Dhufaatii Lammaffaa
16 Lakkoofsota14Afaan OromooMaatewos 24:44
44Kanaaf isinis immoo qophaa'oo ta'aa! Ilmi namaa yeroo isin quba hin qabaatinitti in dhufa? jedhe.
Ibraa'oota 10:24-25
Mul'ata 22:20
20Inni wanta kana hundumaa dhugaa baasises, ?Haa ta'u! Ani dafee nan dhufa? in jedha. Ameen! Kottu, gooftaa Yesus!
Maatewos 24:42
42Kanaafis gooftaan keessan yoom akka dhufu hin beektan, dammaqaa!
1ffaa Pheexiroos 4:7
7Dhumni waan hundumaa dhi'aateera; egaa warra of qaban, kadhata gochuufis warra eeggatan ta'aa!
Mul'ata 22:12
12Inni dhufu sun, ?Kunoo ani dafee nan dhufa, gatii isa ani adduma addaan akka hojii isaatiitti namaaf kennus fidee nan dhufa.
1ffaa Yohaannis 2:28
28Ammas yaa ijoollee ko! Yeroo Kristos mul'atutti ija-jabina akka qabaannu malee, guyyaa dhufa isaatti yeelloodhaan akka hin rifanneef, isumatti jiraadhaa!
Mul'ata 1:8
8Waaqayyo gooftichi, inni jiru, inni ture, inni dhufuuf jiru, inni hundumaa danda'u, ?Ani Alfaa dha, Omeegaa dhas? jedha; [kana jechuun, ?Ani isa duraa ti, isa booddee tis? jechuu dha].
Maatewos 7:15
15Yesus itti fufee, ?Raajota sobduu irraa of eeggadhaa, isaan hoolaa fakkaachuudhaaf raroo hoolaa uffatanii gara keessan in dhufu; keessa isaaniitiin garuu yeeyyii butatanii dha.
Hojii Ergamootaa 1:10-11
10Utuma isaan karaa inni ol ba'e sanattii ija hin buqqifatin, kunoo namoonni uffata adaadii uffatan lama isaan bukkee dhaabatanii,
11?Isin namoota Galiilaa, maaliif dhaabattanii waaqa keessa ilaalaa jirtu? Yesus, inni isin biraa gara waaqaatti ol fudhatame kun, akkuma amma itti gara waaqaa dhaquu isaa argitan kanatti immoo, deebi'ee in dhufa? jedhaniin.
2ffaa Pheexiroos 3:8
8Michoota ko! Guyyaan tokko goofticha biratti akka waggaa kumaa, waggaan kumnis akka guyyaa tokkoo ta'uu isaa yaadatti qabadhaa!
Filiphisiyus 1:6
6Waaqayyo inni hojii gaarii isin keessatti jalqabe, hamma guyyaa Kristos Yesus deebi'ee dhufutti, fiixaan akka baasu nan amanadha.
Mul'ata 3:11
11Ani dafee nan dhufa; namni tokko illee gonfoo mo'ichaa isa kan keetii si duraa akka hin fudhannetti, isa qabdu jabeessii eeggadhu!
Efesoona 4:30
30Hafuura Waaqayyoo isa qulqulluu, isa guyyaa fayyinaatiif ittiin mallateeffamtan hin gaddisiisinaa!