Maqaa Yesus
12 LakkoofsotaAfaan OromooLuqaas 2:21-32
21Guyyaan saddeettaffaan erga darbee mucicha dhagna qabuun in ga'e; akkuma ergamaan Waaqayyoo utuu isheen hin ulfaa'in dura, haadha isaatti himee turetti maqaa isaa ?Yesus? jedhan.
22Akka seera Museen abboometti yeroon qullaa'ummaa isaanii geenyaan, Waaqayyo gooftaa duratti isa dhi'eessuudhaaf, mucicha gara Yerusaalemitti fidan.
23Seera gooftichaa keessatti, ?Dhiirri angafni karra saaqu hundinuu Waaqayyoof qulqullaa'ee addaan kan ba'ee dha? kan jedhu caafamee jira.
24Kana malees immoo akka seera gooftichaatti aarsaadhaaf, ?Gugee horaa lama yookiis gugee sosookkee lama? dhi'eessuuf, isa fidan.
25Bara sanatti namni maqaan isaa Simi'oon jedhamu tokko Yerusaalem ture; namni kun abboommii Waaqayyoo kan eege, Waaqayyoon sodaachaa kan jiraate, fayyina isa Israa'eliif dhufu kan eeggatu ture; hafuurri qulqulluunis isa irra boqotee ture.
26Kanaan duras fayyisaa gooftichaa isa abdachiifame utuu hin argin akka hin duune hafuura qulqulluudhaan isatti mul'ifamee ture.
27Amma immoo hafuura qulqulluudhaan geggeeffamee mana qulqullummaatti ol gale; Maariyaamii fi Yoseef akka seeraatti isaaf raawwachuudhaaf mucicha Yesusin mana qulqullummaatti ol galchan.
28Yommus Simi'oon mucicha fuudhee, kaasuutti baatee Waaqayyoon galateeffatee,
29?Egaa, yaa gooftaa, akkuma dubbattee turte garbicha kee nagaadhaan jireenya kanattii hiiki!
30Fayyisuu kee ija kootiin argeera;
31sabni hundinuu akka arguuf kan qopheessite,
32innis ifa; warra saba Waaqayyoo hin ta'initti akka mul'atuuf, saba kee Israa'eliifis ulfina akka ta'uuf? jedhe.