Simoon Fannoo Baata

21 Lakkoofsota3Afaan Oromoo

Maarqos 15:21

21Namni biyya Qareenaa tokko maqaan isaa Simi'oon kan jedhamu, abbaa Iskindrosii fi Ruufos, lafa qotiisa isaatii utuu galuu isaanitti dhufe; isaan immoo fannoo Yesus akka baatuuf isa giddisiisan.

Maarqos 15:22-36

22Yesusinis gara iddoo Golgootaa jedhamutti geessan; ?Golgootaa? jechuun ?Iddoo lafee mataa? jechuu dha.

23Isaan yommus daadhii waynii qumbiidhaan makame Yesusiif kenninaan; inni fudhachuu dide.

24Yommus jarri isa in fannisan; uffata isaa immoo hiranii eenyu isa kam akka fudhatu baruudhaaf muka itti buufatan.

25Yeroon isa fannisanis bari'ee sa'aatii sadiitti ture.

26Yakka inni ittiin hadheeffame mul'isuudhaafis, ?Kun mooticha Yihudootaa ti? kan jedhu mataa isaa gara irraatti caafamee ture.

27Isaa wajjin immoo saamtota lama, isa tokko mirga isaatti isa kaanis bitaa isaatti fannisan. [

28Yommus inni macaafni, ?Warra seera cabsituutti lakkaa'ame? jedhu in raawwatame].

29Warri achiin darban immoo mataa isaanii raasanii, ?Muu! Ati isa mana qulqullummaa jigsitee guyyaa sadiitti ijaartu!

30Mee of oolchi! Fannoo irraas gad bu'i!? jedhanii in arrabsu turan.

31Luboonni warri angafoonnii fi barsiisonni seeraas akkasuma wal harkaa fuudhanii isatti ga'isan, ?Inni namoota biraa oolcheera, ofii isaa immoo oolchuu hin danda'u.

32Masiihicha mooticha Israa'el erga ta'ee akka nuyi arginee isatti amannuuf, amma fannoo irraa gad haa bu'u!? jedhan; warri isaa wajjin fannifamanis immoo isa in ceepha'u turan.

33Sa'aatii ja'aa jalqabee hamma sa'aatii sagaliitti dukkanni lafa hundumaa irra ture.

34Sa'aatii sagalittis Yesus sagalee guddaadhaan, ?Elo'ii, Elo'ii lamaa sabaktanii?? jedhee waammate; kunis, ?Waaqayyo ko, Waaqayyo ko maaliif na dhiifte?? jechuutti in hiikama.

35Warra achi dhaabatan keessaa kaan kana dhaga'anii, ?Kunoo Eliyaasin waammata? jedhan.

36Yommus isaan keessaa tokko fiigee daadhii waynii dhangaggaa'aa waan akka cumaa buqqee hadhaa'aa, isa bishaan dhagnatti xuuxu tokkotti guutee, uleetti kaa'ee, akka inni dhuguuf kenneefii, ?Eliyaas fannoo irraa gad isa buusuudhaaf yoo dhufe, mee in ilaalla!? jedhe.

Maarqos 15:37-41

37Yesus sagalee guddaa isaa dhageessisee hafuurri isaa keessaa yaa'e.

38Yeroo sanatti golgaan mana qulqullummaa olii hamma gadiitti iddoo lamatti tarsa'e.

39Angafni dhibbaa inni gara Yesusitti gara galee dhaabatu akkasitti hafuurri isaa isa keessaa yaa'uu isaa yommuu hubate, ?Namni kun dhuguma ilma Waaqayyoo ture? jedhe.

40Dubartoonni halaala dhaabatanii in ilaalan; isaan keessas Maariyaam ishee Magdalaa, Maariyaam haadha Yaaqoob isa quxisuu, kan Yosees, Salomees turan.

41Isaan warra yommuu inni Galiilaa ture isa duukaa bu'anii isaaf hojjetan; kan biraa dubartoonni baay'eenis immoo isaa wajjin Yerusaalemitti kan ol ba'an achitti argamaniiru.