Milkaa’ina
6 Lakkoofsota6Afaan Oromoo1ffaa Mootota 2:3
3Iddoo dhaqxu hundumaatti wanti ati gootu hundinuu akka wal siif qixxaatutti, waan Waaqayyo gooftaan kee si irraa barbaadu raawwadhu! Karaa isaa irra deddeebi'i! Akkuma seera Musee keessatti caafamee jirutti seerrata isaa, abboommii isaa, wanta isa duratti qajeelaa ta'ee fi dubbii isaaf dhugaa ba'u eegi!
Faarfannaa 1:3
3Inni akka muka isa bishaan yaa'aa qarqara dhaabamee, yeroo yeroo isaatti ija kennuu, baalli isaas gogee hin harcaanee ti; wanti inni hojjetu hundinuus wal in qixxaataaf.
Faarfannaa 128:2
2Wanta harka keetiin itti dadhabdee argatte in nyaatta, ati in gammadda, gaariittis in jiraatta.
Fakkeenya 15:6
6mana nama qajeelaa keessa badhaadhummaa guddaatu jira, bu'aa namni jal'aan argatu keessa garuu rakkinatu jira.
Fakkeenya 22:4
4gad of deebisuu fi Waaqayyoon sodaachuun, qabeenya, ulfinaa fi jireenya namaaf in kenna.
Lallaba 5:19
19Waaqayyo badhaadhummaa fi qabeenya namaaf kennee, akka namni ga'aa isaa fudhatee, wanta itti dadhabetti gammadu gochuun kennaa isaa ti;