Tajaajila

22 Lakkoofsota20Afaan Oromoo

Roomaa 12:11

11Waa dhimma baasuudhaaf hin dhibaa'inaa! Hafuura gubaa qabaadhaa! Gooftichaafis of irraa bu'aa hojjedhaa!

1ffaa Qorontos 15:58

58Jaallatamoo obboloota ko, egaa utuu hin socho'in jabaadhaatii dhaabadhaa! Itti dadhabuun keessan gooftaa biratti akkasumaan akka hin ta'in beektanii, yeroo hundumaa hojii gooftaa caalchisaa hojjedhaa!

Maarqos 9:35

35Inni erga taa'ee, warra kudha lamaan ofitti waamee, ?Namni dura ta'uu barbaadu nama hundumaa booddee ta'uutu irra jira, nama hundumaafis hojjechuutu irra jira? jedhe.

Yohaannis 12:26

26Namni tokko yoo anaaf ergamuu barbaade, ana duukaa bu'uun in ta'aaf, inni anaaf ergamus lafa ani jiru in jiraata; namni anaaf ergamu yoo jiraate, abbaan koo ulfina in kennaaf? jedhe.

Maarqos 10:45

45Ilmi namaa hojjechiifachuudhaaf hin dhufne, namootaaf hojjechuu fi lubbuu isaa furii namoota baay'eetiif kennuuf dhufe malee? jedhe.

Maatewos 25:21

21Gooftaan isaa immoo, ?Ba'eessa goote, hojjetaa gaarii dhaa fi amanamaa nana, ati waan xinnoo irratti amanamte, ani immoo waan guddaa irra sin dhaaba; gammachuu gooftaan kee itti jiraatutti gali!? jedheen.

2ffaa Ximotewos 3:16-17

16Caaffanni qulqullaa'aan hundinuu geggeessaa hafuura Waaqayyootiin caafame; barsiisuuf, balleessaa hubachiisuuf, qajeelchuuf, qajeelummaattis leejjisuudhaaf dhimma in baasa.

17Namni Waaqayyoo waa gochuuf kan danda'e, hojii gaarii hundumaafis kan qophaa'e akka ta'u in godha.

Keessa Deebii 13:4

4Isin Waaqayyo gooftaa keessan duukaa bu'aa, isa sodaadhaa, abboommii isaa eegaa, sagalee isaa dhaga'aa, isaaf hojjedhaa, isattis maxxanaa!

Galaatiyaa 5:13

13Obboloota ko, isin birmadummaadhaaf waamamtanoo, jaalalaan waliif ergamaa malee, birmadummaan keessan yaada fooniitiif karaa hin kennin!

Keessa Deebii 10:12-13

12Ammas yaa Israa'el, Waaqayyoon gooftaa kee sodaachuu, karaa isaa hundumaa irra adeemuu, isa jaallachuu, garaa kee guutuudhaan, jireenya kee guutuudhaanis Waaqayyo gooftaa keef hojjechuu malee, Waaqayyo gooftaan kee maal si irraa barbaada”

13Gaarii akka siif ta'uufis abboommii fi seerrata Waaqayyoo warra ani har'a si abboomu kana eeguu malees maal si irraa barbaada”

Yohaannis 13:14

14Ani barsiisaan keessaniif gooftaan keessan ergan miilla isiniif dhiqee, isin immoo miilla walii walii keessaniif dhiquun isiniif in ta'a.

Iyyaasuu 24:15

15Waaqayyoof hojjechuun isin duratti hamaa yoo fakkaate garuu, waaqayyolii warra abboonni keessan lagicha gamatti hojjechaafii turaniif yookiis warra kan Amoorota isin biyya isaanii keessa teessan kanaaf hojjettu yoo ta'e, har'a eenyuuf akka hojjettan fo'adhaa!” Garuu anii fi manni koo Waaqayyoof in hojjenna” jedhe.

Faarfannaa 37:23

23Ejjennaan namaa inni Waaqayyo jabeessu isa biraa in ka'a; karaan isaa sunis gooftaatti in tola,

Iyyaasuu 22:5

5Garuu abboommii fi seera isa Museen garbichi Waaqayyoo isiniif kenne eeguudhaaf jabeessaa of eeggadhaa! Waaqayyoon gooftaa keessan jaalladhaa, karaa isaa hundumaa irra adeemaa! Abboommii isaas eegaa! Isatti maxxanaatii garaa keessan hundumaan, jireenya keessan hundumaanis isaaf hojjedhaa!” jedhe.

Maatewos 6:24

24Yesus itti fufee, ?Eenyu illee gooftolii lamaaf hojjechuu hin danda'u, isa tokko jibbee isa kaan jaallachuu, isa tokkoof of kennee isa kaan tuffachuu dha malee; isinis akkasuma Waaqayyoo fi horiidhaaf hojjechuu hin dandeessan.

1ffaa Pheexiroos 2:16

16Akka warra birmaduu Waaqayyoof garboota ta'aniitti jiraadhaa! Garuu birmadummaan keessan kan ittiin hamaa hojjettanii dhoksitan hin ta'in.

Faarfannaa 34:22

22Waaqayyo lubbuu hojjetoota isaa in fura, warra isatti kooluu galan keessaas tokkotti illee yakki hin muramu.

Roomaa 6:13

13Bu'aa dhagna keessanii mi'a jal'inaa gochuudhaaf harka cubbuu jala hin galchinaa! Garuu akka namoota warra du'a keessaa ba'anii jireenya argataniitti, Waaqayyoof of kennitanii, bu'aa dhagna keessanii mi'a qajeelinaa gochuudhaaf harka Waaqayyoo jala galchaa!

Ibraa'oota 9:14

14dhiigni Kristos isa hafuura bara baraatiin, aarsaa mudaa hin qabne godhee ofii isaa Waaqayyoof dhi'eesse immoo, isin hojii isa du'atti geessu dhiiftanii, Waaqayyo isa jiraataadhaaf hojjetoota akka taataniif, hammam guddaa caalchisee yaada garaa keessanii haa qulleessu ree?

Maatewos 20:28

28Ilmi namaas akkasuma hojjechiifachuudhaaf hin dhufne, namootaaf hojjechuu fi, lubbuu isaa furii namoota baay'eedhaaf kennuuf dhufe malee? jedhe.