Jajjabeessaa

15 Lakkoofsota13Afaan Oromoo

2ffaa Qorontos 1:3-4

3Waaqayyoof, abbaa gooftaa keenyaa Yesus Kristos, abbaa araara hundumaaf, Waaqayyo jajjabina hundumaaf galanni haa ta'u!

4Jajjabina isa Waaqayyo biraa arganne sanaan, nuyi immoo rakkina attamii keessatti iyyuu warra kaan akka jajjabeessinuuf, inni rakkina keenya hundumaa keessatti nu in jajjabeessa.

Faarfannaa 94:19

19Yeroo yaaddoon garaa kootti baay'atu, ati na jajjabeessitee lubbuu koo in gammachiifta.

Maatewos 5:4

4Warri garaan isaanii gadde haa gammadan, isaan jajjabina in argatu.

Yohaannis 14:18

18Ani kophaatti isin hin dhiisu, gara keessan nan dhufa.

Faarfannaa 118:5

5Ani rakkina koo keessatti Waaqayyoon nan waammadhe, inni immoo in owwaate, iddoo bal'aattis na baase.

Yohaannis 16:7

7Dhuguman isinitti hima, yoon adeeme isiniif wayya; yoon adeemuu dhabaadhe inni isiniif dubbatu gara keessan hin dhufu; ani yoon dhaqe garuu isa isiniifan erga.

Isaayaas 51:12

12Waaqayyo isaaniin, “Anuma, anuma inni isin jajjabeessu! Isin garuu nama bor du'u, ilmaan namootaa warra akka margaa darbuuf jiran maaliif sodaattu”

Roomaa 15:5

5Waaqayyo inni obsaa fi jajjabina namaaf kennu immoo, fakkeenya Kristos Yesus duukaa buutanii, walii galtee akka qabaattaniif isin haa dandeessisu.

Yohaannis 14:26

26Inni isiniif dubbatu hafuurri qulqulluun, inni abbaan maqaa kootiin ergu garuu, waan hundumaa isin in barsiisa, waanan isinitti hime hundumaas isin in yaadachiisa.

Yohaannis 14:16

16Ani abbaa nan kadhadha, inni bara baraan isin bira haa jiraatuuf, kan biraa kan isiniif dubbatu, isiniif in kenna.

Mul'ata 7:16-17

16Egaa deebi'anii hin beela'an, hin dheebotanis; aduun, wanti gubus isaanitti hin bu'u.

17Hoolichi teessicha dura gara gidduu jiruus isaan in tiksa, gara burqaa bishaan jireenya kennuuttis isaan in geessa; Waaqayyoos imimmaan hundumaa ija isaaniittii in haqa? anaan jedhe.

Yohaannis 15:26

26?Hafuura isa isiniif dubbatu, abbaa biraa isiniif nan erga; hafuurri dhugaa inni abbaa biraa ba'u sun yommuu dhufu, anaaf dhugaa in ba'a.

2ffaa Qorontos 1:5

5Dhiphina Kristos keessaa hammana kan hin jedhamne akkuma hirmaanne akkasuma karaa Kristos jajjabina isaa keessaa hammana kan hin jedhamne in hirmaanna.