Dhukkuba

14 Lakkoofsota13Afaan Oromoo

Yaaqoob 5:14-15

14Isin keessaa namni dhukkubsate jiraa? Inni jaarsolii waldaa kristiiyaanaa haa waamsifatu; isaan immoo maqaa gooftaatiin dibata dibanii kadhata haa godhaniif.

15Kadhanni amantiidhaan godhamu kun, isa dhukkubsataa in fayyisa; gooftaan isa in kaasa, cubbuu hojjeteera yoo ta'es in dhiisaaf.

Ba'uu 23:25

25Ana Waaqayyo gooftaa keef hojjedhu, ani immoo midhaan kee fi bishaan kee nan eebbisa; dhukkubas si keessaa nan balleessa.

Fakkeenya 17:22

22Garaan gammadu fayyina namaaf kenna, yaadni cabaan garuu lafee gogsa.

3ffaa Yohaannis 1:2

2Yaa michuu ko! Akkuma karaa lubbuu sitti tole, karaa hundumaan akka sitti tolu, akka ati fayyaa taatus nan kadhadha.

Faarfannaa 147:3

3Inni warra garaan isaanii cabee in fayyisa, madaa isaaniis walitti qabee in hidhaaf.

Isaayaas 53:4

4Inni garuu dhugumaan dhiphina keenya of irra in kaa'e, muddama keenyas in baate; nuyi garuu akka waan Waaqayyo dha'icha isatti fidee, akka waan inni isa rukutee gad isa deebisettis in lakkoofne.

Maatewos 10:8

8Warra dhukkubsatoo fayyisaa, warra du'an kaasaa, warra lamxaa'an qulleessaa, hafuurota hamoota baasaa; gatii utuu itti hin baasin fudhattan, isinis gatii utuu itti hin baasisin kennaa!

Ba'uu 15:26

26“Sagalee ana Waaqayyo gooftaa kee isa sitti dubbatu dhugumaan yoo dhaggeeffatte, wanta ana duratti qajeelaa ta'e yoo goote, abboommii koo yoo dhageesse, seerrata koo hundumaas yoo eegde, dhukkuba ani warra Gibxiitti fide hundumaa keessaa tokko illee sitti hin fidu; ani Waaqayyo fayyisaa kee ti” jedhe.

Yaaqoob 5:16

16Yoos dhukkubattii akka fayyifamtanitti cubbuu keessan walitti himadhaa, waliifis kadhadhaa! Kadhannaan nama qajeelaa waan baay'ee hojjechuu in danda'a.

Fakkeenya 13:12

12Abdiin lafa irra harkifamu garaa nama dhukkubsa, hawwiin namaaf raawwatamu garuu muka jireenyaa ti.

Luqaas 10:9

9Dhukkubsataa achi keessaa fayyisaa, saba achi jiraniinis, ?Mootummaan Waaqayyoo isinitti dhi'aateera? jedhaa!

Isaayaas 53:3

3namoonni isa tuffatanii isa irraa in goran, inni nama dhiphinnii fi muddamni itti baay'ate ture; inni akka nama tuffatanii, achi ilaalanii bira darbanii in ta'e; nuyis homaatti iyyuu isa hin lakkoofne.

Faarfannaa 32:3

3Yeroon cubbuu koo himachuu dhiisetti, guyyaa guutuu aaduu kootiif namummaan koo gad dhume;