Jireenya Du'a Booda
32 LakkoofsotaAfaan Oromoo1ffaa Qorontos 15:1-32
1Ammas yaa obboloota ko! Wangeela isa ani isinitti lallabe, isa isin fudhattan, isa isin itti cimtanii dhaabattanii jirtan isin nan barsiisa.
2Sababii amantaniif utuu hin beekin fudhattan yoo ta'e malee, akkuma ani isinitti lallabetti yoo eeggattan wangeelichumaan in fayyitu.
3Hundumaa irra caalaa waanan ofii kootii fudhadhe isinitti dabarsee kenneera; innis caaffanni qulqullaa'oon akka jedhanitti, Kristos cubbuu keenyaaf du'eera;
4inni awwaalameera, caaffanni qulqullaa'oon akka jedhanitti guyyaa sadaffaattis du'aa kaafameera.
5Inni Phexrositti mul'ate, ergasii bartoota kudha lamaan keessaa warra hafanitti mul'ate.
6Kana booddee immoo ergaan-takkaa obboloota dhibba shan caalanitti mul'ate; isaan keessaa kaan illee boqotaniiru garri caalan garuu amma iyyuu jiru.
7Erga Yaaqoobitti mul'atee booddee immoo, warra ergamoota jedhaman hundumaatti mul'ate.
8Hundumaa booddee ana isa akka nama iddoo hin ga'in dhalatetti immoo mul'ateera.
9Anoo ergamoota hundumaa irra xinnaa dha; waldaa Waaqayyoo waanan ari'adheefis, ?Ergamaa? jedhamee waamamuudhaaf nama ta'u miti.
10Amma garuu ayyaana Waaqayyootiin ani ergamaa ta'eera, ayyaanni inni anaaf kennes utuu dhimma hin baasin hin hafne. Ani hunduma isaanii caalaa itti dadhabee hojjedheera; ana utuu hin ta'in, ayyaana Waaqayyoo isa anaa wajjin jirutu itti dadhabe.
11Egaa anis isaanis akkasitti in lallabna, isinis akkasitti amantanii jirtu.
12Kristos warra du'an keessaa kaafamuun isaa erga lallabamee, attamitti isin keessaa kaan, ?Warri du'an ka'uun hin jiru? jechuu danda'u ree?
13Warri du'an ka'uun hin jiru erga ta'ee, Kristosis immoo du'aa hin kaafamne.
14Kristos du'aa hin kaafamne erga ta'ee, lallabuun keenya dhimma hin baasu, amanachuun keessanis dhimma hin kutu.
15Nuyis Waaqayyo, Kristosin du'aa kaaseera jennee, Waaqayyoof dhugaa ba'uu keenyaan sobduu taanee argamuu keenya; warri du'an hin kaafaman erga ta'ee, Waaqayyo Kristosin immoo du'aa hin kaafne jechuu dha.
16Warri du'an hin kaafaman erga ta'ee, Kristosis immoo du'aa hin kaafamne.
17Kristos du'aa hin kaafamne erga ta'ee, amantiin keessan immoo waa'ee hin baasu, cubbuun keessan ammuma iyyuu isin irra jira.
18Yoos immoo warri Kristositti amananii obbaafatan baduu isaanii ti.
19Jireenya amma biyya lafaa kana irra jiraannu duwwaadhaaf Kristosin abdanna erga ta'ee, namoota hundumaa caalaatti nuuf boo'uutu ta'a.
20Amma garuu Kristos warra du'an keessaa kaafameera, warra obbaafatan keessaas isatu jalqaba ka'e.
21Du'uun karaa nama tokkoo akkuma dhufe, warri du'an ka'uunis karaa nama tokkoo dhufeera.
22Harkisaa Addaamiin namoonni hundinuu akka du'an akkasuma immoo harkisaa Kristosiin namoonni hundinuu in jiraachifamu.
23Kun hundinuu akka tarree isaaf qophaa'etti in ta'a; Kristos jalqabatti ka'ee jiraataa akkuma ta'e, warri kan Kristos ta'anis yeroo inni deebi'ee dhufutti in jiraachifamu.
24Kristos immoo gooftummaa hundumaa, aboo hundumaa, humna hundumaas golgoleessee, mootummicha deebisee Waaqayyo abbaatti erga kennee booddee dhumni in ta'a.
25Waaqayyo diinota hundumaa miillan isaa jala hamma kaa'ufitti, Kristos mo'uutu ta'a.
26Hundumaa booddee diina keenya du'atu golgoleeffama.
27Caaffanni qulqullaa'aan, ?Waaqayyo wanta hundumaa miillan isaa jala galcheera? jedha; ?Wanta hundumaa miillan isaa jala galcheera? yommuu jedhu, Waaqayyo inni waan hundumaa miilla Kristos jala galche immoo ofii isaatii miilla jala akka hin galin mul'ataa dha.
28Wanti hundinuu ilma Waaqayyoo jala yommuu galfamu, ilmi immoo ofii isaatii, Waaqayyo isa waan hundumaa miilla isaa jala galche jala in gala; akkasitti Waaqayyo karaa hundumaa waan hundumaa irra in ta'a.
29Warri du'an hin kaafaman erga ta'ee immoo, namoonni warra du'aniif jedhanii cuuphaman maal gochuu isaanii ti ree? Maaliifis isaaniif jedhanii cuuphamu ree?
30Maaliif yeroo hundumaa waan jireenya keenyaaf sodaachisu jala jiraanna ree?
31Obboloota ko, ani guyyuma guyyaatti sodaa du'aa jalan jira; kanas karaa Kristos Yesus gooftaa keenyaa isiniin waanan of jajuuf, kakadhee isinittan hima.
32Akka yaada namaatti yoon fudhadhe, Efesoonitti akka nama bineensotaan loluu ta'uun koo, bu'aa maalii anaaf qaba ture ree? Warri du'an hin kaafaman erga ta'ee, akkuma warra kaanii, ?Bor waan duunuuf, kottaa in nyaannaa, in dhugnas!? in jenna.