Tokkummaa

11 Lakkoofsota6Afaan Oromoo

Faarfannaa 133:1

1Ilaa, obboloonni walii wajjin jiraachuun, attam gaarii dha, attam namatti tolas!

Yohaannis 10:16

16Warra gola kanatti galan malees hoolota kan biraa qaba; isaan immoo yaasuun anaaf in ta'a, sagalee koos in dhaga'u; walitti karra tokko in ta'u, tikseen isaaniis tokko in ta'a.

Yohaannis 17:21-23

21Isaanis tokko haa ta'aniif, yaa abbaa, akka ati ana keessa jirtu anis si keessa akkan jiru, isaanis nu keessa haa jiraataniif, biyyi lafaas ati akka na ergite haa beekuuf kadhachuu koo ti.

22Akkuma nuyi tokko taane, isaanis tokko haa ta'aniif, ulfina ati anaaf kennite isaaniif kenneera.

23Ani isaan keessa atis na keessa jiraachuu keetiin isaanis raawwatanii tokko haa ta'an; biyyi lafaas ati na erguu kee, akkuma na jaallattes isaan immoo jaallachuu kee haa beeku!

Roomaa 12:4-5

4Nuyi dhagna tokkotti bu'aa dhagnaa baay'ee qabna; bu'aan dhagnaa hundinuu immoo hojii adda addaa qabu.

5Akkasuma nus immoo utuma baay'ee taanee jirruu, Kristositti dhagna tokko; nuyis bu'aa dhagna walii ti.

1ffaa Qorontos 10:17

17Buddeenni tokkicha waan jiruuf, nus immoo hammam yoo baay'anne iyyuu, hundumti keenya buddeena tokkicha sana irraa waan hirmaannuuf, nuyi dhagna tokkicha.

Galaatiyaa 3:26-28

26Amantiidhaan isin hundumti keessan karaa Kristos Yesus ilmaan Waaqayyoo ti.

27Warri Kristositti dabalamuudhaaf cuuphamtan Kristosin akka uffataatti uffattaniittu.

28Karaa Kristos Yesus isin hundumti keessan tokko; Yihudii yookiis Griikii; garba yookiis birmaduu, dhiira yookiis dubartii gidduu garaagarummaan hin jiru.