Tajaajilaa Dhiifama Hin Goone

13 LakkoofsotaAfaan Oromoo

Maatewos 18:23-35

23Yesus itti fufee, ?Akkasumas mootummaan waaqaa mootii hojjetoota isaa irraa gatii lakkaa'achuuf murtoo godhetti in fakkeeffama.

24Yommuu inni lakkaa'achuu jalqabetti immoo, nama inni meetii millionii baay'ee irraa qabu tokko itti fidan.

25Namichi waan baasu dhabnaan garuu, gooftaan isaa gatichi haa baafamuuf, inni, haati manaa isaa, ijoolleen isaa, wanti inni qabu hundinuus akka gurguraman abboome.

26Hojjetaan sun immoo miilla gooftaa isaa jalatti lafa dha'ee, ?Gatii kee hundumaa siifan baasaatii anaaf obsi? jedhee cimsee kadhate.

27Kana irratti gooftaan isaa hojjetaa isaa sanaaf garaa laafee isa gad dhiise; gatii isa irraa qabus in dhiiseef.

28?Hojjetaan sun garuu akkuma gad ba'een, hojjetaadhuma akka isaatii kan gatii akka birrii dhibba tokkoo irraa qabutti ba'ee, morma isaa hudhee qabee, ?Gatiin si irraa qabu anaaf baasi!? jedhe.

29Hojjetichi akka isaatii sun immoo miilla isaa jalatti kufee, ?Anaaf obsi, gatii kees siifan baasa? jedhee kadhate.

30Abbaan gatii garuu in dide; hamma namichi gatii isaa baasuufitti, dhaqee mana hidhaatti isa galchisiise.

31Hojjetoonni akka isaatii warri kaan waan ta'e kana yommuu argan baay'ee gaddan; dhaqaniis waan ta'e kana hundumaa gooftaa isaaniitti himan.

32Kana irratti gooftaan isaa hojjetaa isa duraa sana waamsisee, ?Ati hojjetaa hamaa nana! Ani gatii si irra jiru sana hundumaa waan ati ana kadhatteefan siif dhiise.

33Akkuma ani siif oo'e, atis immoo hojjetaa akka keetiitiif oo'uun siif hin ta'u turee ree?? jedheen.

34Akkasitti gooftaan isaa dheekkamee, hamma inni gatii isa irra jiru hundumaa baasutti, dabarsee warra isa dhiphisanitti kenne.

35?Isinis tokkon tokkon keessan garaa keessaniin obboleessa keessaniif yoo dhiisuu dhabaattan, abbaan koo inni waaqa irraa akkas isin in godha? jedhe.