Murtoo Ogummaa Hin Qabne Rehobi’aam
15 LakkoofsotaAfaan Oromoo1ffaa Mootota 12:1-15
1Rehobiyaam gara Sheekem iddoo itti Israa'eloonni mootii isa gochuuf guutummaatti walitti qabaman in dhaqe.
2Yerobi'aam ilmi Nebaat biyya Gibxii lafa itti Solomoon jalaa baqatee ture sana utuu jiruu kana yommuu dhaga'e, calluma jedhee in ture.
3Yommus gosoonni Israa'el warri gara bitaa erganii Yerobi'aamin in waamsisan; guutummaan waldaa Israa'el isaa wajjin Rehobiyaam bira dhaqanii,
4“Abbaan kee waanjoo nutti ulfaachisee ture, ati immoo hojii ulfaataa fi waanjoo ulfaataa abbaan kee nu irra kaa'e nuuf salphisi! Yommus nuyi immoo siif in abboomamna” jedhan.
5Inni immoo isaaniif deebisee,“Amma beenaatii guyyaa sadii booddee deebi'aa kottaa!” jedhe; kana irratti jarri achii in adeeman.
6Kana booddee Rehobiyaam mootichi maanguddoota dur abbaa isaa Solomooniif gorsa kennaa turan,“Deebii attamii akkan saba kanaaf kennu na gorsitu?” jedhee in gaafate.
7Yommus isaan deebisanii,“Ati har'a saba kanaaf hojjetaa taatee, yoo isaaniif hojjette wanta isaan si gaafataniifis deebii gaarii yoo isaaniif kennite, isaanis immoo yeroo hundumaa siif in hojjetu” jedhan.
8Inni garuu gorsa maanguddoota sanaa tuffatee, dargaggoota warra isaa wajjin guddatan, warra isa gorsanii wajjin in mari'ate.
9Yommus inni,“Saba isa,“Waanjoo abbaan kee nu irra kaa'e kana nuuf salphisi!” jedhu kanaaf deebii maalii kennina” Gorsa maalii anaaf kennitu?” jedhee isaan in gaafate.
10Dargaggoonni hiriyoonni isaa warri isaa wajjin guddatan sun deebisanii,“Saba warra,“Abbaan kee waanjoo ulfaataa nu irra kaa'e, ati immoo waanjicha nuuf salphisi!” jedhan sanaan,“Qubni koo isheen moggeen mudhii abbaa kootii caalaa furdatti.
11Abbaan koo waanjoo ulfaataa isin irra kaa'ee ture, ani immoo isa kan isaa caalaa ulfaatu isin irra nan kaa'a; abbaan koo qacceedhaan isin reebe, ani immoo qaccee isa akka torbaanqabaa nama waraanuun isin nan reeba” jedhi!” jedhan.
12Akkuma mootichi,“Guyyaa sadii booddee deebi'aa kottaa!” ittiin jedhee ture, Yerobi'aamii fi jarri hundinuu guyyaa sadii booddee deebi'anii gara Rehobiyaam in dhufan.
13Mootichi gorsa isa warri maanguddootaa kennaniif tuffatee, deebii cimaa jaraaf in deebise.
14Inni gorsa warra dargaggootaa duukaa bu'ee,“Abbaan koo waanjoo ulfaataa isin irra kaa'ee ture, ani immoo isa kan isaa caalaa ulfaatu isin irra nan kaa'a; abbaan koo qacceedhaan isin reebe, ani immoo qaccee isa akka torbaanqabaa nama waraanuun isin nan reeba” jedhe.
15Wanti kun Waaqayyo biraa waan ta'eef, mootichi dubbii jaraa hin dhaggeeffanne; inni Waaqayyo karaa Ahiiyaan Shiilonichaa Yerobi'aam ilma Nebaatitti dubbate kanaan in raawwatame.