Masaraa Baabel
9 LakkoofsotaAfaan OromooSeensa 11:1-9
1Bara sanatti namni lafa irraa guutummaatti, afaan tokkichaa fi haasaa tokkicha qaba ture;
2namoonni ba'a-biiftuutii yeroo godaananitti, biyya Shiinaaritti bakkee diriiraa argatanii achi qubatan.
3Isaan,“Kottaa, suphee dhoofnee cimsinees ibiddaan in gubnaa!” waliin jedhan; qooda dhagaa xuuphiin, wal qabachiisuuf immoo leeleen isaaniif in hojjete;
4yommus,“Kottaa, mandara riqaan isaa bantii waaqaa bira ga'u tokko ofii keenyaaf in ijaarannaa, nuyi guutummaa lafaa irra diidatti akka hin bittimmoofnetti ittiin maqaa in godhannaa!” jedhan.
5Waaqayyo yommus mandarichaa fi riqaa isaa isa ilmaan namaa ijaaran ilaaluudhaaf gad bu'e;
6inni,“Kunoo, isaan saba tokko, hundumti isaaniis afaan tokkicha dubbatu, kun wanta isaan hojjechuuf jiran keessaa isa jalqabaa ti; egaa wanta isaan hojjechuuf yaadaa qaban keessaa, tokko illee kan isaan bira ga'uu dadhaban hin jiru.
7Kottaa gad buunee, inni tokko afaan isa kaanii akka hin dhageenyetti, afaan isaanii duraa waliin in maknaa!” jedhe.
8Achiis Waaqayyo guutummaa lafaa irra isaan bittimse; isaanis ijaarsa mandarichaa achumatti in dhiisan.
9Waaqayyo achitti afaan guutummaa biyya lafaa waan waliin makeef, maqaan iddoo sanaa “Baabel” jedhamee moggaafame; (“Baabel” jechuun “Waliin makamaa” jechuu dha) achiis Waaqayyo guutummaa irra lafaa irra namoota in bittimse.