Jaalala
23 Lakkoofsota12Afaan OromooWeedduu Weedduuwwan 8:6-7
6Akka mallattootti garaa keettii fi irree keetti na mallateeffadhu! Jaalalli jabaa akka du'aa ti, hinaaffaan gara-jabeessa akka awwaalaa ti; arrabni isaas akka arraba ibiddaa ti, akka giimii ibiddaa isa xaph godhuu ti.
7Bishaan baay'een iyyuu ibidda jaalalaa hin dhaamsu, lolaanis haree isa hin balleessu; namni qabeenya qe'ee isaa jiru hundumaan jaalala bitachuu barbaaduun gowwummaa dha” jedhe.
Maarqos 12:30-33
30Atis Waaqayyo kee goofticha garaa kee guutuudhaan, jireenya kee guutuudhaan, yaada kee guutuudhaan, humna kee guutuudhaanis jaallachuutu siif ta'a?!
31Inni lammaffaan immoo ?Nama, akka mataa keetiitti jaallachuutu siif ta'a?! isa jedhuu dha. Abboommiin isaan kana irra caalu kan biraa hin jiru? jedhe.
32Barsiisichi seeraa sun immoo, ?Ba'eessa dubbatte yaa barsiisa! ?Inni tokkicha, isa malee kan biraa hin jiru? isa jette dhugaa dubbatte.
33Isas garaa guutuudhaan, qalbii guutuudhaan, humna guutuudhaanis jaallachuun, nama akka mataa ofiitti jaallachuun, guutummaa qalma gubamuu fi aarsaa hundumaa irra guddaa in caala? jedheen.
Yohaannis 3:16
16?Waaqayyo, akkasitti tokkicha ilma isaa hamma kennuufitti biyya lafaa jaallate; kun immoo isatti kan amanu hundinuu jireenya bara baraa haa qabaatuuf malee, haa baduuf miti!
Yohaannis 13:34-35
Yohaannis 14:21
21Namni abboommii koo qabu, inni isa raawwatus, isa, kan na jaallatu; nama na jaallatu immoo abbaan koo isa jaallachuuf jira, anis isa nan jaalladha, ofii koos isatti mul'isuufan jira? jedhe.
Yohaannis 15:9-10
Yohaannis 16:27
27Isin waan na jaallattaniif, abbaa biraa dhufuu koos waan amantaniif, abbaan ofii isaa isin in jaallata.
Roomaa 5:8
8Waaqayyo garuu, utuma nuyi cubbamoota taanee jirruu, Kristos nuuf du'uu isaatiin hammam akka nu jaallate in argisiisa.
Roomaa 8:37-39
37Waan nu irra ga'e hundumaatti garuu, karaa isa nu jaallatee mo'icha guddaa arganna.
38Duuni, jireenyi, ergamoonni waaqa irraa, warri bantii waaqaa keessatti aboo qabu jedhamanii sodaataman, wanti amma jiru, wanti dhufuuf jirus hundinuu, wanti humna argisiisuu danda'us, jaalala Waaqayyoottii gargar akka nu hin baafne ani beeka.
39Wanti ol ka'ee jiru, wanti gad fagaatee jirus, uumama keessaa wanti biraas, jaalala Waaqayyoo isa karaa gooftaa keenyaa Kristos Yesus nuuf dhufettii, danda'ee gargar nu hin baasu.
1ffaa Yohaannis 4:7-8
1ffaa Yohaannis 4:10-12
10Nuyi Waaqayyoon hin jaallanne; inni garuu nu jaallate, ilma isaas cubbuu keenyaaf furee haa ta'uuf nuuf erge. Jaalala jechuun isa kana.
11Michoota ko! Waaqayyo akkana erga nu jaallatee, nuufis immoo wal jaallachuun in ta'a.
12Namni tokko illee Waaqayyoon takkaa hin argine; yoo wal jaallanne, Waaqayyo nu keessa in jiraata, jaalalli inni ittiin nu jaallatus nu keessatti fiixaan ba'uu isaa ti.
1ffaa Yohaannis 4:16
16Nuyis jaalala Waaqayyo nuuf qabu hubanneerra, amanneerras. Waaqayyo jaalala; namni jaalalatti qabamee jiraatus Waaqayyo keessa in jiraata, Waaqayyos isa keessa in jiraata.