitu! Dhaloota dhaloota keessaniittis akka seera bara baraatti in ayyaanessitu!” jedhe.
15Waaqayyo,“Isin guyyaa torba maxinoo in nyaattu; guyyaa isa duraatii jalqabee hamma guyyaa isa torbaffaatti, namni wanta raacitii qabu nyaate, Israa'el keessaa waan balleeffamuuf, guyyaa duraatti raacitiin mana keessan keessatti akka hin argamne in gootu.
16Isin guyyaa duraatti ammas immoo guyyaa torbaffaatti wal waamtanii wal ga'ii qulqullaa'aa in godhattu; guyyoota sanatti hojiin tokko illee hin hojjetamu, wanta namni mata mataatti nyaatu garuu in hojjetattu.
17Ani macca keessan guyyaa kanatti biyya Gibxii keessaa waanan baasuuf, isin immoo dhaloota dhaloota keessanii keessatti guyyaa kana akka seera bara baraatti in eegdu.
18Ji'a isa duraa, ji'ichattiis guyyaa kudha afuraffaa galgala maxinoo in nyaattu; hamma ji'ichattii guyyaa digdamii tokkoffaa galgalaatti akkasuma in gootu.
19Namni tokko illee wanta raacitii qabu yoo nyaate, galaa yoo ta'es, dhaloota biyyaa yoo ta'es, namni sun waldaa Israa'el keessaa waan balleeffamuuf, raacitiin tokko illee guyyoota torban sanaaf manneen keessan keessatti hin argamin!
20Wanta raacitii qabu tokko illee hin nyaatinaa, lafa jiraattan hundumaatti wanta raacitii hin qabne nyaadhaa!” jedhe.
21Yommus Museen maanguddoota Israa'el hundumaa waamee,“Akka maatii keessaniitti bushaayee keessaa tokko fudhadhaatii xobbaallaa Faasiikaa sana qaladhaa!
22Baala hisooph qabaatti fudhadhaatii, dhiigicha waciitii keessaa sana keessa cuuphaa, dhiigicha waciitii keessaa sana irraas buusaa balbalaa fi michichila lamaanitti dibaa! Isin keessaa immoo namni tokko illee hamma bari'utti manaa isaatii gad hin ba'in!
23Warra Gibxii dha'uudhaaf Waaqayyo yeroo keessa darbutti, dhiigicha buusaa balbalaa fi michichila lamaanuutti argee, balbalicha irra in darba; inni balleessu sun manneen keessanitti lixee akka isin dha'u hin godhu!
24Isin, ijoolleen keessanis seera bara baraaf kenname kana eeguutu ta'a.
25Isin biyya Waaqayyo akkuma isin abdachiisetti isiniif kennu sanatti yeroo galtan akkasitti isaaf hojjechuu ittuma fufaa!
26Yeroo ijoolleen keessan,“Inni isin akkas gootan kun maali?” jedhanii isin gaafatan,
27isin immoo,“Waaqayyo biyya Gibxiitti warra Gibxii yommuu dha'e manneen keenya manneen Israa'elootaa oolchee waan bira darbeef, kun aarsaa Faasiikaa isa bira darbuu Waaqayyoo argisiisuu dha” isaaniin in jettu” jedheen; yommus sabni sun, qoomma'anii Waaqayyoof in sagadan.
28Ergasii Israa'eloonni dhaqanii akkuma Waaqayyo Musee fi Aaroniin abboome in godhan.
29Halkan walakkaa yommuu ta'e Waaqayyo biyya Gibxii keessaa angafa kan ta'e hundumaa, dhala mootichaa isa angafa teessoo isaa dhaaluu jalqabee hamma dhala nama hidhamee mana boollaa keessa jiru isa angafaatti akkasumas angafa horii hundumaa in dha'e.
30Halkan sanaan mootichi ofii isaatii, hojjetoonni isaa hundinuu, warri biyya Gibxii hundinuus in ka'an; manni tokko illee kan keessaa hin du'in waan hin jirreef, biyya Gibxii keessatti boo'ichi guddaan in ta'e.