Toomaas Shakkii
6 LakkoofsotaAfaan OromooYohaannis 20:24-29
24Bartoota gooftaa kudha lamaan keessaa, Toomaas inni ?Diidimos? jedhame tokko, yommuu Yesus dhufe bartootaa wajjin hin turre.
25Bartoonni warri kaanis, ?Goofticha argineerra? jedhanii itti himan; inni garuu, ?Iddoo sibiilichi ure, harka isaa lamaanitti yoon arge malee, quba koos iddoo sibiilichi ure irra yoon kaa'e malee, harka koos madaa cinaacha isaa keessa yoon kaa'e malee, hin amanu!? isaaniin jedhe.
26Guyyaa saddeet booddees bartoonni isaa ammas walitti qabamanii mana keessa turan, Toomaasis isaanii wajjin ture. Isaan mana cufatanii utuu taa'anii, Yesus dhufee isaan gidduu dhaabatee, ?Nagaan isiniif haa ta'u!? isaaniin jedhe.
27Kana booddee Toomaasiin, ?Quba kee fidii as irra kaa'i, harka koo lamaan ilaali, harka kee fidiitii madaa cinaacha koo keessa kaa'i; kan hin amanne hin ta'in, kan amante ta'i malee!? jedhe.
28Toomaasis, ?Gooftaa ko, Waaqayyo ko!? jedhee deebiseef.
29Yesus immoo, ?Yaa Toomaas, waan ana argiteef amantee? Utuu ana hin argin kan amanan, attam haa gammadan!? ittiin jedhe.