Dhiphina

32 Lakkoofsota9Afaan Oromoo

2ffaa Saamu'eel 22:7

7Rakkina koo keessatti Waaqayyoon nan waammadhe, gargaarsaaf Waaqayyo koottan iyyadhe; inni yommus mana qulqullummaa isaa keessaa sagalee koo dhaga'e, gargaarsaa fi iyyuun koos gurra isaa bira anaaf in ga'e.

Faarfannaa 6:7

7Iji koo gadda irraa kan ka'e arguu dhabe, sababii warri na cunqursan hundinuu na gaddisiisaniifis, dadhabaa in adeema.

Faarfannaa 18:3-6

3Waaqayyoon isa jajamaa nan waammadha, inni immoo harka diinota koo na oolcha.

4Hidhaan du'aa na marsan, dha'aan bishaan badiisaas na naasise;

5hidhaan qilee na xaxan, furgaasaan du'aas na qabate;

6rakkina koo keessatti Waaqayyoon nan waammadhe, gargaarsaaf Waaqayyo koottan iyyadhe; inni immoo mana qulqullummaa isaa keessaa sagalee koo dhaga'e, isa duratti gargaarsaaf iyyuun koos gurra isaa bira anaaf ga'e.

Faarfannaa 55:22

22Wanta yaada sitti ta'u Waaqayyotti gatii dhiisi, inni akka ati hin kufnetti si irkisa! Namni qajeelaan raawwatee akka hin mittiqne in godha.

Faarfannaa 118:5-9

5Ani rakkina koo keessatti Waaqayyoon nan waammadhe, inni immoo in owwaate, iddoo bal'aattis na baase.

6Waaqayyo gara koo erga ta'ee ani hin sodaadhu, namni maal na gochuu danda'a”

7Waaqayyo na gargaaruudhaaf gara koo erga ta'ee, ani gammachuudhaan warra na jibban of jalatti nan ilaala.

8Nama amanachuu irra Waaqayyotti kooluu galuu wayya.

9Warra gurguddoota amanachuu irra, Waaqayyotti kooluu galuu wayya.

Luqaas 12:6-12

6Simbirroonni shan akka saantiima lamaatti in gurguramu mitii? Garuu isaan keessaa tokko iyyuu Waaqayyo duratti kan dagatamu hin jiru.

7Rifeensi mataa keessanii hundinuu iyyuu lakkaa'amaa dha; kanaafis hin sodaatinaa, isinoo simbirroota baay'ee irra guddaa in caaltu.

8?Ani isinittan hima, eenyu illee namoota duratti eenyu akkan ta'e dhugaa ba'ee yoo mul'ise, anis ilmi namaa ergamoota Waaqayyoo duratti akkasuma dhugaa nan ba'aaf.

9Garuu namoota duratti kan na ganu, ergamoota Waaqayyoo duratti in ganama.

10Ittiin mormee ilma namaa irratti waa kan dubbatu hundinuu, dhiifama in argata; hafuura qulqulluu salphisee kan arrabsu garuu dhiifama hin argatu.

11?Mana sagadaatti yookiis abboota biyyaatti, yookiis warra biyya seerrattanitti yoo isin geessan, attamitti falmanna? Yookiis maal jenna? jettanii hin yaadda'inaa!

12Yeroodhuma sanatti maal jechuun akka isiniif ta'u, hafuurri qulqulluun isin in barsiisa? jedhe.

Luqaas 21:11-19

11socho'i lafaa gurguddaan beellii fi dha'ichis biyya hundumaatti in ta'a, wanti rom'isiisaanii fi milikkinni gurguddaanis waaqa irraa in mul'ata.

12Wanti kun hundinuu utuu hin ta'in dura, isin in qabu, isin in ari'atus; yaa'ii warra mana sagadaatti, mana hidhaattis dabarsanii isin in kennu; anaaf jettanii fuula moototaatti, fuula abboota biyyaattis in geeffamtu.

13Kanaanis karaa ittiin dhugaa naa baatan in argattu.

14?Maal jennee falmanna? jettanii yaadda'uu akka isin hin barbaachifne garaatti qabadhaa.

15Anuu akka ta'utti akka dubbattaniif ogummaa, warri isinitti falman dura dhaabachuu yookiis ittiin mormuu hin dandeenye isiniifan kenna.

16Warri isin hore, obboloonni, aantiin keessanii fi firri keessan illee dabarsanii isin in kennu; isin keessaas kaan in ajjeesu.

17Hundinuu anaaf jedhanii isin in jibbu.

18Garuu rifeensi mataa keessanii tokko illee hin badu.

19Egaa rakkina obsuu keessaniin jireenya keessan isa dhugaa in argattu? jedhee isaaniif deebise.

2ffaa Qorontos 11:27-28

27Hojiitti dadhabuu, rakkina, halkan baay'ees hirriba malee buluu, beela, dheebuu, yeroo baay'ee hagabuu taa'uu, qorra keessatti qullaa ta'uu baachaan ture.

28Kana malees, guyyaa guyyaatti waldoota kristiiyaanaatiif yaadda'uun anatti ulfaachaa jira.

Filiphisiyus 4:6-7

6Waan hundumaatti, kadhataa fi himataan galataa wajjin wanti isin barbaachisu Waaqayyo duratti akka beekamu godhaa malee, waanuma tokkotti yaaddoo hin qabaatinaa!

7Nagaan Waaqayyoo inni hubannaa namaa hundumaa irra caalus, karaa Kristos Yesus garaa keessanii fi yaada keessan in eega.