Solomonii fi Sheebaa

12 LakkoofsotaAfaan Oromoo

2ffaa Seenaa Baraa 9:1-12

1Mootuun biyya Sheebaa waa'ee Solomoon yommuu dhageesse, isa qoruuf gaaffii cimaa qopheeffattee gara Yerusaalem in dhufte; isheen namoota baay'ee fudhattee urgooftuu garaa garaa, warqee fi dhagaa gati-jabeeyyii danuu gaalotatti feesifattee in dhufte; Solomoon bira yommuu dhufte wanta garaa isheetti yaaddee qopheeffatte hundumaa isaa wajjin in dubbatte.

2Yommus Solomoon wanta isheen gaafatte hundumaaf deebii in kenne; wanti inni isheef deebisuu dadhabe tokko illee hin turre.

3Mootuun biyya Sheebaa ogummaa Solomoon yommuu argite, mana mootummaa isa inni ijaares yommuu ilaalte,

4akkasumas nyaata maaddii isaatti dhi'aatu, akka itti hojjetoonni isaa warri gurguddoonni taa'an, akka itti namoonni isaaf ergamanii fi warri dhugaatii isaaf dhi'eessan uffatanii dhaabatan akkasumas Solomoon gara mana qulqullummaatti ol ba'ee qalma gubamu utuu dhi'eessuu yommuu argite dinqisiifattee hafuurri ishee gargar in cite.

5Yommus isheen mootichaan,“Inni ani wanta ati hojjettee fi waa'ee ogummaa keetii biyya kootti dhaga'e dhugaa dha;

6garuu hamma ani ofii kootii dhufee isa argutti wanta anatti himame sana amanuu hin dandeenye. Kunoo, guddina ogummaa keetii keessaa walakkaadhumti iyyuu anatti hin himamne; ati isan dhaga'e irra iyyuu guddaa in caalta.

7Namoonni kee hammam haa gammadan! Hojjetoonni kee warri gurguddoonni warri yeroo hundaa si bira jiran, jecha kee isa ogummaadhaan guute yommuu dhaggeeffatan hammam haa gammadan!

8Waaqayyo gooftaan kee inni si jaallate, inni teessoo isa ofii isaatii siif kenne irra si kaa'ee akka ati isaaf hojjettuuf mootii si godhe haa galateeffamu! Waaqayyoon kee Israa'eloota waan jaallatuuf, bara baraanis isaan jiraachisuu waan fedhuuf, ati firdii qajeelaa akka kennituuf, wanta isa duratti fudhatamaa ta'e akka hojjettuuf isaan irratti si moosise” jette.

9Kana booddee isheen warqee akka kuntaala afurtamaa, urgooftuu garaa garaa danuu akkasumas dhagaa gati-jabeessa Solomooniif in kennite; kan akka urgooftuu mootuun biyya Sheebaa Solomoon mootichaaf kennitee takkaa argamee hin beeku.

10Kana malees hojjetoonni Hiiraam mootichaa fi hojjetoonni Solomoon mootichaa warri warqee biyya Ofiirii fidan muka fo'amaa fi dhagaa gati-jabeessa fidanii turan.

11Yommus mootichi muka fo'amaa sana irraa buusaa ittiin mana qulqullummaatti ol lixanii fi buusaa ittiin mana mootummaatti ol lixan in hojjechiise; warra faarfatootaaf immoo mukicha irraa kiraaraa fi maseenqoo in tolchisiise; wanti akkasii hamma har'aatti iyyuu biyya Yihudaa keessatti argamee hin beeku.

12Yommus Solomoon mootichi kennaa mootuun biyya Sheebaa isaaf kennite irra kan caalu akkasumas wanta isheen isa kadhattee fi wanta garaan ishee hawwe hundumaa isheedhaaf in kenne; kana booddee isheen namoota ishee wajjin gara biyya isheetti in deebite.