Jireenya Bara Baraa
38 Lakkoofsota17Afaan OromooSeensa 28:12-15
12Inni achitti abjuu abju'atee, yaabbannoo hundeen isaa lafa dhaabate, fiixeen isaa bantii waaqaa bira ga'u tokko in arge; kunoo, ergamoonni Waaqayyoo isa irra ol in ba'u, gadis in bu'u turan.
13Waaqayyo immoo isa gara irraa dhaabatee,“Ani Waaqayyo gooftaa isa kan Abrahaam abbaa kee tii, Waaqayyo isa kan Yisihaq; lafa ati irra ciiftu kanas siif, sanyii keetiifis nan kenna;
14sanyiin kees akka biyyoo lafaa in ta'a; gara lixa-biiftuutti, ba'a-biiftuutti, harka bitaatti, harka mirgaattis in bali'fata; qomoon biyya lafaa irraas hundinuu sababii keetiif, sababii sanyii keetiifis in eebbifamu.
15Kunoo! Ani sii wajjinan jira, iddoo ati dhaqxu hundumaatti sin eega; biyya kanatti sin deebisa, waan ani sitti dubbadhe siifan raawwadha malee, si hin gatu!” jedhe.
Faarfannaa 12:7
7yaa Waaqayyo, ati nu irra in golgita, dhaloota kanattiis yeroo hundumaa nu eegda.
Faarfannaa 15:1-5
1Yaa Waaqayyo, godoo kee keessa eenyutu buufata ree” Tulluu kee isa qulqullaa'aa irras eenyutu jiraata ree”
2Nama balleessaa malee jiraatu, nama wanta qajeelaa hojjetu, nama garaa isaatiin dhugaa dubbatu,
3nama arraba qaratee asii fi achi hin labne, nama nama irratti hamaa hin hojjenne, nama ollaa isaa hin ceephaane;
4namni Waaqayyoon gatee gatamee ija isaatti tuffatamaa ta'ee kan ilaalamu; warra Waaqayyoon sodaataniif immoo ulfina kan kennu, wanti inni wareege kan isa miidhu yoo ta'e iyyuu, wareega isaa utuu hin geddarin kan raawwatu;
5horii isaa hiiqiitti kan hin kennine, nama yakka hin qabne irratti gabbarsuu kan hin fudhanne; kana hundumaatti namni of eeggachaa hojjetu, yoom iyyuu hin socho'u.
Faarfannaa 23:6
6eyyee, bara jireenya koo hundumaatti gaarummaan kee fi arjummaan kee ana duukaa in bu'u; guyyoota kana hundumaafis mana Waaqayyoo keessa nan jiraadha.
Faarfannaa 37:27-29
27Wanta hamaa irraa fagaadhu, wanta gaarii hojjedhu! Yoos bara baraan nagaatti in teessa.
28Waaqayyo waan dhugaa ta'e in jaallata, warra isaaf of kennanis hin gatu; isaan bara baraan in eegamu, ijoolleen jal'ootaa immoo lafa irraa in balleeffamu.
29Warri qajeelonni biyya in qabaatu, yeroo hundumaafis keessa in taa'u.
Faarfannaa 115:16-18
Faarfannaa 145:20
20Waaqayyo warra isa jaallatan hundumaa in eega, warra jal'oota hundumaa garuu in balleessa.
Fakkeenya 8:35-36
Fakkeenya 10:25
25akkuma bubbeen bubbisee darbu, jal'oonni akkasuma deebi'anii hin argaman; warri qajeelonni garuu, bara baraan jabaatanii in dhaabatu.
Fakkeenya 10:27-30
27Waaqayyoon sodaachuun bara jireenyaa in dheeressa, barri warra jal'ootaa garuu in gabaabbata.
28Wanti namni qajeelaan eeggatu gammachiisaa dha, abdiin nama jal'aa garuu in bada.
29Karaan Waaqayyo warra balleessaa hin qabneef da'oo ol ka'aa dha, warra hamaa godhanitti garuu badiisa;
30namni qajeelaan bara baraan hin mittiqu, namni jal'aan garuu lafa irra hin jiraatu;
Fakkeenya 18:21
21Duunii fi jireenyi aboo arrabaa jala jiru; warri isa jaallatan ija isaa in nyaatu.
Maatewos 16:27
27Ilmi namaa ulfina abbaa isaatiin ergamoota isaa wajjin dhufuuf jira; yommus adduma addaan akka hojii isaatiitti gatii isaa in kennaaf.
Luqaas 9:23-26
23Hunduma isaaniitiinis, ?Eenyu illee na duukaa bu'uu yoo fedhe, waa'ee ofii isaa dhiisee fannoo isaa baatee, yeroo hundaa ana duukaa haa bu'u.
24Namni jireenya isaa oolfachuu yoo barbaade, jireenyi isaa duraa in fudhatama; garuu anaaf jedhee jireenya isaa kan kennu, isa oolfata.
25Egaa namni biyya lafaa guutummaatti buufatee, lubbuu isaatti yoo hir'ise, yoo of balleesses, bu'aan isaa maali ree?
26Eenyu illee anatti, dubbii koottis yoo yeella'e, ilmi namaa ulfina isaatti, kan abbaa isaatti, kan qulqulloota ergamootaattis yommuu dhufu, isatti in yeella'a.
Luqaas 10:25-28
25Kunoo, barsiisaan seeraa tokko ka'ee, Yesusin qoruudhaaf, ?Yaa barsiisaa, jireenya bara baraatti galuudhaaf maal gochuutu anaaf ta'a?? jedhee gaafate.
26Yesus immoo deebisee, ?Seera keessatti maaltu caafamee jira? Namootaaf attamitti dubbifta?? jedhee isuma gaafate.
27Kana irratti namichi, ?Garaa kee guutuudhaan jireenya kee guutuudhaan, humna kee guutuudhaan, yaada kee guutuudhaanis Waaqayyo kee goofticha jaallachuutu siif ta'a; namas akka ofii keetiitti jaallachuun siif in ta'a? jedhee deebise.
28Yesus immoo, ?Deebiin kee qajeelaa dha, atis in jiraatta kana raawwadhu!? jedheen.
Yohaannis 8:51
51Dhuguma, dhuguman isinitti hima, namni dubbii koo eegu bara baraan hin du'u? isaaniin jedhe.
1ffaa Ximotewos 6:12
12Wal'aansoo amantii isa gaarii sana jabeessii qabi! Jireenya bara baraas harka kee keessa galfadhu! Isaaf waamamtee, dhuga-baatuu baay'ee duratti amantii kee ba'eessa gootee beeksifteetta.
Mul'ata 22:14
14Warri uffata isaanii miiccatan haa gammadan! Isaan muka jireenya namaaf kennu bira ga'uudhaaf aboo qabu; karra sanaanis mandarichatti ol in galu.