Eebba

26 Lakkoofsota17Afaan Oromoo

Seensa 1:27-28

27Egaa Waaqayyo akka bifa isaatti nama uume, akka bifa Waaqayyootti isa uume; dhiiraa fi dubartii isaan uume;

28Waaqayyo isaaniin,“Horaa, baay'adhaas, lafa guutaa, isas harka jala galfadhaa! Qurxummii galaanaa irratti, simbirroota qilleensa keessa balali'an irratti, uumama lafa irra munyuuqan hundumaa irrattis mootummaa qabaadhaa!” jedhee isaan in eebbise.

Seensa 2:3

3Waaqayyo waan uume hundumaa raawwatee guyyaa torbaffaatti waan boqoteef, guyyaa torbaffaa sana in eebbise, in qulqulleesses.

Seensa 5:2

2yeroo isaan uumes “Nama” jedhee isaan in moggaase; inni dhiiraa fi dubartii isaan uumee isaan in eebbise.

Ba'uu 32:29

29Kana irratti Museen,“Tokkon tokkon keessan ilmaan keessanii fi obboloota keessan irratti waan kaataniif, har'a Waaqayyo biraa eebba akka argattaniif, isin har'a hojii Waaqayyoof of kennaa!” jedhe.

Faarfannaa 1:1

1Namni akka gorsa warra jal'ootaatti hin deddeebine, karaa cubbamoonni irra adeeman irra kan hin ejjenne, warra ga'isanii wajjinis tarree kan hin teenye gammachuu qaba!

Faarfannaa 106:3

3Warri wanta qajeelaa ta'e eegan, warri yeroo hundumaa qajeelummaadhaan hojjetanis haa gammadan!

Fakkeenya 11:11

11eebba gara-qajeelotaatiin mandarri in guddatti, dubbii afaan jal'ootaatiin garuu, gara in gaggalfamti.

Fakkeenya 11:26

26Nama midhaan harka keessa qabatu namoonni in abaaru, mataa nama midhaan gurguruu irratti garuu eebbatu dhufa.

Fakkeenya 20:7

7Namni qajeelaan jireenya mudaa hin qabne jiraata, isa booddees ijoolleen isaa in gammadu.

Fakkeenya 22:9

9Sababii buddeena isaa irraa isa dhabaadhaan ga'uuf, namni arjaan eebbifamaa in ta'a.

Fakkeenya 28:20

20Namni amanamaan baay'ee eebbifama, namni soorummaaf sassatu garuu, utuu hin adabamin hin hafu;

Maatewos 5:3-11

3?Karaa hafuuraatti hiyyeessota warri ta'an haa gammadan, mootummaan waaqaa kan isaanii ti.

4Warri garaan isaanii gadde haa gammadan, isaan jajjabina in argatu.

5Warri garraamiin haa gammadan, isaan biyya isa abdachiifame in argatu.

6Warri waan qajeelaa akka midhaanii beela'anii, akka bishaanii dheebotan haa gammadan, isaan geessifachuuf jiru.

7Warri namaaf oo'an haa gammadan, isaan oo'a in argatu.

8Warri yaadni garaa isaanii qullaa'oo haa gammadan, isaan Waaqayyoon in argu;

9Warri nagaa buusan haa gammadan, isaan ijoollee Waaqayyoo in jedhamu.

10Warri qajeelummaadhaaf jedhanii ari'ataman haa gammadan, mootummaan waaqaa kan isaanii ti.

11?Anaaf jedhanii namoonni yommuu isin arrabsan, yommuu isin ari'atan, (sobaan) waan hundumaa yommuu isin irratti dudubbatanis gammadaa!

Roomaa 12:14

14Warra isin ari'atan eebbisaa, isaan eebbisaa malee hin abaarinaa!

Roomaa 15:29

29Yeroon dhufus, eebba Kristos guutummaatti isiniif fidee akkan dhufu anuu beeka.

Efesoona 1:3

3Waaqayyoof, abbaa gooftaa keenyaa Yesus Kristos isa karaa Kristos eebba hafuuraa hundumaan, waan waaqa irraatiinis nu eebbiseef galanni haa ta'u!

Yaaqoob 3:10

10Afaanuma tokko keessaa eebbii fi abaarsi in ba'a; kun akkas ta'uun irra hin jiru, obboloota ko.

Mul'ata 20:6

6Namni du'aa ka'uu isa duraa kana keessaa qooda qabu attam gammada! Attamis Waaqayyoof kan qulqullaa'ee dha! Duuni lammaffaan warra akkasii irratti humna hin qabu; isaanoo luboota Waaqayyoo, luboota Kristosis ta'anii, isaa wajjin waggaa kuma tokkoof mo'uuf jiru.