Eegumsa
26 Lakkoofsota25Afaan OromooEfesoona 6:11
11Haxxumaa Seexanaatiin mormuu akka dandeessanitti, mi'a lolaa isa kan Waaqayyoo guutummaatti hidhadhaa!
Faarfannaa 32:7
7Ati anaaf golgaa koo ti, ati rakkina irraa ana in eegda; furuu keetiinis ililleen akka na marsu in goota.
Faarfannaa 46:1
1Waaqayyotti nuyi kooluu in galla, inni humna keenya, inni rakkina keessatti gargaaraa ta'uun isaa beekameera.
Ibraa'oota 13:6
6Kanaafis amanannee, ?Gooftaan isa na gargaaruu dha, ani hin sodaadhu; namni maal na gochuu danda'a ree?? in jenna.
Keessa Deebii 31:6
6Waaqayyo gooftaan keessan isinii wajjin in adeema, inni gad isin hin dhiisu, isin hin irraanfatus; kanaafis cimaa, ija jabaadhaa, isaan hin sodaatinaa, hin na'inaas!” jedhe.
Isaayaas 54:17
17si balleessuudhaaf mi'i waraanaa yoo qopheeffame iyyuu, si miidhuu hin danda'u, dubbii warra firdii duratti si hammeessaniis in busheessita; kun wanta garboonni koo ana biraa argatanii dha, isa ani isaaniif dhugaa baasuu dhas” jedhe; Waaqayyo isa kana dubbateera.
Faarfannaa 18:35-36
Faarfannaa 16:1
1Yaa Waaqayyo, ani kooluu sitti galeera, ati na eegi!
Ba'uu 14:14
14Amma Waaqayyo isiniif in lola, isin gabii argadhaa!” jedhe.
Faarfannaa 118:6
6Waaqayyo gara koo erga ta'ee ani hin sodaadhu, namni maal na gochuu danda'a”
Filiphisiyus 4:13
13Jabina gooftaan anaaf kennuun waan hundumaa gochuu nan danda'a.
Faarfannaa 119:114
114Ati anaaf golgaa koo ti, gaachana koo tis, ani dubbii kee abdiidhaan nan eeggadha.
Isaayaas 46:4
4yommuu isin dulloomtanii harrii baaftanis anumatu isin baata, dur anatu hojjete, anatu baates, ammas anatu baata, anatu fayyisas.
Fakkeenya 4:23
23wanti jireenyaaf barbaachisu yaada garaa keessaa waan ba'uuf, yaada kee ba'eessa godhii eeggadhu!
Faarfannaa 18:30
30Waaqayyo kun karaan isaa mudaa hin qabu, dubbiin isaa dhugaa ta'uu isaa amansiiseera; Waaqayyo warra isatti kooluu galan hundumaaf gaachana.
Faarfannaa 16:8
8Waaqayyo yeroo hundumaa fuula koo dura anaaf jira, inni mirga koo waan jiruufis ani hin shishu;
Faarfannaa 59:16
16Ani garuu waa'ee aangoo kee nan faarfadha, gaarummaa keetiifis ganama ganama sagalee gammachuu nan dhageessisa. ati anaaf da'oo taateetta, guyyaa rakkinni ana irra ga'ettis iddoo baqannaa anaaf taateetta.
Faarfannaa 3:3
3Ati garuu yaa Waaqayyo, naannoo kootti gaachana anaaf in taata; ati ulfina koo ti, mataa koos ol ol in qabda.
Roomaa 8:31
31Kana hundumaa irratti Waaqayyo gara keenya erga ta'ee, eenyutu nu irratti ka'a jenna ree?
Faarfannaa 118:8
8Nama amanachuu irra Waaqayyotti kooluu galuu wayya.
Fakkeenya 30:5
5“Dubbiin Waaqayyoo hundinuu dhugaa ta'uun isaa amansiiseera, inni warra isatti kooluu galan hundumaaf gaachana.
Faarfannaa 34:22
22Waaqayyo lubbuu hojjetoota isaa in fura, warra isatti kooluu galan keessaas tokkotti illee yakki hin muramu.
Isaayaas 1:17
17Gaarii gochuu baraa! Firdii qajeelaa duukaa bu'aa! Warra nama miidhan ifadhaatii qajeelchaa! Ijoollee abbaan irra hin jirreef faradaa! Haadha hiyyeessaaf falmaa!
2ffaa Saamu'eel 22:32
32“Goofticha malee Waaqayyo eenyu ree” Waaqayyo keenya malees kattaa jabaan eenyu ree”
Fakkeenya 18:10
10Maqaan Waaqayyoo gimbii jabaa dha, namni qajeelaan gara isaatti baqatee in oola.