Shira Phaawuloos Ajjeesuuf Xumurame

11 LakkoofsotaAfaan Oromoo

Hojii Ergamootaa 9:20-30

20Saa'ol ergasii utuu hin turin manneen sagadaa keessatti, ?Yesus kun ilma Waaqayyoo ti? jedhee lallabe.

21Warri isa dhaga'an hundinuu garuu dinqifatanii, ?Namichi kun, isa Yerusaalemitti warra maqaa Yesus waammatan balleessuuf dhama'aa ture mitii? Addana iyyuu isaanuma hidhee luboota warra angafootatti geessuudhaaf dhufee ture mitii?? jedhanii gaafatan.

22Saa'ol garuu lallabi isaa humna argachaa adeeme, Yesus Masiihii ta'uu isaa kan inni ittiin hubachiises amansiisaa waan tureef, Yihudoonni warri Damaasqoo jiraatan walii isaa wallaalan.

23Guyyaa baay'ee erga Saa'ol kana hojjechaa bubbulee immoo, Yihudoonni walitti dacha'anii isa ajjeesuudhaaf mari'atan.

24Mareen isaanii kun garuu Saa'ol bira ga'e; isaan immoo isa ajjeesuudhaaf, halkanii fi guyyaa balbala kellaa mandarichaa in eegu turan.

25Warri garee isaatii garuu gaaf tokko halkan geessanii, guuboo keessa kaa'anii masaraa gubbaadhaan gad isa buusan.

26Saa'ol ergasii gara Yerusaalem dhaqee, bartootatti dabalamuu yaale; isaan garuu akka inni dhuguma bartuu ta'e hin amanne waan turaniif, hundumti isaanii isa sodaatan.

27Baarnaabaas garuu fuudhee ergamootatti isa geessee; karaatti attamitti gooftaa akka inni arge, gooftaanis akka isatti dubbate isaanitti mul'ise; Damaasqootti immoo Saa'ol attamitti ija jabinaan maqaa Yesusiin akka dubbate, isaanitti hime.

28Saa'ol isaanii wajjin Yerusaalem keessa deddeebi'aa bubbule; maqaa gooftaa Yesusiin ija jabinaan lallabe.

29Warra Yihudoota afaan Griikii haasa'anii wajjinis dubbatee, isaaniin morkachaa ture; isaan garuu isa ajjeesuu yaalan.

30Obboloonni immoo yeroo kana baranitti, gara Qiisaariyaatti geessanii, Xarseesitti isa in ergan.