Jijjiirama

13 Lakkoofsota12Afaan Oromoo

2ffaa Qorontos 3:18

18Ammas nuyi fuula keenya utuu hin haguuggatin ulfinni gooftichaa nu irraa akka calaqqisu in goona; nuyis ulfinaa gara ulfinaatti darbuudhaan fakkaattii isaa akka taanuuf, akka goofticha isa hafuura sana biraa nuuf dhufetti in diddiiramna.

Roomaa 12:2

2Fakkeenya jireenya bara isa darbu kanaa duukaa hin bu'inaa! Jaalalli Waaqayyoo isa kam akka ta'e gargar baasuudhaaf, yaada garaa keessanii haareffachuudhaan of diddiiraa! Jaalalli Waaqayyoo immoo waan gaarii ta'e, waan isa duratti fudhatamaa ta'e, waan akeeka isaa fiixaan baasus hubachuu dha.

2ffaa Tasalonqee 3:5

5Gooftaan garaa keessan gara jaalala Waaqayyo ittiin nama jaallateetti, gara obsa Kristos argisiiseettis haa qajeelchu!

1ffaa Qorontos 1:10

10Obboloota ko, isin hundumti keessan waan dubbattanitti akka walii galtan, yaada tokkoon akeekkattanii, tokkummaadhaanis raawwachuudhaaf akka qophooftan malee, isin gidduutti gargar ba'uun akka hin jiraanne, maqaa gooftaa keenya Yesus Kristosiin isinan gorsa.

Galaatiyaa 5:22-23

22Iji hojii hafuuraa immoo, jaalala, gammachuu, nagaa, obsa, gaarummaa, arjummaa, amanamummaa,

23garraamummaa dha, of dhowwuu dhas; egaa seerri isaan kanaan mormu hin jiru.

Qolosaayis 3:5

5Egaa yaada keessan wanta lafa irra jirutti isa hidhu halalummaa fi xuraa'ummaa, kajeellaa fi hawwa hamaa, sassata isa waaqayyolii tolfaman waaqessuutti lakkaa'amus, of keessaa ajjeesaa.

Yohaannis 4:14

14bishaan isa ani kennuufiif jiru irraa inni dhugu garuu, bara baraan hin dheebotu; bishaan inni ani kennuufiif jiru, isa keessatti burqaa bishaanii isa jireenya bara baraatiif burqu in ta'ao? ittiin jedhe.

Iyo'eel 2:13

13Egaa garaa keessan tarsaasaa malee, uffata keessan hin tarsaasinaa! Gara Waaqayyo gooftaa keessaniitti deebi'aa! Inni araara-qabeessaa fi oo'a-qabeessa waan ta'eef, dheekkamsatti hin ariifatu, gaarummaan isaas baay'ee dha, wanta hamaa namatti erguu irraas of in qusata.

Hojii Ergamootaa 3:19

19Egaa yaada garaa keessanii geddaradhaa, inni cubbuu keessan akka isiniif haxaa'utti gara Waaqayyootti deebi'aa.

Maatewos 4:17

17Yeroo sanaa jalqabee Yesus, ?Mootummaan waaqaa waan dhi'aateef, yaada garaa keessanii geddaradhaa!? jedhee labsuutti ka'e.

Hojii Ergamootaa 2:38

38Phexros immoo, ?Yaada garaa keessanii geddaradhaa; cubbuun keessan akka isiniif dhiifamuuf, tokkon tokkon keessan maqaa Yesus Kristositti cuuphamaa; kennaa hafuura qulqulluus in fudhattu.

Roomaa 5:6

6Nuyi amma illee of-dadhaboo taanee utuu jirruu yeroon yaadame yommuu ga'etti Kristos warra akkuma keenya Waaqayyo irraa fagaatan hundumaaf du'e.