Dubartoota abbaan manaa irraa du’e

8 Lakkoofsota6Afaan Oromoo

Faarfannaa 68:4-5

4Waaqayyoof weeddisaa, mi'a garaa garaatiinis maqaa isaa faarfadhaa, isa lafa duwwaa gara irraa adeemus ol kaasaa, faarfadhaa! Maqaan isaa “Isa jiru” jedhama, fuula isaa duratti gammaduu keessan mul'isaa!

5Waaqayyo iddoo isaa isa qulqullaa'aa keessa jira; warra abbaa hin qabneef abbaan, haadhotii hiyyeessaafis falmaan, isa.

Isaayaas 1:17

17Gaarii gochuu baraa! Firdii qajeelaa duukaa bu'aa! Warra nama miidhan ifadhaatii qajeelchaa! Ijoollee abbaan irra hin jirreef faradaa! Haadha hiyyeessaaf falmaa!

1ffaa Ximotewos 5:3

3Warra abbaan manaa irraa du'e, dhugumaanis gargaartuu hin qabnetti ulfina argisiisi!

Zakaariyaas 7:9-10

9Waaqayyo gooftaan maccaa,“Firdii qajeelaa faradaa, walii keessanittis gaarummaa fi oo'a argisiisaa!

10Haadha hiyyeessaa, ijoollee abbaan irra hin jirre, galaa, rakkataas hin cunqursinaa! Garaa keessan keessattis wal irratti waan hamaa hin yaadinaa!” jedhe.

Yaaqoob 1:27

27Waaqayyoon sodaachuun inni Waaqayyo keenyaa fi abbaa keenya duratti qullaa'ee fi xurii hin qabne garuu, ijoollota abbaa fi haadha hin qabne, dubartoota abbaan manaa irraa du'es rakkina isaanii ilaalanii gargaaruu dha; xuraa'ummaa biyya lafaa irraas of eeggachuu dha.

Fakkeenya 31:9

9Isaaniif dubbadhu, firdii qajeelaas isaaniif kenni! Warra hiyyeessotaa fi warra wanta barbaachisaa dhabaniif falmi!