Jijjiirama

28 Lakkoofsota2Afaan Oromoo

Maarqos 9:2-13

2Guyyaa ja'a booddees, Yesus Phexrosii fi Yaaqoobin Yohannisinis fudhatee, ol gara gaara dheeraa tokkootti kophaatti isaan baase; inni bifa ulfina isaatiin isaanitti mul'ate.

3Uffanni isaas miiccituun lafa irraa akkas calaqsiisuu akka hin dandeenyetti adii calaqqisaa ta'e.

4Eliyaasii fi Museen achitti isaanitti mul'atanii, Yesusii wajjin dubbachaa turan.

5Phexros gidduutti, ?Yaa barsiisaa! Asitti argamuun keenya attam gaarii dha! Kottaa asitti godoo sadii, tokko siif, tokko Museedhaaf, tokkos Eliyaasiif in ijaarraa? jedhee Yesusitti dubbate.

6Bartoonni sun baay'ee sodaatanii waan turaniif, inni maal akka dubbatu hin beeku ture.

7Yommus duumessi dhufee hunduma isaaniitti uffise; sagaleenis duumessicha keessaa dubbatee, ?Kun ilma koo isa ani jaalladhu, isa dhaga'aa!? jedhe.

8Bartoonni battaluma sana naannoo isaanii yommuu ilaalan Yesusin duwwaa of biratti argan malee, deebi'anii nama tokko iyyuu achitti hin argine.

9Isaan gaaricha irraa utuu gad bu'uutti jiranii Yesus, ?Ani ilmi namaa du'ee warra du'an keessaa utuun hin ka'in, waan argitan nama tokkotti iyyuu hin himinaa!? jedhee bartoota isaa abboome.

10Isaan immoo dubbii isaa fudhatanii, ?Warra du'an keessaa ka'uun maal inni?? jedhanii wal gaggaafatan.

11Achumaanis, ?Maaliif barsiisonni seeraa, ?Eliyaas dura dhufuutu ta'a? jedhu?? jedhanii Yesusin gaafatan.

12Yesus deebisee, ?Waan hundumaa iddootti deebisuudhaaf Eliyaas duraan dursee in dhufa illeetii, haa ta'u iyyuu malee, ilmi namaa baay'ee dhiphachuuf jira, tuffatamuufis jira, jedhamee waa'ee kootiif attamitti caafame ree?

13Ani garuu isinittan hima, Eliyaas dhufeera; akkuma waa'ee isaatiif caafamee jiruttis, jarreen tokko waanuma jaallatan isa irratti raawwatan? isaaniin jedhe.

Maarqos 9:14-29

14Isaan gara bartoota warra kaanii yommuu dhufan, namoonni baay'een isaanitti naanna'anii, barsiisonni seeraa tokkos isaanitti utuu falmanii argan.

15Namoonni hundinuu akkuma Yesusin arganiin raajeffatanii, gara isaatti fiiganii nagaa gaafatan.

16Inni immoo, ?Maal isaanitti falmitu?? jedhee isaan gaafate.

17Yommus tuuta sana keessaa namni tokko deebiseefii, ?Barsiisaa! Ilma koo isa hafuura didaadhaan qabame gara keetti fideera.

18Hafuurichis iddoodhuma isa qabutti lafaan isa dha'a; gurbichi immoo hoomacha afaaniin in yaasa, ilkaan in qara dhagni isaas qaratti in goga. Ani illee akka isaan hafuuricha baasaniif bartoota kee gaafadheera; isaan garuu isa baasuu hin dandeenye? jedhe.

19Yesus deebisee, ?Isin yaa dhaloota hin amannee nana, hamma yoomiittan isin bira jiraadha? Hamma yoomiittis ba'aa anatti taatu? Gara kootti isa fidaa!? isaaniin jedhe.

20Yommus isaan gurbicha gara Yesusitti fidan. Hafuurichi immoo Yesusin yommuu arge, gurbicha wixxifachiisee lafaan dha'ee, gangalachiisees hoomacha afaaniin baase.

21Yesus, ?Kun isa qabuun isaa erga yoomiitii?? jedhee abbaa gurbichaa gaafate. Inni immoo deebisee, ?Mucummaa isaatii jalqabe.

22Yeroo baay'ees isa balleessuudhaaf jedhee ibidda keessa, bishaan keessas buuseera; garuu waan tokko gochuu yoo dandeesse, nuuf oo'ii nu gargaari!? jedhe.

23Yommus Yesus, ?Yoo dandeesse jettee? Nama amanuuf wanti hundinuu in danda'ama? jedheen.

24Achumaan abbaan mucichaa sagalee isaa ol fudhatee, ?Nan amana, amanti-dhabina kootti na gargaari!? jedheen.

25Yesus immoo namoonni akka itti dacha'an argee, hafuuricha hamaa sana ifatee, ?Ati hafuura didaadhaa fi dudaa nana! Sin abbooma, isa keessaa ba'i deebites itti hin galin!? ittiin jedhe.

26Hafuurichi mucicha iyyisiisee baay'ees erga wixxifachiisee booddee keessaa in ba'e; yommus gurbichi akka waan du'ee taanaan, namoonni baay'een ?Du'eera? jedhan.

27Yesus garuu harka gurbichaa qabee lafaa ol isa kaase, innis in ka'e.

28Yesus erga manatti ol galee booddee, bartoonni isaa kophaatti, ?Nuyi maaliif hafuuricha hamaa sana baasuu hin dandeenye?? jedhanii isa gaafatan.

29Inni immoo deebisee, ?Inni akkasii kun kadhataan, [soomuudhaanis] malee, waan biraatiin baafamuu hin danda'u? isaaniin jedhe.