Ergamoota
17 Lakkoofsota11Afaan OromooIbraa'oota 13:1-2
Maatewos 26:53
53Ani abbaa kootti dhageessifachuu hin danda'u sitti fakkaataa ree? Innoo ammuma ergamoota duula kudha lama irra caalan iyyuu anaaf in erga ture.
1ffaa Tasalonqee 4:16-17
16Sagaleen guddisee nama abboomu, sagaleen angafa ergamootaa in dhaga'ama, malakanni Waaqayyoos in afuufama. Kana hundumaa wajjin gooftaan waaqa irraa gad in bu'a; warri Kristositti amananii du'an dura in kaafamu.
17Kana booddee nuyi warri utuu hin du'in hafne immoo, isaanumaa wajjin qilleensa keessatti gooftaa simachuudhaaf duumessa keessa ol in butamna; ergasii yeroo hundumaa gooftaa bira in jiraanna.
Maatewos 28:5-6
Roomaa 8:38-39
38Duuni, jireenyi, ergamoonni waaqa irraa, warri bantii waaqaa keessatti aboo qabu jedhamanii sodaataman, wanti amma jiru, wanti dhufuuf jirus hundinuu, wanti humna argisiisuu danda'us, jaalala Waaqayyoottii gargar akka nu hin baafne ani beeka.
39Wanti ol ka'ee jiru, wanti gad fagaatee jirus, uumama keessaa wanti biraas, jaalala Waaqayyoo isa karaa gooftaa keenyaa Kristos Yesus nuuf dhufettii, danda'ee gargar nu hin baasu.
Luqaas 2:14
14Isaan immoo, ?Hooqubaan Waaqayyoof waaqa gubbaatti, nagaanis namoota Waaqayyo itti gammaduuf, lafa irratti? jedhanii Waaqayyoon in faarfatu turan.
1ffaa Qorontos 13:1
1Afaan namoonni yookiis afaan ergamoonni Waaqayyoo dubbataniin dubbadhee, jaalala yoon qabaachuu dhabaadhe, ani akka sibiila kililchuu yookiis dibbee kosh kosh jedhuun ta'e.
Luqaas 15:10
10Akkuma kanatti cubbamaan tokko yaada garaa isaa geddaratee, gara Waaqayyootti yommuu deebi'u, ergamoonni Waaqayyoo akka itti gammadan isinittan hima? jedhe.
Luqaas 1:30-31
Hojii Ergamootaa 1:10-11
10Utuma isaan karaa inni ol ba'e sanattii ija hin buqqifatin, kunoo namoonni uffata adaadii uffatan lama isaan bukkee dhaabatanii,
11?Isin namoota Galiilaa, maaliif dhaabattanii waaqa keessa ilaalaa jirtu? Yesus, inni isin biraa gara waaqaatti ol fudhatame kun, akkuma amma itti gara waaqaa dhaquu isaa argitan kanatti immoo, deebi'ee in dhufa? jedhaniin.
Maatewos 1:20
20Utuu Yoseef kana yaadaa jiruu, kunoo ergamaan gooftaa abjuutti itti mul'atee, ?Yaa Yoseef ilma Daawit, Maariyaam kaadhimni kee hafuura qulqulluudhaan waan ulfoofteef, ishee of biratti fudhachuu hin sodaatin!